{"id":5400,"date":"2025-09-27T15:52:18","date_gmt":"2025-09-27T15:52:18","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5400"},"modified":"2025-09-27T15:52:18","modified_gmt":"2025-09-27T15:52:18","slug":"sababa-dhabamuu-nageenyaan-rakkoo-wal-xaxaa-dubartoota-irratti-dhaqqabaa-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/09\/27\/sababa-dhabamuu-nageenyaan-rakkoo-wal-xaxaa-dubartoota-irratti-dhaqqabaa-jiru\/","title":{"rendered":"Sababa Dhabamuu Nageenyaan Rakkoo Wal-xaxaa Dubartoota Irratti Dhaqqabaa Jiru"},"content":{"rendered":"<p>Rakkoon nageenya biyya keenya keessatti mudate dhaabbilee hedduu irratti miidhaa kan dhaqqabsisee ta&#8217;us keessattuu damee barnootaa irratti dhiibbaan inni\u00a0 geessise hammaataadha. Barattootni miiliyoonaan lakkaa&#8217;aman barnootaan ala akka ta&#8217;an taasiseera. Kunis banaan dhaloota akka uumamu, hanqinni humna namaa baratee biyyattiin akka dhabdu kan taasisudha. Misooma humna nama barateefi guddina hunda-galeessa biyyattii irrattis banaa guddaa kan uumudha. Dhabamuun nageenyaa miidhaan biyyaafi dhaloota irratti dhaqqabsiisu jechaan kan ibsamu miti.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraatti waggoottan lamaan darbanitti rakkoon nageenyaa uumameen barattootni hedduun dirree barnootaan ala ta&#8217;aniiru. Sababa dhabamuu nageenyaatiin barattootni barnootaan ala ta&#8217;an immoo rakkoolee garaagaraaf akka saaxilaman taasiseera. Keessattuu barattootni dubaraa\u00a0 dhiibbaa hunda galeessaaf akka saaxilaman taasiseera. Umurii malee heerumuu, godaansa seeraan alaaf saaxilamuu, mana namaa galanii maallaqa argachuuf jecha qisaasama humnaaf saaxilamuun dhiibbaa dubartootaa irratti dhaqqaban keessaa isaan muraasadha.<\/p>\n<p>Aminaat Ahmad Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Qawat ganda Addis Ambaatti dhalatte guddatte. Barnoota ishee sadarkaa 1ffaas bakka dhalattee guddattetti jalqabuun barachaa turuu ibsteetti. Aminaat akka jettetti, barnoota ishee haala gaariin\u00a0 barattee xumuruun, iddoo guddaa gahuun ofiifi maatii ishee gargaaruuf mul&#8217;ataafi hawwii guddaa qabdii turte. Mul&#8217;ataafi hawwii ishee galmaan gahuufis barnoota ishee sadarkaa 1ffaa mana barumsaa abbaa Harrayyuutti jalqabdee\u00a0 hanga kutaa saddeetiitti barachaa turuu himteetti. Haata&#8217;u malee waggaa lamaan dura barnoota ishee kutaa saddeettaffaa kan hordofaa turte Aminaat, sababa rakkoo nageenyaatiin abdii gara fuula duraa isheefi maatii ishee hawwite kanneen galmaan gahuuf imala barnootaa eegalte addaan kutuu himteetti.<\/p>\n<p>Rakkoo nageenyaa naannawichaatti mudate, isheefi barattoota akka ishee irratti barnoota isaanii akka addaan kutaniif sababa ta&#8217;uu dubbatteetti. &#8220;Kaayyoon koo baradhee, mataakoo, maatiifi biyyakoo gargaaruuf ture, haata&#8217;u malee rakkoo waggoottan lamaan duraa mudateen barnoota akka addaan kutu na dirqisiise&#8221; jechuun dubbatteetti. Hawwiin ishee barattee iddoo guddaa gahuuf ta&#8217;us, Aminaat barnoota ishee waan addaan kutteef umurii kichuu waggaa 14&#8217;tti\u00a0 heerumaaf akka dirqamte ibsiteetti.\u00a0 Kanaanis,&#8221;abjuufi mul&#8217;anni\u00a0 ani qabu osoo hin milkaa&#8217;iin karaatti akka hafuu ta&#8217;eera\u2019\u2019 jechuun miira gaddaan ibsiteetti. \u00a0Akka hiriyyoota koo fiigee osoo hin quufiin heerumuu kootti baay&#8217;een gaddeera jechuun\u00a0 waa\u2019ee egeree ishee yaaduun miira gaabbiin kaasteetti<\/p>\n<p>Aminaat\u00a0 yeroo ammaa uffata miicuufi buddeena mana namaa deemte tolchuun jireenya ishee geggeeffachaa jiraachuufi rakkoo hedduuf saaxilamuu dubbatteetti. Dhabamuun nageenyaa barattoota dubara akka Aminaat ta&#8217;an hedduun barnoota isaanii addaan kutuun rakkoo garaagaraaf akka saaxilaman taasisuu, Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa&#8217;immanii Naannoo Amaaraatti, Daayrektaarri Adeemsa Kabachiisa Mirga Daa&#8217;immanii,\u00a0 Ashaagree Zawudee himaniiru. Naannichatti waggoottan lamaan darbanitti sababa rakkoo nageenyaan ijoolleen miliyoona afurii ol ta&#8217;an barnootaan ala turuu obbo Ashaagireen ibsaniiru.