{"id":5317,"date":"2025-08-08T13:29:18","date_gmt":"2025-08-08T13:29:18","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5317"},"modified":"2025-08-08T13:29:18","modified_gmt":"2025-08-08T13:29:18","slug":"teekuwaandoo-tooftaa-amala-fafee-irraa-bilisa-ittiin-taan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/08\/08\/teekuwaandoo-tooftaa-amala-fafee-irraa-bilisa-ittiin-taan\/","title":{"rendered":"Teekuwaandoo: Tooftaa Amala Fafee Irraa Bilisa Ittiin Ta\u2019an"},"content":{"rendered":"<p>&#8220;Teekuwaandoo&#8221; jechi jedhu hiika &#8221;harkaafi miilaan ofirraa qolachuu&#8221; jedhu ofkeessaa qaba. Bara durii bineensota miidhaa namarraan geessisan ittiin ofirraa qolachuuf itti dhimma bahamaa akka turetu himama. Ka&#8217;umsi Teekuwaandoo Kooriyaa keessatti waggoota baay&#8217;ee dura kan jalqabe ta&#8217;uu ragaaleen ni mul&#8217;isu. Teekuwaandoon yeroo jalqabaaf akkaataa maarshaal aartiin bara durii waggoota 5000 dura akka shaakalamaa ture ni tilmaama.\u00a0 Bara sanatti waan tokko ofirraa ittisuuf harka duwwaafi miilaan malee meeshaan waraana ammayyaa yeroo ammaa jiru kun hin turre. Kanaafuu, qaama miidhaa namarraan gahuu dhufe tokko tooftaa maarshaal aartii harka qullaa fayyadamuun ofirraa qolachuun akka ture tilmaamuun nama hin rakkisu. Yeroo ammaa Teekuwaandoon ammayyoomee babal&#8217;achuun kutaalee addunyaa walgahee jira.<\/p>\n<p>Magaalaa Kamiseetti Sabboontuu Fiqaaduu maarshal aartii teekuwaandoo \u2018Taayiger Internaashinaal Teekuwaandoo\u2019tti leenji&#8217;aa kan jirtu yoo taatu teekuwaandoon naamusa gaarii horachuufi gahumsa qaamaa gonfachuuf faayidaa olaanaa qabaachuu himteetti. Keessumaa ijoollee dubaraaf barbaachisaa ta&#8217;uu kaastee, qaamni humnaan isa caalu humna isaa fayyadamee miidhaaf akka isa hin saaxilleef gahumsi of eeguu isaa waan dabaluuf dubartoota ispoortiitti jajjabeessuun gaarii ta&#8217;uu isaa dubbatteetti. &#8221;Teekuwaandoon fayyaa, jabeenyaafi guddina qaamaaf baay&#8217;ee barbaachisaadha&#8221; jetteetti.<\/p>\n<p>Araadaan qabamuufi dhukkuboota garaagaraa irraa bilisa ta&#8217;uuf teekuwaandoon faayidaa olaanaa qabaachuu kan dubbate ammoo, leenji&#8217;aa biroo Hasan Ahamdidha. Kanneen araadawwan garaagaraan qabamanii jiran keessaa bahuuf teekuwaandoo hojjechuun gaarii ta&#8217;uu dubbatee, bakkeewwan barbaachisoo hin taaneefi dhukkuboota adda addaarraa bilisa ta&#8217;uuf dargaggoonni gara ispoortiitti akka dhufuu qaban gorseera.<\/p>\n<p>Magaalaa Kamiseetti, leenjisaan teekuwaandoo Kilabii Hiiroo kan ta&#8217;e, Saabom Oromtichaa, dhuunfaa isaan ispoortii shaakalaa turuu dubbateera. Haata&#8217;umalee, magaalicha keessa dargaggoonni baay&#8217;een araadaaf waan saaxilamaniif hanga danda&#8217;ameetti araada keessaa baasuuf gara leenjisuutti seenuu himeera. Magaalicha keessatti teekuwaandoon dargaggoota waggaa 17 leenjisaa turuu dubbateera. Akka leenjisaan kun jedhutti, yeroo ammaa daa&#8217;imman, dargaggootaafi gaheessota bakka sadiitti qoodee miseensota 80 teekuwaandoo leenjisaa jira. \u2018\u2019Shamarran akkuma dhiiraa teekuwaandoo hojjechuuf gahumsa qabu\u2019\u2019 kan jedhu Saaboom, kanaaf gama isaatiin shamarraan hojjechuu danda&#8217;uu isaanii ifatti baasee mul&#8217;isee jiraachuu caqaseera.<\/p>\n<p>Leenjisichi, &#8221;nuti ofirraa ittisuun mirga uumamaati jennee amanna, ijoolleen shamarranii ofitti amanamummaa isaanii guddifachuufi hubaatii garaagaraa jalaa ooluuf shakalli maarshaal aartii baay&#8217;ee isaan barbaachisa jedheera. Ammayyummaa addunyaaf maddisaa aartii ta&#8217;uu kaasee, shamarranis ta&#8217;e kanneen biroon maarshaal aartii shakaaluu akka qaban gorseera.<\/p>\n<p>Dursaan garee Qajeelcha Ispoortii Bulchiinsa Sablammii Oromoo, obbo Tsaggaayee Baqqalaa, teekuwaandoon bakka hin mallerraa dargaggoota baraaruun guddinaafi jabeenya qaamaan akka cimaniif gargaaruun cinatti naamusa gaarii kan barsiisuu ta&#8217;uu dubbataniiru. Dursaan garichaa, gosoota ispoortii kutaalee bulchiinsichaa keessa jiran jajjabeessuuf ciminaan kan hojjetan ta&#8217;uu himaniiru. Gama qajeelchichaan bakkeewwan ispoortiin itti hojjetaman qopheessuuf karoora qabaachuus himaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&#8220;Teekuwaandoo&#8221; jechi jedhu hiika &#8221;harkaafi miilaan ofirraa qolachuu&#8221; jedhu ofkeessaa qaba. Bara durii bineensota miidhaa namarraan geessisan ittiin ofirraa qolachuuf itti dhimma bahamaa akka turetu himama. Ka&#8217;umsi Teekuwaandoo Kooriyaa keessatti waggoota baay&#8217;ee dura kan jalqabe ta&#8217;uu ragaaleen ni mul&#8217;isu. Teekuwaandoon yeroo jalqabaaf akkaataa maarshaal aartiin bara durii waggoota 5000 dura akka shaakalamaa ture ni tilmaama.\u00a0 [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5318,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5317"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5317"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5317\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5319,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5317\/revisions\/5319"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5318"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5317"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5317"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5317"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}