{"id":5396,"date":"2025-09-27T15:42:34","date_gmt":"2025-09-27T15:42:34","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5396"},"modified":"2025-09-27T16:13:46","modified_gmt":"2025-09-27T16:13:46","slug":"faayidaa-harkaan-aramuu-oomishtummaaf-qabu-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/09\/27\/faayidaa-harkaan-aramuu-oomishtummaaf-qabu-2\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Calaqqeewwan Birraa"},"content":{"rendered":"<p>Biyyi keenya waqtiilee Bona, Arfaasaa, Birraafi Ganna jedhamuun kan beekaman kan qabdu yoo ta\u2019u isaanis mataa mataa isaaniitti ji\u2019oota afur afur qabaachuun beekamuu. Waqtiilee kanneen keessattis jijjiiramootni adda addaa raawwataman ni jiru. Gubaalessi margee lafti magariisa uffataa yeroo deemu tibba Arfaasaa ta&#8217;uu agarsiisa. Bishaan guutee yeroo dachii gubbaa yaa\u2019u \u00a0ammoo tibba Gannaa ta&#8217;uusaati.haalli qilleensaa ho\u2019aan yeroo biroo caalaa dabaluun biqilootni gogiinsaafi kanneen biroof yoo saaxilaman, waqtii Bonaa ta\u2019uu isaa kan akeekuudha.<\/p>\n<p>Tibbi Birraa hoo maal of keessaa qaba?<\/p>\n<p>Lageen yeroo Gannaa guutan hir&#8217;achaa deemuun alatti wantoota Birraan akka bari&#8217;e agarsiisan keessaa tokko abaaboowwan halluu gara garaa gaaraafi dacheerratti mul&#8217;achuudha. Akaakuu midhaanii qonnaan bulaan facaafatu dabalatee biqiltuun daggala keessa jiran hedduunis waqtii birraa daraaruun firii kennanii dhala namaafi bineeldotaaf mallattoo quufaa ta\u2019u. Daraaraa hedduu keessaa ammoo kan Hadaa, Siddisaa, Cuqiifi Nuugii addatti birraadhaaf miidhagina adda ta&#8217;e kennu. Abaaboon Keelloo bakka gara garaatti maqaa gara garaa qaba. Isaan keessaa &#8216;Hadaa&#8217;, &#8216;Ilillii&#8217; fi &#8216;keelloon&#8217; warreen beekamoodha.<\/p>\n<p>Kana qofaas miti, uffatawwan aadaa ayyaanota Fulbaanaa keessa kabajamanirratti uffatamanis daraaraa keelloon akka faayaman yeroo ammaa biyya keenya keessatti aadeffatamuu irratti argama. Miidiyaaleen hedduunis qophileefi beeksisa adda addaaf foddaa isaanii ilillii birraa kanaan faayuun yeroo dhihoo as baratamaa ta\u2019ee jira. Ayyaanota waqtii birraa hordofuun dhufan kanneen akka bara haaraa, ayyaanota Masqalaafi Irreecha yeroo kabajatan namootni baayyeenis caffeefi daraaraa keelloo kana ni haammatu; manni isaaniillee umama kanaan faayama. Kun ammoo daraaraa keelloo caffee waliin gabaaf dhiyeessuun namoota baay&#8217;eef karaa ittiin galii argatanis ta&#8217;eera.<\/p>\n<p>Yuunivarsitii Addis Ababaatti qorataafi barsiisaan saayinsii uumamaa Sabsibee Damissee (Dr) akka jedhanitti \u2018\u2019bara haaraa yoo yaadannu jalqaba gara qalbii keenyaa kan dhufan keelloo birraati\u201d jedhaniiru. Keelloon birraa waqtii birraa qofa ballinaan akka inni mullatuuf wantoota sababa ta\u2019an keessaa angafootni; yeroon gannaa haalan diilalla\u2019aa waan ta\u2019eef birraan yoo dhufu haalotni ni jijjiiramu, qabiyyeen ho\u2019aafi ifaa ni dabala, bokkaan roobuu waan dhaabuufis sanyiin biqiloota kanneenii lafa keessatti keemikaala uumuun ni jijjiiramu jedhu qorataan kun. Adeemsa uumamaa waan ta\u2019eefis biqiluuf dirqamu jechuun himaniiru.<\/p>\n<p>Akaakuun keelloo birraa gosootni 240 ta\u2019an addunyaa irra kan jiran yoo ta\u2019u biyya keenya Itoophiyaa keessattis gosootni 20 ta\u2019an akka jiranidha hayyuun kun kan eeran. Firii tokkoon ilillii birraa kanaas sanyiiwwan 50-100 ta\u2019an kan godhachuu danda\u2019uufi garuu ammoo umuriin keelloo birraa kanaa xiqqoo akka ta\u2019e yaada isaanii qoodaniiru.<\/p>\n<p>Waqtii Birraa dhimmootni adda godhan biroon ammoo biqiloota dachii irratti mullatan qofa osoo hin taane simbirrootni qilleensarra balali\u2019anis maqaan isaanii ni kaafama. Sababni isaas waqtii birraa keessa kan kabajamu ayyaanni guddichi Masqala jedhamuun gama aadaawaafi amantaawaan kan kabajamu isa beekamaadha.Yeroo kanas egaa simbirroonni Masqalaa ji&#8217;oota hedduuf erga badanii booda waqxii birraa eeggachuun wallakkeessa ji\u2019a Fulbaanaa keessa miidhaga addaan mullatu. Kanuma walqabates hawaasni keenya bifa jechamaan namni tokko yeroo dheeraaf bade kan mul&#8217;ate yoo ta&#8217;ee, maal akkuma &#8216;simbira Masqalaa&#8217; taatee hoo? Jedhaan. Jechi kunis osoo hin mullatiin baatiiwwan dheeraaf baduu agarsiisuuf kan itti fayyadamaniidha.