<\/p>\n<p>Keessumaa cufamuun manneen barnootaa dhiibbaa inni barattoota dubaraa irratti dhaqqabsise daran olaanaa ta&#8217;uu kaasaniiru. Miidhaa saalaa, umurii malee heerumuufi dhiibbaan xin-sammuu barattoota dubaraa irra geessisu salphaa akka hin taane hubachisaniiru. Ragaa sirrii ta&#8217;e bakka hunda deemuun walitti qabuun rakkisaa ta&#8217;us naannichatti bara baajataa 2017&#8217;tti heerumni umurii malee 669 raawwatamu gabaasichi ni agarsisaa jedhaniiru. Ragaaleen sirrii yoo walitti qabaman,\u00a0 lakkofsichi kanaa ol ta&#8217;uu akka danda&#8217;uus eeraniiru. Barattootni dubaraa barnootaan ala ta&#8217;uun isaanii dhiibbaa hawaasummaa garaagaraaf akka saaxilaman\u00a0 taasisuu kan himan obbo Ashaagreen, miidhaa barattoota dubaraa irratti dhaqqabu hambisuuf dhaabbilee barnootaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.<\/p>\n<p>Barattootni dubaraa gara barnoota isaaniitti akka deebi&#8217;an hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiras jedhaniiru. Hojii tola ooltummaa gannaatiin barattoota dubaraa barnootaan ala turan deeggarsa xin-sammuu akka argataniifi maatiin isaaniis deggarsa hawaasummaa akka argatan gochuuf karoorfamee hojiin hubannoo uumuu bal&#8217;inaan hojjetamuu eeraniiru. \u00a0Dubartoota qofa osoo hin taane daa&#8217;imman umuriin isaanii barnootaaf gahe gara barnootaatti akka deebi&#8217;an\u00a0 gochuuf warraaqsa barnoota qopheessuun hawaasa hundaaf hubannoo uumuun danda&#8217;ameera jedhaniiru.<\/p>\n<p>Sababa meeshaalee barnootaatiin dubartoota dabalatee daa&#8217;imman barnootaan ala akka hin taane deggarsi meeshaalee barnootaa barbaachisu hunda kanneen deggarsa barbaadaniif, dhaabbilee garaagaraa waliin ta&#8217;uun deggaruun danda&#8217;amuus \u00a0dubbataniiru. Ilaalcha dogoggooraa hawaasaa, dubartoota waliin walqabatee \u00a0jiru sirreessuufis hojiin guddaa gama biirichaan hojjetamuu isaafi hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Dubartootni sababa rakkoo nageenyaatiin barnoota addaan kutanii turan gara dirree barnootaa isaaniitti akka deebi&#8217;aniif yeroo ammaa bakka nageenyi fooyya&#8217;aan jirutti qaamolee garaagaraa waliin qindoomuun mana manarra deemuun hojiin dadammaqsuu hojjetamuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Daa&#8217;imman dhaloota boru biyya bakka bu&#8217;an waan ta&#8217;aniif barnoota isaanii haalaan\u00a0 akka baratan gochuuf qaamni hunduu gahe isaa bahachuu akka qabu waamicha taasisaniiru. Kutaaleen hawaasaa naannichatti argamu hundi, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaan, qaamoleen dhimmichi ilaallatuu hundi daa&#8217;imman gara mana barnoota deemanii akka baratan gochuufi carraan Aminaat mudate warra kaan irras akka hin geenye gochuuf xiyyeeffannoo addaa kennanii hojjechuu akka qabanis amaanaa jedhaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Rakkoon nageenya biyya keenya keessatti mudate dhaabbilee hedduu irratti miidhaa kan dhaqqabsisee ta&#8217;us keessattuu damee barnootaa irratti dhiibbaan inni\u00a0 geessise hammaataadha. Barattootni miiliyoonaan lakkaa&#8217;aman barnootaan ala akka ta&#8217;an taasiseera. Kunis banaan dhaloota akka uumamu, hanqinni humna namaa baratee biyyattiin akka dhabdu kan taasisudha. Misooma humna nama barateefi guddina hunda-galeessa biyyattii irrattis banaa guddaa kan uumudha. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5401,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5400"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5400"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5400\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5402,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5400\/revisions\/5402"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5401"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5400"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5400"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5400"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}