{"id":5358,"date":"2025-09-09T12:51:07","date_gmt":"2025-09-09T12:51:07","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5358"},"modified":"2025-09-09T12:51:07","modified_gmt":"2025-09-09T12:51:07","slug":"dubara-kophee-naxalaan-fiigicha-injifatte","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/09\/09\/dubara-kophee-naxalaan-fiigicha-injifatte\/","title":{"rendered":"Dubara Kophee Naxalaan Fiigicha Injifatte"},"content":{"rendered":"<p>Dargaggeettiin umrii waggaa 30 Meksiikootti bakka Raaramuur jedhamuun beekamutti, dhalattuu gosa buleeyyii kan taate tokko bara faranjootaa keessa jirru kanatti naannawaa sulula qileen marfame keessatti kiloomeetira 63 &#8221;Altramaaratoonii&#8221; uffata aadaa uffattee kophee naxalaatiin fiigdee sadarkaa tokkoffaan xumuruu danda&#8217;uu ishee Oodit Sentiraal gabaaseera.<\/p>\n<p>Kaandeelaariyaa Riivaas Raamos Meksiikootti hidhannoo ispoortiifi shaakallii ammayyaawaa ta&#8217;e osoo hin fudhatiin naannawa sulula qileen haguugame keessatti fiigicha garee dubartootaa hirmaachise kiilomeetira 63 fiiguun sadarkaa tokkoffaan xumuruu dandeesseetti. Dargaggeettiin kun dorgommii ispoortii irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaatte yoo taatu, fiigichi akka barsiifata sanyii warra isheetti jabeenya qaamaa gonfachuu bira darbee barsiisa amantaa isaanii faana kan walitti hidhatu ta&#8217;uu isaa qorattoonni lafa kaa&#8217;aniiru.<\/p>\n<p>Fiigichi Raaramuuroota biratti akka kadhannaafi gochaa Waaqa isaanii galateeffachuutti kan raawwatamu ta&#8217;uutu amanama. Dargaggeettiin kun dorgommicha irratti hirmaachuuf shaakala qophii dursaa hin taasifne. Akkasumas, dorgommicha irratti hirmaachuuf gosa isheetiin eebbifamtee jajjabeeffamuun yeroo ergamtettis naannawa jireenya ishee irraa Guwaachoochii gahuuf abbaa manaa ishee faana sa&#8217;aatii 14 miilaan deemaniiru.<\/p>\n<p>Deemsa miila dadhabsiisaa kanaan boodatti uffata aadaa gosa isheefi kophee naxalaa harkaan tolfame fayyadamuun kan fiigdedha. Hirmaattonni dorgommichaa baay&#8217;een hidhannoo ispoortii ammayyaa fayyadamuun akkasuma qophii shaakala dursaa baroota baay&#8217;ee fudhate taasisuufi muuxannoo kan qaban ta&#8217;uu isaanii Oodit Sentiraal dubbisiiseera.<\/p>\n<p>Haata&#8217;u malee, Kaandeelaariyaa Riivaas Raamos shaakala ispoortii ammayyaa tokkoyyu utuu hin fudhatiin sarara xumuraa dabartee sadarkaa tokkoffaan goolabdeetti. Kaandeelaariyaan dorgommicha erga xumurteen booda dorgommicha irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuu isheetiifi injifannichi kan maatii ishee ta&#8217;uu dubbatteetti. Yuunivarsiitii Harvaarditti qorataa sanyii dhala namaafi atileetii maraatoonii kan ta&#8217;e Daani&#8217;el Leebermaan raaramuuronni sanyii\/gosa\u00a0 biroo irraa jabeenyaafi obsa kan qaban ta&#8217;uu isaanii dhugaa baheera. Kanaaf, fiigichi bu&#8217;uura amantaa isaanii faana kan walqabatu ta&#8217;uu qoratichi hubachiiseera.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dargaggeettiin umrii waggaa 30 Meksiikootti bakka Raaramuur jedhamuun beekamutti, dhalattuu gosa buleeyyii kan taate tokko bara faranjootaa keessa jirru kanatti naannawaa sulula qileen marfame keessatti kiloomeetira 63 &#8221;Altramaaratoonii&#8221; uffata aadaa uffattee kophee naxalaatiin fiigdee sadarkaa tokkoffaan xumuruu danda&#8217;uu ishee Oodit Sentiraal gabaaseera. Kaandeelaariyaa Riivaas Raamos Meksiikootti hidhannoo ispoortiifi shaakallii ammayyaawaa ta&#8217;e osoo hin fudhatiin naannawa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5359,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5358"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5358"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5358\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5360,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5358\/revisions\/5360"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5359"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5358"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5358"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5358"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}