{"id":5436,"date":"2025-10-11T09:41:32","date_gmt":"2025-10-11T09:41:32","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5436"},"modified":"2025-10-11T09:41:32","modified_gmt":"2025-10-11T09:41:32","slug":"hulaa-galaanaa-nurratti-cufame-argachuuf-yoomiyyuu-caalaa-tokkummaan-dhaabbachuu-gaafata","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/11\/hulaa-galaanaa-nurratti-cufame-argachuuf-yoomiyyuu-caalaa-tokkummaan-dhaabbachuu-gaafata\/","title":{"rendered":"Hulaa Galaanaa Nurratti Cufame Argachuuf Yoomiyyuu Caalaa Tokkummaan Dhaabbachuu Gaafata"},"content":{"rendered":"<p>waggoottan kurnaniif nurratti cufamee ture banuuf tokkummaan dhaabbachuu barbaachisa. Daldalli adunyaa dhibbentaa 80 caalu kan gaggeefamu gejjiba galaanootaani. Biyyoota addunyaa 195 keessaa biyyootni 150 biyyoota hulaa galaanaa qabanidha. Biyyoota hulaa galaanaa hin qabne biyyoota 45 qofadha. Isaaniyyuu biyyoota galaanaarra baayyee fagaatanii\u00a0 argamanidha. Biyyootni dinagdeen guddatan hedduun kan hulaa galaanaa qabanidha. Faayidaan hulaa galaanaa guddina dinagdeerra darbee biyya tokkof dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti. Birmadummaa biyya tokkof hedduu kan barbaachisudha. Biyyootni hulaa\u00a0 galaanaa hin qabne kaffaltii guddaa\u00a0 bufaata dooniif kafalan irra darbee waan barbaadan yeroo barbaadanitti al-erguufi gara biyyaatti galchuuf ni rakkatu. Iccitii biyyattiidhaan qabatame meshaalee gara garaa biyyattii galchuufis ta\u2019e al-erguuf ni ulfaata. Kunis kallattummaan nageenyaafi birmadummaa biyyattii egsisurratti danqaadha.<\/p>\n<p>Waggoottan 36 dura Itoophiyaan biyyoota hulaa galaanaa qaban keessaa ishee tokko turte. Eritraan erga foxxoqte boodaa achuumaan hulaan galaanaa nurratti cufame. Itoophiyaan biyya galaana\u00a0 Dimaafi Garba Indiyaatti dhiheenyaan argamti. Galaana Dimaarra kiloomeetira 60 qofa fagaatte argamte. Biyya galaanarraa dhiheenyaatti argamte kan hulaa galaanaa hin qabnedha. Itoophiyaan Waggoottan 36 darbaniif buufata doonii kireefachuun fayyadamaa turteetti. Akka ragaan mul\u2019isutti waggaa tokkotti\u00a0 buufata doonii Jibuutiif gara doolara biliyoona lamatti siqu ni kafaltti. Kunis akka biyyatti erga hulaa galaanaan nurratti cufame asitti yookaan waggaa 36\u2019n biliyoona 72 kiraa buufata dooniif baasneera jechuudha. Birriin kun akka hidha haroomsa Itoophiyaa guddichaa 12 ijaaruf kan nu dandessisu yookaan misooma gurguddoo biyyaaf kan oluu danda\u2019u ture jechuudha.<\/p>\n<p>Biyyi uummata miliyoona 130 qabdu hulaa gaalaanaa male itti fufuu yeroon itti dhaabbatu yoomi? gaafii lammilee Itoophiyaa hedduu ture. Hayyuleen biyyattii\u00a0 quqama biyyaa qaban yeroo gara garaa gaaffii kana kaasaniis yeroottan darbaniif mootummaan hin deeggaramne. Gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa seenaanis, seera adunyaa\u00a0 itti fayyadama galaanaanis, baayyinni ummataa biyyattiin qabdunis,dhiheenya galaanaa argamun keenyaafi feedhi faayidaa biyyattiin qabdunis gaaffi fudhatammummaafi haaloota dandechisoo kan qabdudha. Yeroo ammaa gaaffiin kun fudhatama argatee mootummaan ejennoo qabatee irratti hojeechaa jiruurra genyeera. Gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa mootummaan irratti hojechaa jiru akka idil-adunyaas fudhatama argachaa jira. Gaaffiin kun uummata Itoophiyaa hedduu kan dammaqsiseedha. Dadammaqinsiifi mirrii kaka\u2019umsa uummata Itoophiyaa kun yeroo jalqabbii hidha haaromsaa wajjiin kan walfakkatudha. Seenaadhaan Itoophiyaanootni yeroo tokkummaan dhaabbatanii injifannoo gurguddoo galmessisanidha.<\/p>\n<p>Waraana Injifannoo\u00a0 Adawaa booda xummuramun hidhni haaromsaa Injiifannoo Adawaa lammaffa jadhame jira. Injifannoon Adawaa sadaffaafi\u00a0 Itoophiyaa gara sadarkaa qaroominaafi dhaggeetti duraan qabdutti kan jijjiru hulaa galaanaa argachuudha. Kun tokkummaa Itoophiyaanootaa yeroo kamiyyuu caalaa kan gaafatudha. Faayidaan biyyaalessaa Itoophiyaa hirmaannaa lammilee biyyattii hunda kan gaafatudha. Rakkoolee keessoo mariif marabbaan furuun gaaffilee faayidaa biyyaalessaa mirkanessu danda\u2019an irratti tumsuu barbaachisa.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>waggoottan kurnaniif nurratti cufamee ture banuuf tokkummaan dhaabbachuu barbaachisa. Daldalli adunyaa dhibbentaa 80 caalu kan gaggeefamu gejjiba galaanootaani. Biyyoota addunyaa 195 keessaa biyyootni 150 biyyoota hulaa galaanaa qabanidha. Biyyoota hulaa galaanaa hin qabne biyyoota 45 qofadha. Isaaniyyuu biyyoota galaanaarra baayyee fagaatanii\u00a0 argamanidha. Biyyootni dinagdeen guddatan hedduun kan hulaa galaanaa qabanidha. Faayidaan hulaa galaanaa guddina dinagdeerra [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5437,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5436"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5436"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5436\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5438,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5436\/revisions\/5438"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5437"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5436"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5436"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5436"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}