{"id":5362,"date":"2025-09-09T12:53:30","date_gmt":"2025-09-09T12:53:30","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5362"},"modified":"2025-09-09T12:53:30","modified_gmt":"2025-09-09T12:53:30","slug":"afrikaatti-daaimman-miliyoonaan-lakkaaaman-sababa-hanqina-nyaataan-rakkoof-saaxilaman","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/09\/09\/afrikaatti-daaimman-miliyoonaan-lakkaaaman-sababa-hanqina-nyaataan-rakkoof-saaxilaman\/","title":{"rendered":"Afrikaatti Daa\u2019imman Miliyoonaan Lakkaa\u2019aman Sababa Hanqina Nyaataan Rakkoof Saaxilaman"},"content":{"rendered":"<p>Arjoomtonni idil-addunyaa ijoo kanneen addatti Ameerikaan durfaman maallaqa gargaarsa biyya alaa haalaan hir\u2019isuun, gargaarsi murteessaan nyaataafi kunuunsa fayyaa irraa kaasee hanga hiyyummaa hir\u2019isuutti biyyoota addunyaa keessatti dhiibbaan akka irra gahu danda&#8217;u yaaddoo guddaa uumeera. Naayijeeriyaa, Keeniyaa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaatti dhiheessiin nyaataa hatattamaa dhumuu isaa dhaabbanni kunuunsa daa\u2019immannirratti hojjetu \u2018Save the Children\u2019 akeekkachiiseera. Biyyoota Afrikaa afur keessatti daa\u2019imman miliyoonaan lakkaa\u2019aman ji\u2019oota sadan dhufan keessatti sababa hanqina nyaataan du\u2019uu akka danda\u2019anis hubachiseera. Sababiin isaas gargaarsi\u00a0dhiheessii nyaataa gama dhaabbata gargaarsa idil-addunyaa dhihaataa ture hir\u2019achaa dhufuu isaa irraa kan maddedha.<\/p>\n<p>Dhaabbatichi akka jedhetti Naayijeeriyaa, Keeniyaa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaatti \u201cnyaanni wallaansaaf itti fayyadamuuf qophaa\u2019e\u201d (RUTF) jedhamu, paastaa soorataa umurii dheeraa qabuufi qabbanaa\u2019aa ta&#8217;e ni dhumu\u00a0 jedhamee eegama. &#8221;Naayijeeriyaa qofatti lubbuun daa\u2019imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta\u2019aniifi hanqina nyaataa cimaan rakkatan miiliyoona 3.5 ta\u2019an yaalaaf deggarsa soorataa osoo hin argatiin balaaf saaxilaman&#8221; jedha gareen gargaarsa namoomaa kun. \u201cWarri daa\u2019imman kanneen hanqina nyaataa hamaa qabaachuu isaanii yaaduun nama hin rakkisnu\u201d jedhan daayrektarri \u2018Save the children\u2019 Bahaafi Kibba Afrikaa Yuvoonne Arungaa ibsa kennaniin. Akeekkachiisni kun kan kenname erga Waajjirri gargaarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii \u201chir\u2019ina maallaqaa gadi fagoo hanga ammaatti damee gargaarsa namoomaa idil-addunyaa\u201d jechuun ibsa baaseen gidduutti, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii sagantaa bal\u2019aa hir\u2019isuu ji&#8217;a Waxabajjii keessa labsee ji\u2019oota muraasaan boodattidha.<\/p>\n<p>Hogganaan gargaarsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Toom Fileechar yeroo sanatti haasawa taasisaniin &#8221;jireenya dhala namaa adda baasuuf dirqamneerra,&#8221; jedhaniiru. Namoonni baay&#8217;een deggarsa isaan barbaachisu hin argatan, haata&#8217;u malee qabeenya nuuf kennameen lubbuu namoota hedduu baraareerra jedhaniiru. Ji\u2019a Adoolessaaa keessa dhiibbaa pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi baasii federaalaa hir\u2019isuuf godhanitti Kongireesiin paakeejii baasii gargaarsa alaa biyyattii gara doolaara biiliyoona 8n hir\u2019isu raggaasiseera. Ji\u2019a darbe Dhaabbanni &#8216;Doctors Without Borders&#8217; jedhamuun beekamu akka gabaasetti, yoo xiqqaate daa\u2019imman hanqina nyaataa qaban 652 walakkaa bara 2025 jalqabaa keessa dhaabbilee kaaba Naayijeeriyaa keessatti argaman keessatti sababa kunuunsa yeroodhaan waan hin arganneef lubbuun darbaniiru.<\/p>\n<p>Bakka bu&#8217;aan \u2018MSF\u2019 Naayijeeriyaa jiru Ahimed Aldikhaari \u201cyeroo ammaa hir\u2019inni baajata guddaa Ameerikaa, Yunaayitid Kingidamiifi biyyoota Awurooppaa biroo irraa argaa jirru wal\u2019aansa daa\u2019immanii hanqina nyaataa qaban irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira,\u201d jedhaniiru. Guutummaa Keeniyaatti hanga dhuma waggaatti kaartooniin \u2018RUTF\u2019 gara kuma dhibba tokkoof 500 akka barbaachisu \u2018Save the Children\u2019 ibseera. Walumaagalatti hanqinni maallaqa soorataa biyyoota addunyaa 18 keessatti bara kana daa\u2019imman miiliyoona 2.3 ol hanqina nyaataa cimaa qaban dabalatee namoonni miliyoona 15.6&#8217;f wal\u2019aansa addaan kutuu akka danda\u2019an gareen kun ibseera. Haalli kun bara 2026tti daran hammaata jedhamee eegama jechuun dabalee hubachiiseera.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Arjoomtonni idil-addunyaa ijoo kanneen addatti Ameerikaan durfaman maallaqa gargaarsa biyya alaa haalaan hir\u2019isuun, gargaarsi murteessaan nyaataafi kunuunsa fayyaa irraa kaasee hanga hiyyummaa hir\u2019isuutti biyyoota addunyaa keessatti dhiibbaan akka irra gahu danda&#8217;u yaaddoo guddaa uumeera. Naayijeeriyaa, Keeniyaa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaatti dhiheessiin nyaataa hatattamaa dhumuu isaa dhaabbanni kunuunsa daa\u2019immannirratti hojjetu \u2018Save the Children\u2019 akeekkachiiseera. Biyyoota Afrikaa afur [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5363,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5362"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5362"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5362\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5364,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5362\/revisions\/5364"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5363"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5362"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5362"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5362"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}