{"id":5369,"date":"2025-09-09T12:59:05","date_gmt":"2025-09-09T12:59:05","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5369"},"modified":"2025-09-09T12:59:05","modified_gmt":"2025-09-09T12:59:05","slug":"5369","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/09\/09\/5369\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p>Addunyaa keenya har\u2019aa keessatti akkaataan lakkaawwii baraa muraasni kan jiran yoo ta\u2019u, innis ka\u2019umsaafi akkaataa ittiin lakkaawamu mataa isaa kan qabudha. Dacheen har\u2019a waan hedduun guuttee, baattee mullattu kun, adeemsa wal fakkaataan battala tokkotti kan akkas taate miti. Suuta suuta wal jijjiirraa hedduu keessa darbuuni dha. Halkan dukkanni darbee; ganama ganama simbirri wacitee lafti ifuun bari\u2019ee oolamee erga bulamee booda guyyaa tokko jedhamuun lakkaawamee.<\/p>\n<p>Guyyootnis wal irratti idaa\u2019amuun torban ta\u2019anii bifuma wal fakkaatuun itti fufuun torbanis walirratti dabalamuun ji\u2019a (Baatii) ta\u2019uun, Baatileenis dhawaata dhawaataan heddumaataa yoo itti fufan tokko, lama jechuun hanga 12\u2019tti erga lakkaawamee booda waggaa jedhamuun moggaasa argata. Kunis taatee wal- fakkaataan waggaa waggaan kan itti fufu yoo ta\u2019u, adeemsa lakkaawwii isaatiifis biyyoota adda addaatti kaalandaroota garagaraatu jira. Chaayinaa, Hindii, Maayaafi Itoophiyaas dabalatee dhahata lakkoofsa guyyaa akkasii akka qabaniifi uumama kunneen irratti hundaa\u2019uun ibsatanis ragaaleen ni mul\u2019isu. Waqtiileen Itoophiyaanoota biratti beekaman afuri. waqtiileen kunneenis; Arfaasaa, Ganna, Birraafi Bona yoo ta\u2019an isaan kunis haala qilleensaa adda addaa kan qabanidha.<\/p>\n<p>Barootni lakkaawwii mala yeroo safarrii yoo ta\u2019u, yeroo baay\u2019ee taatee murtaa\u2019e tokko dura yookiin booda yeroo agarsiisuuf kan fayyadudha. Fakkeenyaaf, bara walii galtee Dhaloota Kiristoos Dura (Dh.K.D) bara lakkaawwii 1 Dh. K.Ddha. Haaluma wal fakkaatuun barri lakkaawwii Anoo Doominii (AD) bara 1 Dh. K.D irraa eegala. Kunis bara Iyyasuus Kiristoos itti du\u2019etti kan amanamuudha.<\/p>\n<p><strong>Lakkaawwiin Juuliyaan Maali? <\/strong><\/p>\n<p>Kaalandariin Juuliyaan sirna kaalandarii jalqabaa, nama Juuliyaas Qeesaar jedhamuun dhaloota Kiristoos dura bara 45tti kalaqamedha. Biyya Roomaa keessatti kaalandarii olaanaa kan ture yoo ta\u2019u, hanga jaarraa 16ffaatti itti fayyadamaa ture. Kaalandariin Juuliyaan bara idilee guyyoota 365 ji\u2019oota 12tti qoodamee kan qabu yoo ta\u2019u, waggaa Afuritti guyyaan dabalataa Fulbaana irratti dabalama. Guyyaan dabalataa kun kaalandarri bara aduu wajjin akka wal simu taasisa. Kaalandariin Juuliyaan ammallee kutaalee addunyaa tokko tokko keessatti kan akka mana Kiristaanaa Ortodoksii Bahaa keessatti faayidaarra olaa jira. Kaalandariin Juuliyaan guddina kaalandarii ammayyaa keessatti gahee guddaa kan qabuufi ammas caasaa kaalandarii ammayyaa keessatti dhiibbaan inni qabu mullachaa jira. Kaalandariin kun bara Tiroopikaalaa irratti kan hundaa\u2019ee yoo ta\u2019u, kunis yeroo lafti naannoo Aduutti oorbiitii tokko xumuruuf fudhattudha.<\/p>\n<p><strong>Kaalandariin Giriigooriyaan maali? <\/strong><\/p>\n<p>Lakkoofsi Giriigooriyaan bara 1582 Phaaphaasii Giriigooriyaas 13ffaan akka haaromsa kaalandarii Juuliyaanitti uumame. Dogoggora kuufama kaalandarii Juuliyaan kan Dh.K.D bara 45 irraa eegalee itti dhimmi ba\u2019aa ture sirreessuf kan qophaa\u2019e dha. Lakkoofsi Giriigooriyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota addunyaa irra caalaan isaanii dhuma bara 1700 fi jalqaba bara 1800 keessa fudhatame. Kaalandariin kun bara aduu guyyoota 365 irratti kan hundaa\u2019e yoo ta\u2019u, waggaa Afuraffaatti (leap year) guyyaan dabalataa dabalama. Guyyaa dabalataa dabalame kun Fulbaana irratti dabalamee guyyoota 28 osoo