{"id":5351,"date":"2025-09-09T12:43:49","date_gmt":"2025-09-09T12:43:49","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5351"},"modified":"2025-09-09T12:43:49","modified_gmt":"2025-09-09T12:43:49","slug":"gumaacha-uummanni-milkaaina-marii-biyyaalessaatiif-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/09\/09\/gumaacha-uummanni-milkaaina-marii-biyyaalessaatiif-qabu\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0 Gumaacha Uummanni Milkaa\u2019ina Marii Biyyaalessaatiif Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Biyyootni addunyaa\u00a0 hedduun rakkoo keessoo isaanitti mudate marii biyyaalessaa hirmaachisaafi haqa qabeessa ta&#8217;e gaggeessuun\u00a0 biyya isaanii diigumsa irraa baraarniiru. Kanaanis\u00a0 Rakkoo isaanii mariiin hiikuun, fuula isaanii gara misoomaatti deebifachuun imala misoomaa cimsanii dinagdee isaanii bu&#8217;uura amansisaa irra dhaabaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaanis waldhabdeefi rakkoolee nageenyaa mudatan mariin hiikuuf komishinii marii biyyaalessaa hundeessuun erga gara hojiitti galte waggoottan sadii ol lakkoofsiste jirti. Waggoottan darban kana keessattis, hojiilee hedduu raawwachaa\u00a0 turteetti, raawwachaa jirtis.\u00a0 Mariin biyyaalessaa haala qabatama biyyattii irratti hundaa&#8217;uun, galmaafi kaayyoowwan garaagaraa milkeessuuf kan adeemsifamuudha. Mariin biyyaalessaa dhimmoota barootaaf madda waldhabdee ta&#8217;an furmaata akka argatan taasisuun tokkummaafi waliin jireenya uummattoota mirkaneessuuf gahe olaanaa qaba. Walitti bu&#8217;insaafi garaagarummaawwan yaada kutaalee hawaasaa\u00a0 garaagaraa giduutti\u00a0 uumaman,\u00a0 mariifi waliigalteen akka furmaata argatan kan taasisuudha.<\/p>\n<p>Garaagarummaawwan yaada hawaasa gidduutti uumaman kan birmadummaa biyyaaf sodaa ta&#8217;an hiikuuf murteessadha. Garaagarummaawwan jiran waaraan furuun waliigaltee biyyaalessaa uumuu,\u00a0 uummata gidduuttis wal amantaan akka jiraatu taasisuu, sirna dimookiraasii cimsuufi aadaa rakkoolee uumaman waliigalteen hiikuu gabbifachuuf faayidaan marii biyyaalessaa olaanaadha. Kana malees marii biyyaalessaa adeemsisuun sirna siyaasaa ,dinagdeefi hawaasummaa qaroomaa ta&#8217;e diriirsuufi lammiilee gidduuttis\u00a0 hariiroo hawaasummaa fooyya&#8217;aa ta&#8217;e akka jiraatu haala mijataa uumuuf akkasumas\u00a0 waldhabdeelee waaraan\u00a0 hiikuuf gumaachaa guddaa qaba.<\/p>\n<p>Itoophiyaanis\u00a0 seenaa ijaarsa biyyaalessaa waggoota hedduu kan qabdu taatus, qormaatawwan keessoo isheetti mudatan mariin hiikuu dhabuun tokkummaa biyyaalessaa cimsurra rakkoo nageenyaa hedduuf saaxilamaa turteetti. Biyyatti keessatti garaagarummaan yaadaafi walitti bu&#8217;insi babal&#8217;achaa deemuun lubbuu namaafi qabeenya irratti miidhaa\u00a0 guddaa dhaqqabeera.<\/p>\n<p>Rakkoolee kana hunda furuuf komishiniin marii biyyaalessaa erga hundeeffame kaasee,\u00a0 kutaalee biyyattii adda addaa keessatti ajandaalee uummatni kaasu, marii biyyaalessaa keessatti\u00a0\u00a0 hammachisuun furmaata akka argatan gochuuf hojjechuu irratti argama. Kanaanis komishinichi naannoo Tigraayiin alatti bulchiinsa magaalootaafi naannoolee hunda keessatti hojii ajandaa walitti qabu xumureera.