{"id":5327,"date":"2025-08-08T13:37:07","date_gmt":"2025-08-08T13:37:07","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5327"},"modified":"2025-08-08T13:37:07","modified_gmt":"2025-08-08T13:37:07","slug":"giddugala-calaqqee-aadaa-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/08\/08\/giddugala-calaqqee-aadaa-2\/","title":{"rendered":"Giddugala Calaqqee Aadaa"},"content":{"rendered":"<p>Akkuma biqiltuun tokko guddachuuf kunuunsi karaa adda addaa isa barbaachisuutti aadaan hawaasa tokkoos guddachuuf hireen isaa akkuma biqiltuu kanaa ta\u2019uu barbaachisa. Aadaa isa ganamaa hawaasa keessa jiru sana, baasanii mullisuun, itti gargaaramuufi addunyaa jiruu ofii ittiin tolfachuuf dhimmootni barbaachisoon hedduun haa jiran malee adda durummaan kan maqaa dhahuu dandeenyu, aadaalee kanneen kunuunsuuf duudhaa isaanii osoo hin gadhiisin tursiisuu danda\u2019uufi keessumatti ammoo yeroo ammaa ammayyummaan boora\u2019ee akka hin badne taasisuun isaan ijoodha. Aadaalee kan jedhaman kanneen kunuunsuufi eegumsa barbaachisaa taasisuuf bakkiifi akkaataan ogummaan ogeessaafi saayinsiin deggaramuun waan bu\u2019aa guddaa argamsiisuu danda\u2019u ta\u2019uu danda\u2019a.<\/p>\n<p>Naannoon Amaaraas aadaaleen hiikaa dachaafi faayidaa hedduu kennuu danda\u2019an naannoo itti argaman yoo ta\u2019u, aadaalee hawaasicha keessa jiran gama Og-aartiin baasanii gandoota irraa eegaluun hanga sadarkaa idil-addunyaatti aadaa hawaasa Naannicha mullisuu irratti kan argamu, magaala Baahir Daaritti kan argamu Giddugala aadaa Mulu\u2019aalem isa dorgomaa hin qabnedha. Yeroo hedduus hojiileen damee aadaafi aartiin wal qabatan bakka kanatti haalan irratti kan xiyyeeffataman yoo ta\u2019u, bakka seena qabeessa guddina aadaafi duudhaa akkasumas og-aartii hawaasichaa isa guddicha jechuu ni dandeenya. Giddugala kanatti leenji\u2019uun artistootaafi barreessitoota, taatota jajjaboos ta\u2019uu kan danda\u2019an yoo ta\u2019u isa irra iyyuu darbuun aadaa uummata Itoophiyaa waltajjiiwwan gurguddaa adduyaa hedduu irratti mullisuun kan beekaman dargaggoota galma kana keessatti shaakallii gaggeessanidha.<\/p>\n<p>Waqtii gannaa amma keessa jirru kanatti ammoo dargaggoota adda addaa barattootaafi jiraattota magaalaa Baahir Daar akkasumas jaallattoota aartiif \u201cwaltajjii og-aartii Amaaraa Lazzaa\u201d jedhamu ji\u2019atti yeroo tokko qopheessuun aadaafi duudhaa akkasumas gama aartiin hojii guddaa hojjechuu irratti argama. Waltajjii ji\u2019atti yeroo tokko qophaa\u2019u kana irrattis dargaggootni heddumminaan kan hirmaatan yoo ta\u2019u, kanneen ogummaa aartii qaban, garuu kennaa isaanii of keessatti hin beekne hedduun waltajjii itti ogummaafi kennaa isaanii waliin wal argatan ta\u2019uu isaaf dargaggootni hedduun ragaa bahu.<\/p>\n<p>Dabalataanis yeroo ganna kanatti barattootni bakka hin taanetti yeroo isaanii akka hin balleesineef faayidaa guddaa qaba kan jette hirmaattuu sagantaa kanaa Amalawarq Darajjee, \u201cwaqtii gannaa kana barattootni yeroo barnoota irraa ala ta\u2019an waan ta\u2019eef, hedduun isaanii bakka kana dhufuun kennaa isaanii wajjin wal baru, achumaanis ogummaa aartii qaban guddifatu\u2019\u2019 jetteetti. Waltajjii kana irrattis hojiilee dhihaatan keessaa walaloon isa tokko yoo ta\u2019u, jechootaan kuulamanii dhugaan hawaasa keessa jiran ni dhihaatu. Taajjabbii isaanii hawaasa keessatti argan akkasumas waan jajjabeefamuu qabu irratti bifa walaloon ni dhihaata.