{"id":5348,"date":"2025-09-06T09:57:17","date_gmt":"2025-09-06T09:57:17","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5348"},"modified":"2025-09-06T09:57:17","modified_gmt":"2025-09-06T09:57:17","slug":"hubannoo-itti-fayyadama-miidiyaa-hawaasaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/09\/06\/hubannoo-itti-fayyadama-miidiyaa-hawaasaa\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0 Hubannoo Itti Fayyadama Miidiyaa Hawaasaa"},"content":{"rendered":"<p>Tamsa\u2019inni odeeffannoo sobaa biyyoota addunya hedduuf dhimma qormaata ta\u2019e keessaa isa tokkodha. Odeeffannoowwan sobaa kunneen ta\u2019e jedhamee burjaajii uumuuf kan tamsa\u2019an yookiin immoo osoo hin beekiin dogoggoraan kan tamsa\u2019an yoo\u00a0 ta\u2019uu\u00a0 uummata biyya tokko gidduutti, walqoodinsi, jibbiinsi,\u00a0 walshakkiinifi walitti bu&#8217;insi\u00a0 akka baay\u2019atu\u00a0 sababa guddaa ta&#8217;uu ni danda&#8217;u. Kana malees miidhaa lubbuu namaarratti dhaqqabuufi mancaatii qabeenyaaf sababa yeroo ta\u2019us ni mul\u2019ata.<\/p>\n<p>Tamsa\u2019inni odeeffannoo qabiyyee dogongoraa qabu, barreeffama, afaaniin, maxxansaafi dijiitaalaan bifa oduutiin dhiyaachuu ni danda&#8217;a. Odeeffannoowwan\u00a0 sobaa kan uumaman, yookiin kan tamsa&#8217;an, namoota dogoggorsuuf, jeequmsa kakaasuufi uummata burjaajessuuf yoo ta\u2019u, mootummootni\u00a0 adda addaas\u00a0 yeroo garaagaraatti yaada ummataafi kallattii mormii uummataa to\u2019achuuf akka itti fayyadamaa turan ni himama. Kanaan dura oddeeffannoo\u00a0 sobaa tamsaasuun haalli mijataan kan hin turreefi ulfaataa kan ture ta\u2019us,\u00a0 yeroo ammaa garuu babal\u2019inni isaa\u00a0 daran saffisaan\u00a0 dabalaa jira. Keessumaa erga warraaqsa miidiyaa hawaasummaan uumame\u00a0 as tamsa&#8217;inni odeeffannoo dogogoraa sadarkaa olaanaan dabaleera.<\/p>\n<p>Haala waqtaawaa biyya keenyaa waliin walqabatee odeeffannoon sirrii hin taane miidiyaa hawaasummaan saffisaan tamsaasuun waan danda&#8217;amuuf odeeffannowwan jireenya lammiilee biyyaattii balaa irra busan tamsa&#8217;aa turaniiru. Sabni tokko saba isa biraa irratti akka ka&#8217;u taasisuuf, seeneffama sirrii hin taane bocuun, qaamoleefi dhaabbileen odeeffannoo sobaa tamsaasan hedduun biyyattii keessatti uumamaniiru. Nageenyaafi tasgabbiin akka hin uumamne, biyyattiin imala misoomaa eegalte akka hin milkeessine\u00a0 ergama diinaa qabatanii qaamoleen odeeffannoo sobaa tamsaasuun uummata burjaajessan\u00a0 heddudha.\u00a0 Odeeffannoo kamiyyuu miidhaa sababa odeeffannichaan dhufuu danda\u2019uuf akka hin saaxilamneef of eeggannoo gochuun barbaachisaa ta&#8217;u fayyadamtootni miidiyaa hawaasummaa dubbataniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan Magaalaa Addis Ababaa kan ta&#8217;an barsiisaa Darajjee Dhugaasaa,\u00a0 odeeffannoo sirrii hin taane tamsaasuun uummatni akka walitti bu&#8217;uufi biyyattiin akka hin tasgabboofne\u00a0 taasisuuf kan kaayyeeffame waan ta&#8217;eef hawaasni miidiyaa hawaasummaa yeroo fayyadamu dhugummaa isaa mirkaneessuun ta&#8217;u qaba jedhaniiru.\u00a0 Waantoota miidiyaa hawaasummaan tamsa&#8217;an ilaaluun, miira keessa galanii badii raawwachuurra of qusachuun madda odeeffannichaa sakatta\u2019uu,\u00a0 odeeffannoon shakkisiisaa agarre madda amanamaa ta\u2019e irraa hin qoodamne taanaan waa\u2019ee nama yookiin dhaabbata odeeffannicha qoodee qorachuun barbaachisaadha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kana males odeeffannoowwan nama yookiin dhaabbatichaan kanaan dura qoodaman qulqulleessuun faayidaa qabeessa ta&#8217;u himaniiru. Odeeffannichi eenyufaan akka qoodame ilaaluu, miidiyaaleefi maddoota odeeffannoo amanamoo birootiin qoodamuu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaa jechuun himaniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan magaalaa Baahir Daar, dargaggoo Andu&#8217;amlaak Abarraa, qaamolee odeeffannoo sobaa tamsaasan dhimma\u00a0 uummatni itti rakkatu irratti kan xiyyeeffannoo kennu yoo dhabe, akka nama mararfatuu fakkeessaniifi dhimmicha arbeessan dhiyyeessuun deeggartoota horachuuf itti fayyadamu jedheera.<\/p>\n<p>Yuunvarsiitii Gondaritti barsiisaa gaazexeessummaafi komunikeeshinii kan ta&#8217;aan Minichil Masarat, dhabamu nageenyaafi tasgabbii biyya keenyaaf wantoota sababa ta&#8217;an keessaa tamsa&#8217;inni odeeffannoo sobaa isa ijoo ta&#8217;u dubbataniiru.