{"id":5323,"date":"2025-08-08T13:34:31","date_gmt":"2025-08-08T13:34:31","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5323"},"modified":"2025-08-08T13:42:09","modified_gmt":"2025-08-08T13:42:09","slug":"giddugala-calaqqee-aadaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/08\/08\/giddugala-calaqqee-aadaa\/","title":{"rendered":"Marii: Hundee Waliin Jiraachuu"},"content":{"rendered":"<p>Uummatni\u00a0 Itoophiyaa daangaafi birmadummaa biyya isaaf arsaa guddaa kan kaffaluufi uummata,\u00a0 biyya isaaf dursa kan kennudha. Sirna gita bittootaafi weerartootni yeroo adda addaatti\u00a0 birmadummaa biyyaa sarbuuf yaalii taasisaa turan kan salphisee deebise, uummata gootadha. Itoophiyaanootni of bira darbanii bilisummaafi walqixxummaa biyyoota biroof\u00a0 kan qabsa&#8217;aan uummata boonsaa Afrikaa keessatti fakkeenya mallattoo bilisummaa ta&#8217;aaniidha.<\/p>\n<p>Uummatni kun akkuma gootummaa qabu, nageenyaas kan jaallatuudha.\u00a0 Bakka kamiyyuu\u00a0 jiraatus, amantaa kamiyyuu hordofuus\u00a0 afaanoota garaagaraan tajaajilamus, aadaafi duudhaan isaa gargar ta&#8217;uus waliin jireenyaafi nageenyaaf, uummata bakka guddaa kennudha.\u00a0 Haata&#8217;umalee haala\u00a0 aadaafi duudhaa Itoophiyaanootaan ala ta&#8217;een, qaamooleen fedhiifi faayidaa dhunfaa isaanii qawween milkeessuuf barbaadan yeroo sosocho\u2019an ni mullata.<\/p>\n<p>Rakkoolee mudatan mariin hiikuu irra kanneen qawwee kaasuun, nageenya uummataa boreessaniifi waliin jireenya uummataa kan jeeqan naannoolee biyyatti garaagaraa keessatti uumamaniiru. Akka biyyaatti rakkoolee haala kamiyyu keessatti\u00a0 uumaman hiikuu kan dandeessisu duudhaaleen hawaasummaa garaagaraa jiraatanis, haalaan fayyadamuu dhabuun biyyattii gatii guddaa kaffalchisaa jira.\u00a0 Rakkoo nageenya waggoottan muraasa asitti uumameen, misoomni biyyaatti gufateera, nagaan bahanii galuun rakkisaa ta&#8217;eera, waliin jireenyi uummattoota biyyattis wal shakkii keessa akka galu ta&#8217;eera, darbes lubbuu lammiilee hedduu galaafateera. Carraa hojii\u00a0 dargaggootaaf uumuu irrattis dhiibbaa guddaa dhaqqabsiseera, dhaqqabsiisaa jiras.<\/p>\n<p>Jiraataa magaalaa Addis Ababaa kan ta&#8217;e dargaggoo Addunyaa Asaffaan,\u00a0 haalli biyyattii keessa jiru sochii guyyuu lammiilee irratti dhiibbaa geessisaa\u00a0 jiraachuu dubbateera. Walitti bu&#8217;insi bakkeewwan garaagaraatti uumamee kun furmaata argachuu kan danda&#8217;u mariin akka ta&#8217;ees yaada isaa ibseera. Aadaa rakkoolee mariin hiikuu akka biyyaatti cimsuun akka barbaachisu dubbachuun, kunis qarominni kan itti madaalamuudha jedheera. Kanaanis qaamoleen hidhatanii socho&#8217;aniis ta&#8217;e mootummaan nageenya uummataafi biyyaaf jedhani mari&#8217;achuu\u00a0 qabu jechuun gaafateera.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Qaamoleen dhimmi biyyaa nu galcha jedhan hundi, waliin dubbachuufi mari&#8217;achuuf fedhii qabaachuu qabu\u2019\u2019\u00a0 kan jedhan immoo jiraataa magaalaa Baahir Daar obbo Taaddasa Animut, sababa rakkoo nageenyaatiin biyyattii keessatti jireenyi qaala&#8217;e jira, hojii dhabdummaanis yaaddoo guddaa ta&#8217;a dhufaniiru. Rakkoo kana furuuf marii dhugaa ta&#8217;e gaggeessuun barbaachiiasa ta&#8217;us ibsaniiru.<\/p>\n<p>Kolleejjii barsiisoota Kamiseetti barsiisaa Lammummaafi Amala gaarii kan ta&#8217;an Magarsaa Baay&#8217;isaa, rakkoon biyyattii keessa hanga ammaa mudachaa jiru hundi, marii dhugaafi haqa qabeessa ta&#8217;e taasisuu dhaburra kan ka&#8217;e ta&#8217;u akka malu dubbataniiru. Rakkooleen waggoottan darban uumaman miidhaa hedduu dhaqqabsiisus himaniiru. Rakkichi qabeenya caalaa lubbuu lammiilee bakka bu&#8217;uu hin dandeenye hedduu dhabsiisuu kaasaniiru. Waldhabdeleen addunyaa\u00a0 kanarratti uumaman dhumni isaanii mariifi waligaltee ta&#8217;u kan ibsan barsiisaa Magarsaan, waraana darberraa muxannoo fudhatanii mari&#8217;achuu dhabuun ammallee arsaa guddaa kaffalchisaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Rakkoon uumamuus kan furamuu qabu qawween osoo hin taane mariin ta&#8217;uu qabas jedhaniiru. Rakkoolee hawaasummaa, dinagdeefi rakkooleen siyaasaa fala kan argatan wal dhaggeeffachuufi waliin mari&#8217;achuun qofa ta&#8217;uu