<\/p>\n<p>Komishinichi\u00a0 Naannoo Tigraayittis adeemsa marii biyyaalessaa eegalchiisuuf haalli mijataan uumamu, hoggantoonni Komishinii Marii Biyyaalessaa tibbana gara naannichaatti imaluun qaamolee garaagaraa waliin mari\u2019achuu dubbii himaan Komishinichaa obbo Xibabuu Taaddasaan himaniiru.\u00a0 Jiraattootnis qabsoon qawween taasifamu biyya diiga malee biyya waan hin misoomsineef rakkicha furuuf,\u00a0\u00a0 furmaatni isaa\u00a0 taa&#8217;ani mari&#8217;achuudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Indriis Ahmad jirtaa Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruuti. Mariin biyyaalessaa walitti bu&#8217;insi iddoo adda addaatti mula&#8217;atu kan furuudha jechuun ibsaniiru.\u00a0 Qawween osoo hin taane yaadaan walfalmuun barbaachisaa waan ta&#8217;eef qaamolee hidhatanii socho&#8217;aniifi partiileen mormitootaa kan biyya keessaafi alaa marii biyyaalessaa irratti hirmaachuun tasgabbii biyyaaf gumaacha taasisuu qabu jechuun yaada isaanii kaasaniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan Magaalaa Kamisee inni biroo Sheeh Yeesuuf Imaam, mari&#8217;achuun\u00a0 nageenya, misoomaa, tokkummaafi waliin jireenya fida waan ta&#8217;eef qaamni dhimmi biyyattii nagalcha jedhu yeroo hafe kanaatti,\u00a0 mariin\u00a0 biyyaalessaa akka milkaa&#8217;uu tattaaffii taasisuu qaba jedhaniiru. &#8220;Rakkoon qawweedhaan hiikamu kan hin jirre waan ta&#8217;eef qaamni hunduu qalbii godhate biyya tokko waliin qabnu kana akka tasgabooftu taasisuuf hojjechuu qaba&#8221; jedhaniiru.\u00a0 Mariin biyyaalessaa akka milkaa&#8217;uuf uummatni gama hundaan hojjechuu, gargaaruufi gama hundaan hojii isaarraa eegamuuf qophaa&#8217;aa ta&#8217;uu akka qabus ibsaniiru.<\/p>\n<p>Uummatni yeroo hafe kanatti fayyadamuun iftoominaan sodaa tokko malee mari&#8217;achuun rakkoon isaa akka fala argatu kutannoon hojjechuu qaba jedhaniiru. Abbootiin ijoollee isaanii gorsuun,\u00a0 kanneen daandii hin taane irra deeman gara daandii qajeelaatti akka deebi&#8217;an gochuunifi bu&#8217;aa marii hubachiisuun\u00a0 marichi akka milkaa&#8217;u hojjechuu akka qaban hubachisaniiru. Haawasni kakaafamu qaba, carraa\u00a0 argate kana akka fayyadamu hubannoon kennamuufi qaba, dhiibbaa maaliif maricharratti hirmaattu kan jedhu ofirra \u00a0qolachuun, marii bu&#8217;aa qabeessa taasisuun rakkoo isaa hiikkachuu qaba jechuun ibsaniiru.<\/p>\n<p>Komishinii marii biyyaalessaa Itoophiyaatti qindeessaan qabinsa koomi obbo Bizuunah Asaffaa,\u00a0 komishiniichi mariin biyyaalessaa akka milkaa&#8217;uuf hojiilee gurguddoo hojjechaa jiraachuu himaniiru. Komishiniichi naannoo Tigaraayin alatti naannoolee biyyatti hunda keessatti bakka bu&#8217;oota hawaasaa yookiin lammiilee Itoophiyaa bakka bu&#8217;anii mari&#8217;atan addaan baasuun, ajandaa uummata bakka bu&#8217;anii sana marii biyyaalessaaf akka qabsiisan taasifamuu himaniiru. Kanaanis\u00a0 komishiniichi bulchiinsa magaaloota dabalatee naannoolee hundatti\u00a0 ajandaa walitti qabe xumuruu himani, kunis milkaa&#8217;ina guddaa ta&#8217;u kaasaniiru. Kanaan alattis yeroo ammaa karaa zuumiidhaan dhalattootni Itoophiyaa biyya alaatti jiraatan,\u00a0 ajandaa qaban akka kennan taasisuuf haalli mijataan uumamuufi isaaniis ajandaa isaanii kennaa jiraachuu eraniiru.