\u00a0 Odeeffannoon sobaa ta&#8217;e jedhame uummata dogogorsu, walitti busuufi nageenya biyyaa jeequun faayidaa hin mallee argachuuf namoota dhunfaa yookiin dhaabbileen garaagaraan kan uumamuudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kaayyoon isaa olaantummaa siyaasaa argachuuf, namootni tokko tokko yookiin dhaabbiileen olaantummaa siyaasaa argachuuf odeeffannoowwan qabiyyee dogogora qaban ofii gaarii kaan immoo hamaa fakkeessuun galtee siyaasaaf fayyadamu,\u00a0 namoot walitti busuuf, faayidaafi hordoftoota hedduu argachuuf, fedhii guddaa odeeffannoowwan warra kaaniif saffisaan qooduuf taasifamuufi naamusa gaazexeessummaa kabajuu dhabu ta&#8217;u dubbataniiru. Kanaafuu hawaasni odeeffannoo miidiyaa hawaasarratti tamsa&#8217;aan\u00a0 osoo hin fudhatiin\u00a0 dura, qulqulleessuufi amanamummaa isaanii mirkaneessuu akka qabu dubbataniiru.<\/p>\n<p>&#8220;Yeroo kamiyyuu odeeffannoo yeroo dubbisnuufi ilaallu maddi odeeffannichaa maal akka ta&#8217;e sirritti gadii fageenyaan yaaduufi qorachuun barbaachisaadha&#8221; jedhaniiru. Qaama barreesse qorachuu, madda odeeffannoo qulqulleessuufi qorachuun murteessaadha jechuun himaniiru. &#8220;Ragaawwan dhiyaatan qorachuu, odeeffannoon dhageenye yookiin dubbifne ragaa qabatamaan kan deeggarame ta\u2019uu isaa mirkaneeffachuun odeeffannoo sobaafi dogongoraaf akka hin saaxilamne nu gargaara &#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Odeeffannoowwa dhiyaatan dhugummaa isaani sakatta&#8217;u (fact check) fayyadamuun mirkaneessuun murteessadha. Yeroo ammaa odeeffannoowwan miidiyaa hawaasummaatti maxxanfaman dhugaa ta&#8217;u isaanii kan agarsiisu suuraawwaniifi viidiyoowwan kanaan dura eenyuufi maalif akka qoodaman beekuuf kan gargaaran dhugummaa sakatta&#8217;u( fact check) fayyadamuun dhugoomsuun akka danda&#8217;amu dubbataniiru. Kanaafis odeeffannoowwan shakkisiisoo bifa suuraafi viidiyoon qoodaman sakatta\u2019uun ni gorfama jechuun ibsaniiru.<\/p>\n<p>Odeeffannichi eenyufaan akka qoodame ilaaluunis toftaa odeeffannoon sun dhugaa ta&#8217;uufi dhiisuu isaa kan ittin mirkaneessinuudha jedhaniiru. Odeeffannichi miidiyaalee fi maddoota odeeffannoo amanamoo birootiin qoodamuu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaa ta&#8217;u eeraniiru. &#8220;Tarkaanfilee miidhaa odeeffannoo sobaa hir\u2019isuuf nugargaaran keessaa inni ijoofii jalqabaa maalummaa odeeffannoo sobaa baruudha&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Akka dhuunfaattis ta\u2019e akka hawaasaatti maalummaa odeeffannoo sobaafii miidhaa dhaqqabsiisuu danda\u2019u hubachuun barbaachisaadha kan jedhan barsiisaa minichil, dandeettii itti fayyadama miidiyaa (media literacy) hawaasaa dagaagsuunis fala biraa ta&#8217;uu kaasaniiru. Kanaafuu, fayyadamtoota miidiyaa hawaasaaf hubannoo gahaa ta&#8217;e akka qabatan gochuun murteessaa akka ta&#8217;e hubachisaniiru. Mootummaanis odeeffannoo sobaa tamsaasuun yakka ta&#8217;u sadarkaa biyyaatti imaammata bocuun irratti hojjechuu qaba jedhaniiru. Kanaafuu, lammiileen odeeffannoo sirrii ta&#8217;e miidiyaa gurguddaa (main stream media) irraafi kanneen miidiyaa amanamoo ta&#8217;an\u00a0 seen- duubee isaanii qorachuun akka argachuu danda&#8217;an hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Tamsa\u2019inni odeeffannoo sobaa biyyoota addunya hedduuf dhimma qormaata ta\u2019e keessaa isa tokkodha. Odeeffannoowwan sobaa kunneen ta\u2019e jedhamee burjaajii uumuuf kan tamsa\u2019an yookiin immoo osoo hin beekiin dogoggoraan kan tamsa\u2019an yoo\u00a0 ta\u2019uu\u00a0 uummata biyya tokko gidduutti, walqoodinsi, jibbiinsi,\u00a0 walshakkiinifi walitti bu&#8217;insi\u00a0 akka baay\u2019atu\u00a0 sababa guddaa ta&#8217;uu ni danda&#8217;u. Kana malees miidhaa lubbuu namaarratti dhaqqabuufi mancaatii qabeenyaaf [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5349,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5348"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5348"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5348\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5350,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5348\/revisions\/5350"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5349"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5348"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5348"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5348"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}