hin taane guyyoota 29 dha. Addunyaa har\u2019a keessa jiraannu keesatti biyyootniifi sabootni lakkaawwii bara mataa isaanii qabaachuun adda durummaan beekaman Afuridha, isaanis:- lakkaawwii Girii gooriyaan, kan Yihudotaa, kan Arabootaafi bara lakkaawwii Itoophiyaanota kanneen adda dureedha. \u201cBiyoota Afirikaa keessaa Itoophiyaa qofti\u00a0 lakkaawwii baraa qabaachuun ishee biyyi keenya ogummaa kalaqa guddaa qabaachuufi qaroominaan gabbattuu ta\u2019uu isheef ragaa quubsaadha. Bara durii irraa eegaluun Itoophiyaanonni urjii ilaaluun kan beekamanidha, kunis ogummaa astiroonoomii har\u2019a hawaasni keenya dur iyyuu cimaa ta\u2019uu isaati. Adda durummaan ammoo Itoophiyaan ji\u2019oota 13 qabaachuun addunyaa irraa maqaa addaa qabdi.<\/p>\n<p>Lakkaawwin baraa Itoophiyaanotaa kunis kan eegale jaarraa 3ffaa keessa, nama biyya Gibixii yookiin Misiritti dhalatee guddatee qulqulluu Demesxros jedhamuun, duuba debi\u2019amee dhaloota Iyyasuus Kiristoos irraa eegaluun akka ta\u2019e ni himama. Itoophiyaan akkamitti ji\u2019a 13ffaan yookiin Qaammee isa jedhu qabaatte, eessaa dhufe? gaaffii jedhuufis, Maayikiroo sekoondiin, sekoondiitti dabalamee sekoondiinis daqiiqaatti guddachuun gara sa\u2019atiifi guyyaatti geeddaramuun guyyaa 365 yookiin waggaa tokko yeroo ta\u2019utti, idaa\u2019amni daqiiqota kana dabalataan haftee ta\u2019ee hafuun marsaa tokko shanin, ja\u2019an akkasumas torba ta\u2019uun qaammee jedhamee waamama jechuun ragaa shallaggii herregaa waliin, Kitaaba Andiroomeedaa jedhamu, Roodaas Taaddasaa (Dr) fi Geetinnat Fallaqaa (Dr) waliin barreeffame irratti katabameera. kunis dandeetti Itoophiyaanota caalaatti kan mullisuudha.<\/p>\n<p><strong>Lakkaawwiin bara Itoophiyaanota kun maal irratti hundaa\u2019e? bu\u2019uurri isaa maali?<\/strong><\/p>\n<p>\u201cInni jalqabaa dhaloota Iyyasuus Kiristoos irratti kan hundaa\u2019edha, inni lammaffaa ammoo waqtiilee kan bu\u2019uureeffate dha, innis wal jijjiirraa waqtiilee birraa, Arfaasaa, Bonaa fi Gannaati.Barootni yeroo geedaramanitti maqaalee moggaasan kan bara ifaa jedhaman afur kan qaban yoo ta\u2019u isaanis Maatewoos, Maarqos, Luqaasiifi Yohaannis jedhamuun qoodamu. Barri ifaa kan qulqulluu Yohaannis yoo ta\u2019e ammo ji\u2019i qaammees guyyoota ja\u2019a kan qabdu ta\u2019uu Kitaaba kana keessatti barreeffameera.<\/p>\n<p>Caalaatti dhaloota ammaa irraa kan eegamu, beekumsa abbootii keenyaa itti fufsiisuudha. Labatni ammaa kun adda durummaan qorannoo taasisuu qaba. Keessumatti beekumsa yabbuu hawaasa keenya keessa jiru abbootii irraa dhaaluun qorannoof dhiheessuun caalaatti beekamtiifi cimina guddina biyya keenyaaf hojjechuu qabnaan dhaamsa barruu keenyaati.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Addunyaa keenya har\u2019aa keessatti akkaataan lakkaawwii baraa muraasni kan jiran yoo ta\u2019u, innis ka\u2019umsaafi akkaataa ittiin lakkaawamu mataa isaa kan qabudha. Dacheen har\u2019a waan hedduun guuttee, baattee mullattu kun, adeemsa wal fakkaataan battala tokkotti kan akkas taate miti. Suuta suuta wal jijjiirraa hedduu keessa darbuuni dha. Halkan dukkanni darbee; ganama ganama simbirri wacitee lafti ifuun [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5370,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5369"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5369"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5369\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5371,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5369\/revisions\/5371"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5370"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5369"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5369"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5369"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}