<\/p>\n<p>Naannoo Tigraayittis marii taasisuudhaaf komishiniichi sosochii taasisaa jiraachuu mirkaneessaniiru.\u00a0 \u2018\u2019Itoophiyaan seerootaafi heera hanga ammaa qabduu fayyadamtee rakkoo ishee hiikuu hin dandeenye\u2019\u2019 kan jedhan obbo Bizuunah,\u00a0 kanaafis rakkoo biyya kanaa bu&#8217;uura irraa hiikuuf mariin biyyaalessaa\u00a0 kan barbaarchise ta&#8217;u himaniiru. Mariin biyyaalessaa dhimmoota bu&#8217;uuraa biyyaalessaa ta&#8217;an irratti waliigaltee\u00a0 biyyaalessaa uumuun sirna haaraa ijaaruuf kan gargaarudhaas jedhaniiru.<\/p>\n<p>Mariin booda Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif yaada lammiileen Itoophiyaa kennan irratti walii galame irra ka&#8217;anii adeemsa siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi sirna haaraa ijaaruuf kan dandeessisuudha jechuun himaniiru. &#8220;Cabinsa siyaasaa biyya kanaa mudate hanga ammaa sababa garaagaraan irratti waliigaluun dadhabne ittin wal miidhaa jirru kanaas bu&#8217;uuraarra\u00a0 sirreessuun ilaalcha haaraafi hariiroo cimaa uummattoota gidduutti akka uumamu kan taasisuudha&#8221; jechuun hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Yeroo itti aanuttis Komishiniin marii biyyaalessaa,\u00a0 ajandaa lammiilee biyyattii,\u00a0 qaamolee garaagaraafi diyaaspooraarra walitti qabe,\u00a0 kan irratti waliigalamu dadhabe, kan biyyaaf dhiyyaachuu qabu, addaan baase ajandaa qaama kamiyyuu osoo hin dhiisin\u00a0 mariidhaaf ta&#8217;a jedhe kan itti amane ifa taasisuuf yeroo itti hojjechaa jirudha jedhaniiru. Kanaafis uummatni marichi akka milkaa&#8217;uu gahee isarraa egamu bahachuu akka qabu wamichaa dhiheessaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Biyyootni addunyaa\u00a0 hedduun rakkoo keessoo isaanitti mudate marii biyyaalessaa hirmaachisaafi haqa qabeessa ta&#8217;e gaggeessuun\u00a0 biyya isaanii diigumsa irraa baraarniiru. Kanaanis\u00a0 Rakkoo isaanii mariiin hiikuun, fuula isaanii gara misoomaatti deebifachuun imala misoomaa cimsanii dinagdee isaanii bu&#8217;uura amansisaa irra dhaabaniiru. Itoophiyaanis waldhabdeefi rakkoolee nageenyaa mudatan mariin hiikuuf komishinii marii biyyaalessaa hundeessuun erga gara hojiitti galte waggoottan sadii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5352,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5351"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5351"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5351\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5353,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5351\/revisions\/5353"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5352"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5351"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5351"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5351"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}