<\/p>\n<p>Haata&#8217;u malee, ogeessiifi qorataan waa\u2019ee\u00a0 simbiraafi Allaattii, \u00a0obbo Alaazaar Daakaa, &#8221;akka aadaan jedhamu simbirroon Masqalaa kunneen kan badanii tibba masqalaa mullatan osoo hin\u00a0 taane, kan yeroo hunda nu waliin jiraataniidha,&#8221; jedhaniiru. Akka jecha oggeessa kanaatti, Itoophiyaatti akka simbirroo Masqalaatti kan beekamu gosa simbira tokkoo qofa osoo hin taane, lakkoofsi isaanii afuriin ol akka ta&#8217;an eeraniiru. Gosa sinbirroo Masqalaa jedhaman kanneen keessaas, yeroo hedduu kan mullatan isaan xixiqqoofi gosa simbiroo Dimbiitii jedhamuun beekamaniitu akka simbiroo Masqalaatti wamaman jedhaniiru. Simbirroonni kunnenis haaluma naannootti maqaa garaa garaa qabachuu akka danda&#8217;an kan dubbattan obbo Alaazaar, jechi simbirroo Masqalaa jedhu kan gosawwan simbira hedduu hammatuudha jedhiiru.<\/p>\n<p>Simbirrootni masqalaa jedhamuun kan beekaman kunneenis maqaa adda addaa haa qabaatan malee maqaa saayinsawaa \u2018\u2019Bishop\u2019\u2019jedhamuun kan waamaman ta\u2019uus dubbataniiru. Sababni akkas jedhamaniifis egaa haalli rifeensaa isaaniifi halluun isaan qaban kan phaaphaasiin waan wal fakkaatuuf akka ta\u2019e eeraniiru. Waqtiin simbirroonni kunneen itti mullatanis wayita waqtiin roobaa darbee bonni eegalu baayinaan mullatu.<\/p>\n<p>Simbirroonni kunneen irra caalaa sanyii kan sooratan waan ta\u2019aniif, waqtiin isaan itti mullatan kunis kan nyaanni ballinaan itti argamuufi sinbirronnis kan itti wal horuuf mijatu waan ta\u2019eef baayinaan argamu jedhaniiru obbo Alaazaar. Simbirroonni kunneen waqtiifi haala qilleensaa irratti hundaa&#8217;uun bakkaa bakkatti kan godaanan waan ta&#8217;aniif biyyoota biraattis ni argamu. Obbo Alaazaar \u00a0akka jedhaniitti, simbirroonni adda addaa waqxiiwwan garaa garaatti keessattuu Fiixee Kaabaatii gara biyyoota Afirikaa kan dhufan yoo ta&#8217;u biyyoota Sahaaraa Gadii jiran keessatti hanga lixa Afirikaa, Moozaambik gadi darbuun biyyoota jiran keesatti facaa\u2019anii argamu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Gara Itoophiyaas simbirroonni adda addaa waqtiiwwan eeggachuun jiddu gala Bahaa, biyyoota Iskaandeeviniyaa, Awuurrooppaa bahaafi Ruusiyaa irraa kan dhufan akka jiraniifi isaanis ogeessotaan akka simbirroo godaantootaatti kan beekamniidha jedhaniiru. Haata&#8217;u malee simbirroonni Masqalaa jedhaman hedduun Itoophiyaafi biyyoota naannoo ishee kan akka Keeniyaa, Yugaandaafi Taanzaaniyaatti akka argaman himama.<\/p>\n<p>Baatiin Fuulbaanaa yeroo simbirroo dhaltuun killee itti buusuuf qophooftu waan ta&#8217;eef, inni kormaan nyaata dhalaafi inni sooratan naannoo tokkootti kuusuun olkaa&#8217;ata. Simbirroota dhalaa caalaa inni dhiiraa haala addaan kan bareedu weedduunis ishee akka caalu ta\u2019uus ogeessi kun ni dubbatu.Simbira ishee dhaltuu booji\u2019achuufis waqtii kanatti ni sirba, ni weeddisa, kennaa adda addaas ni gumaachaaf. Haalluun isaa bareedaa waan ta&#8217;uuf namootatti akka simbira haaraatti mullata jedhu obbo Alaazaar. Waqtiin birraas egaa keelloo birraan miidhagee namootatti hawwiifi abdii horuu qofa osoo hin taane uumama kanneen biroofis waqtii jaallatamaa itti wal horaniifi itti miidhagan ta\u2019uu hubachuu dandeenya jedhaniiru. Birraan baranaas kan quufaafi gabbinaa jaalalaafi nagaa biyya keenyaaf haa ta\u2019uun hawwii barruu keenyaati.<\/p>\n<p>Suurraa Iddoosaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Biyyi keenya waqtiilee Bona, Arfaasaa, Birraafi Ganna jedhamuun kan beekaman kan qabdu yoo ta\u2019u isaanis mataa mataa isaaniitti ji\u2019oota afur afur qabaachuun beekamuu. Waqtiilee kanneen keessattis jijjiiramootni adda addaa raawwataman ni jiru. Gubaalessi margee lafti magariisa uffataa yeroo deemu tibba Arfaasaa ta&#8217;uu agarsiisa. Bishaan guutee yeroo dachii gubbaa yaa\u2019u \u00a0ammoo tibba Gannaa ta&#8217;uusaati.haalli qilleensaa ho\u2019aan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5397,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5396"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5396"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5396\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5417,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5396\/revisions\/5417"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5397"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5396"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5396"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5396"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}