{"id":5381,"date":"2025-09-25T12:48:41","date_gmt":"2025-09-25T12:48:41","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5381"},"modified":"2025-09-25T12:48:41","modified_gmt":"2025-09-25T12:48:41","slug":"hulaan-galaanaa-nu-barbaachisa-yeroo-jennu-qannoof-miti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/09\/25\/hulaan-galaanaa-nu-barbaachisa-yeroo-jennu-qannoof-miti\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Hulaan Galaanaa Nu Barbaachisa Yeroo Jennu Qannoof Miti"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyoota hulaa galaanaa hin qabee keessaa baay&#8217;inaa uummataatiin biyya adda duree taatedha. Ragaaleen garaagaraa akka agarsisanitti waggoottaan 30&#8217;n darabanitti baay&#8217;ina uummata guddaa qabaatani biyyootni hulaa galaanaa hin qabne keessa kan Itoophiyaa qixxaatu hin jiru. Biyyattin hulaa galaanaa kan hin qabne ta&#8217;uun ishee faayidaalee garaagaraa akka dhabdu sababa ta&#8217;a tureera.\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Yeroo ammaas adeemsi haqa qabeessaa hin taanee kun akka dhaabbatu Itoophiyaanootni sagalee dhageessisaa jiru.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitii Dabra Birhaanitti barsiisaan saayinsii siyaasaa kan ta&#8217;an Tizaazuu Ayyaalew, &#8220;hulaan galaanaa nu barbaachisaa yeroo jennu qannoof miti, hulaan galaanaa Itoophiyaanootaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti,&#8221; jedhaniiru. Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabu isheetiin gatii guddaa kafalaa turu himaniiru. Kun garuu amma dhaabbachuu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Dhabamuun hulaa galaanaa nageenya biyyaalessaa, dinagdeefi diploomaasi biyyatti irratti dhiibbaa guddaa geessisaa turu himaniiru. Fedhiin Itoophiyaa buufata doonii liiziin\u00a0 qabachuufi misoomsuu akka hin taane kan dubbatan barsiisaan\u00a0 kun, Itiyoophiyaan hulaa galaanaa\u00a0 abbaantummaan\u00a0 bulchitu ishee barbaachisaa jedhaniiru. Itti dabaluunis mootummaan adeemsa sirna\u00a0 idil-addunyaa qorachuun tattaaffii\u00a0 hulaa galaanaa argachuuf taasifamu\u00a0 milkeessuuf hojjechuu qaba jechuun himaniiru.<\/p>\n<p>Adeemsichaan rakkooleen wal xaxaa jiraachuu danda&#8217;u kan jedhan barsiisaan Yuunivarsiitii Dabra Birhan kun, rakkoolee kanneen bilchina hoggansaafi olaantummaa diploomaasiin fixaan baasuuf hojjetamuun akka irra jiraatu kaasaniiru.\u00a0 Hulaan galaanaa nu barbaachisa dhimma jedhu irratti Itoophiyaanootni hundi akka irratti waliigalan kan himan barsiisaa Tizaazuu,\u00a0 dhimma guddaa kanaa\u00a0 milkeessuuf mootummaan adeemsa diploomaasii idilee ta&#8217;e cimsee deemu akka qabu ibsaniiru. Adeemsa hulaa galaanaa argachuuf tattaaffii taasifamu irratti wantoota gufuu ta&#8217;an dursanii qorachuun, furmaata akka argatan gochuun akka barbaachisuus hubachisaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyoota hulaa galaanaa hin qabee keessaa baay&#8217;inaa uummataatiin biyya adda duree taatedha. Ragaaleen garaagaraa akka agarsisanitti waggoottaan 30&#8217;n darabanitti baay&#8217;ina uummata guddaa qabaatani biyyootni hulaa galaanaa hin qabne keessa kan Itoophiyaa qixxaatu hin jiru. Biyyattin hulaa galaanaa kan hin qabne ta&#8217;uun ishee faayidaalee garaagaraa akka dhabdu sababa ta&#8217;a tureera.\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Yeroo ammaas adeemsi haqa qabeessaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5382,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5381"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5381"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5381\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5383,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5381\/revisions\/5383"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5382"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5381"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5381"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5381"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}