<\/p>\n<p>Sirbootni adda addaa, uffata aadaa saboota hedduu kan mullisuufi fakkeenya tokkummaa ta\u2019e, ni sirbamu; meeshaalee muuziqaa aadaa sagalee kiiloleen gurratti nama tolanis sirboota jaalala biyyaa mullisaniin faayamee qalbii hirmaattotaa hawwataa. Jiruufi jireenya hawaasa biyyattii, jaalalaafi tokkummaa sabaafi sablammootaafi hariiroo hawaasummaa bifa diraamaafi tiyaatiraan ni dhihaatu. Qorannoo adda addaa dabalatee hojiileen og-aartii biroonis ballinaan bakka itti gaggeeffamu kunuunsaafi guddina aadaa naannichaaf bakka shoora olaanaa taphachuu irratti argamudha.<\/p>\n<p>Dargaggoo Sintaayyoo Sinnishaaw, barreessaafi walaleessaa yoo ta\u2019u namoota hojilee isaanii waltajjii kana irratti dhiheessan keessaa isa tokkodha \u201chawaasni keenya bahumsaafi galumsi isaa, nyaataafi dhugaatiin, gaddaafi gammachuu akkasumas jiruufi jireenyi isaa hundi og-aartiin kan hammatamedha\u2019\u2019 jechuun yaada isaa nuuf qoodeera. Waltajjiin kunis aadaalee kanneen hawaasicha keessa jiran baasuun kan mullisudha jechuun dubbateera. \u2018\u2019Hojiilee damee kanaan jiran guddisuufi mullisuu keessatti giddu galli aadaa kun hojii guddaa hojjechaa ture, ammas hojjechaa jira, boris kan kana caalutu nurraa eegama\u2019\u2019 kan jedhan ammoo Giddu gala Aadaa Mulu\u2019aalemitti Daayireektara olaanaa kan ta\u2019an obbo Gabramaariyaam Yirgaadha. Dargaggoo hedduun asitti yeroo isaanii dabarsaa og-aartiifi aadaa hawaasa isaanii baratu, kaayyoon keenya inni guddaanis dhaloota ol adeemoo aadaa kana itti fufsiisuu danda\u2019an horachuu dha jedhaniiru. Qabeenya biyya kanaa kan ta\u2019e aadaafi duudhaa isaa kunuunsuufi guddisuu akkasumas baasanii mullisuu keessatti hunduu gahee isaa bahachuu qaba jechuunis dhaamsa isaanii dabarsaniiru.<\/p>\n<p>Suurraa Iddoosaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Akkuma biqiltuun tokko guddachuuf kunuunsi karaa adda addaa isa barbaachisuutti aadaan hawaasa tokkoos guddachuuf hireen isaa akkuma biqiltuu kanaa ta\u2019uu barbaachisa. Aadaa isa ganamaa hawaasa keessa jiru sana, baasanii mullisuun, itti gargaaramuufi addunyaa jiruu ofii ittiin tolfachuuf dhimmootni barbaachisoon hedduun haa jiran malee adda durummaan kan maqaa dhahuu dandeenyu, aadaalee kanneen kunuunsuuf duudhaa isaanii osoo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5328,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5327"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5327"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5327\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5329,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5327\/revisions\/5329"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5328"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5327"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5327"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5327"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}