{"id":5342,"date":"2025-09-06T09:51:21","date_gmt":"2025-09-06T09:51:21","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5342"},"modified":"2025-09-06T09:51:21","modified_gmt":"2025-09-06T09:51:21","slug":"nuti-kan-hiine-naayil-osoo-hintaane-abbayyaadha-ministira-muummee-doktar-abiy-ahmad-dr","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/09\/06\/nuti-kan-hiine-naayil-osoo-hintaane-abbayyaadha-ministira-muummee-doktar-abiy-ahmad-dr\/","title":{"rendered":"&#8220;Nuti kan Hiine Naayil Osoo Hintaane Abbayyaadha&#8221; Ministira Muummee Doktar Abiy Ahmad (Dr)"},"content":{"rendered":"<p>Gorsaan dhimmoota hawaasummaa ministira muummee Mu\u2019aaze Xibabaat Diyaaqon Daani&#8217;eel Kibrat mata duree \u201cXumura Bara Quucaruu\u201d jedhuun ministira muummee Abiy Ahmad (Dr) waliin Gubaa irratti mari\u2019achuun isaanii ni yaadatama. Mata duree \u201cXumura Bara Quucaruu\u201d jedhuun Gubaa irratti turtii taasisaniin, hordoffiifi raawwii milkaa\u2019aa pirojektii hidha haaromsaan walqabatee ibsa taasisaniiru. Muummichi ministiraa xumuramuu hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa hordofee ibsa kennaniin &#8221;nuti kan hiine Naayil otoo hin taane Abbayya jechuun dubbataniiru. \u201cKan nuuf malu hir\u2019isuunis ta\u2019e kanneen biroof kan malu hambisuun haqa dabsuudha; kan nuuf malu karaa qajeelaa ta\u2019een fayyadamnee kanneen biroof kan malu gochuun garuu haqa qabeessummaadha&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Abbayyaan maqaan isaa guddaa jechuu yoo ta&#8217;u, waan guddaa kan irraa eegamu ta&#8217;uu addeessaniiru. Hojii tokko jalqabanii xumuruuf,dursanii ilaaluuf dandeettii barbaada jedhaniiiru. Haala kanaan waggoottan torban darbaniif gara hidha haaromsaa guddichaatti deddeebi\u2019uun hordofaa turuu isaanii kaasaniiru. Hojii kamiifuu hordoffiin murteessaa ta\u2019uu ibsanii, haadholiin dhama\u2019anii ijoollee isaanii akkuma bu\u2019aaf qaqqabsiisan, hojjettoonni dhama\u2019an biyya isaanii bu\u2019aaf qaqqabsiisaniiru, wanti Itoophiyaa keessatti ta\u2019aa jirus kanuma jedhaniiru. Yaa&#8217;a Abbayyaatiin hidha hedduu ijaaruun inarjii hedduu oomishuun, biyya keenya bira darbinee naannicha ibsuu dandeenya kan jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahmad, yeroo kana goonu biyyoota yaa&#8217;a isaarraa bishaan isaaniif malu osoo hin hambisiini jedhaniiru.<\/p>\n<p>Seenessi baroota baay&#8217;ee jijjiiramee, ifa abdii heddummootaa kan baase hidhi haaromsa Itoophiyaa ijaaramee sadarkaa kanarra gahuun isaa cichoominaafi gahumsa uummata Itoophiyaa kan hubachiisudha jedhaniiru. Xumuruun hidhichaa Itoophiyaa keessatti dacha seenaa mirkaneessuun kadhannaafi hawwii koo isa xumuraa ture jechuun ibsaniiru. Dhiibbaawwan siyaasa teessumaan, hanqina maallaqaafi dandeettiin hanga yoonaa osoo hin hidhamin turee weedduuwwaniifi roorroo seenessa xiiqii namatti uumuun marfamee kan ture tahuus yaadataniiru. Lagni Abbayyaa gannaafi bona kan hin gogne, laga dheerticha addunyaa fageenya dheeraa qaxxaamuree deemu tahuu yaadachiisaniiru. Maqaan isaa kan jijjiiramu wayita Kaartuum gahu ta&#8217;uu eeraniiru. Kaayyoon hidhichaa inarjii oomishuufi bishaan barbaachisu karaa sirrii ta\u2019een gadi lakkisuu ta\u2019uu ibsaniiru. Hidhi haaromsaa dinqiidha,\u00a0 akka pirojektoota birootti kan ilaalamu miti.<\/p>\n<p>Daba, badii, harqoota hiyyummaa yeroo dheeraaf ture kan dhaabsisuufi waan haaraa akka arginu kan nu gargaarudhas jedhan muummichi ministeera. Doktar \u200eAbiy, hidhi Haaromsaa wal ta&#8217;aniifi ida&#8217;amanii hojjannaan bu&#8217;aa argachuuf danda&#8217;an kan mul&#8217;isudha jechuun qormaatni keessa bahame nuffisiisaafi ulfaataa ta&#8217;uullee\u00a0 yaadataniiru. Kana boodas yaa&#8217;a laga Abbayyaa irratti Hidha dabalataan ijaaruun naannawa baha Afriikaafi guutummaa Afrikaa ibsuu dandeenyas jedhaniiru. Yoo ida\u2019amneefi dhamaanee hojjenne kan yaanne ni milkaa\u2019a, kanaaf ammoo hidhi haaromsaa agarsiiftuudha jechuun eeraniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Gorsaan dhimmoota hawaasummaa ministira muummee Mu\u2019aaze Xibabaat Diyaaqon Daani&#8217;eel Kibrat mata duree \u201cXumura Bara Quucaruu\u201d jedhuun ministira muummee Abiy Ahmad (Dr) waliin Gubaa irratti mari\u2019achuun isaanii ni yaadatama. Mata duree \u201cXumura Bara Quucaruu\u201d jedhuun Gubaa irratti turtii taasisaniin, hordoffiifi raawwii milkaa\u2019aa pirojektii hidha haaromsaan walqabatee ibsa taasisaniiru. Muummichi ministiraa xumuramuu hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa hordofee [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5343,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5342"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5342"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5342\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5344,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5342\/revisions\/5344"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5343"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5342"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5342"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5342"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}