ibsaniiru. Mariin hanga ammaatti osoo gadii taa&#8217;ame mari&#8217;atame, rakkoon biyyattii keessa mudate kun hin uumamu ture jechuun yaada isaanii ibsaniiru. Fakkeessuuf osoo hin taane marii dhugaaniifi rakkoo hiikuu danda&#8217;u garaa qulqulludhaan yoo adeemsifame biyyattiin rakkoo kana keessaa bahuu akka dandeessuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Aadaafi duudhaalee rakkoolee ittiin hiikaman sabaafi sablammootni Itoophiyaa baroota kumaatamaaf ittiin tajaajilaman hedduu qabaatanis, duudhaalee kanneen sirriitti fayyadamuu dhabuun rakkoo fidaa jira jedhaniiru. &#8220;Kan keenyaa dhiifnee qaroomina nutti fakkaatee kan warra biraa leellisuun gatii guddaa nu kaffalchiseera&#8221; jedhaniiru. Sabaafi sablammootni Itoophiyaa hundi isaanii aadaa ittiin rakkoo hiikkatan, aadaa ittiin mari&#8217;atan hedduu kan addunyaa maraaf fakkeenya ta&#8217;u waan qabaniif,\u00a0 rakkoo isaanii mari&#8217;achuun tokkummaafi waliin jireenya isaanii cimsuu qabu jedhaniiru. &#8220;Aadaafi duudhaalee rakkoole keenya hiiknu maqaa qaroominaatiin awwaalame jira\u2019\u2019 kan jedhan barsiisichi, kana booda dhalootni dammaquu akka qabus hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Hayyootnifi hoggantootni ilaalcha isaanii rakkoolee karaa nagaafi mariin hiikuu irratti\u00a0 hanqina qabaachuu kaasaniiru. Haala barbaadamuun dhaloota hubachisuu dhabuu, sirriitti hojjechuu dhabuu, hubannoo gama siyaasaan jiru sirriitti hubachisuu dhabuun yeroo caalaa hanqina\u00a0 hayyootaafi hoggantoota bira mul&#8217;atudha jedhaniiru. Walumaagalatti biyyattiin rakkoo nageenya ishee mudate keessaa bahuuf mariin biyyaalessaa eegalame yoo haalaan fayyadamuun danda&#8217;ame carraa guddaa kan fidu ta&#8217;u himaniiru. Mariin adeemsifamu qaama hawaasaa hunda kan hirmaachisu yoo ta&#8217;e bu&#8217;aa guddaa akka fidus eeraniiru.<\/p>\n<p>Haayyuun saayinsii siyaasaa Abdurraamaan Ahmad (Dr) Itoophiyaan duudhaalee walitti bu&#8217;insaa kan ittiin hiikaa turte, ammayyummaa waliin sirnaan wal simsistee deemuu dhabuun, yeroo ammaa garaagarummaawwan jiran\u00a0 mariifi waliigalteen hiikuun laafaa dhufuu himaniiru.\u00a0 Fudhatamummaa duudhaalee rakkoo hawaasummaa hiikan deebisuuf tattaaffii qinda&#8217;aan akka barbaachiisu himaniiru. Rakkoolee mudatan humnaan furuu yaaluun baba&#8217;lachaa dhufuu kan kaasan hayyuun kun, waan kana ta\u2019eef rakkoolee naannawa garaagaraatti mudatan\u00a0 uummatni duudhaa gaarii rakkoolee ittiin hiikuu qabu cimsuun, rakkoolee siyaasaa haala itti fufinsa qabuun hiikuun, waliin jireenya cimsuufi\u00a0 biyya nageenyi ishee mirkanaa&#8217;eefi fooyya&#8217;aa taatee dhalootaaf dabarsuuf hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru. Dhalootni ammaa gorsa hangafootaafi hoggantoota isaa dhagahuun nageenyaafi tasgabbii biyya isaaniif hojjechuu qabu jedhaniiru. Dhaloota rakkoolee jiran mariin hiikuuf dursa\u00a0 kenne hojjetu uumuun barbaachisaa ta&#8217;uufi, akka uumataattis kana aadaa godhachuun murteessaa ta&#8217;uu hayyuun kun hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Uummatni\u00a0 Itoophiyaa daangaafi birmadummaa biyya isaaf arsaa guddaa kan kaffaluufi uummata,\u00a0 biyya isaaf dursa kan kennudha. Sirna gita bittootaafi weerartootni yeroo adda addaatti\u00a0 birmadummaa biyyaa sarbuuf yaalii taasisaa turan kan salphisee deebise, uummata gootadha. Itoophiyaanootni of bira darbanii bilisummaafi walqixxummaa biyyoota biroof\u00a0 kan qabsa&#8217;aan uummata boonsaa Afrikaa keessatti fakkeenya mallattoo bilisummaa ta&#8217;aaniidha. Uummatni kun akkuma [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5332,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5323"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5323"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5323\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5333,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5323\/revisions\/5333"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5332"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5323"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5323"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5323"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}