{"id":5439,"date":"2025-10-11T09:43:12","date_gmt":"2025-10-11T09:43:12","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5439"},"modified":"2025-10-11T09:43:12","modified_gmt":"2025-10-11T09:43:12","slug":"mirgi-hulaa-galaanaa-argachuu-sadarkaa-olaanaatti-guddachuu-pireezidaanti-taayyeen-himan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/11\/mirgi-hulaa-galaanaa-argachuu-sadarkaa-olaanaatti-guddachuu-pireezidaanti-taayyeen-himan\/","title":{"rendered":"Mirgi Hulaa Galaanaa Argachuu Sadarkaa Olaanaatti Guddachuu Pireezidaanti Taayyeen Himan"},"content":{"rendered":"<p>Tibbana sirni baniinsa bara hojii 6ffaa Mana Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataafi bara hojii 5ffaa Mana Maree Federeeshinii gamtaan geggeeffamuun isaa ni yaadatama. Sirnichaan Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen raawwii hojii bara 2017fi karoora mootummaa Federaalaa bara 2018 dhihessaniiru. Itoophiyaan qabeenya daangaa ce\u2019oo qabduun faayyadamummaa haqa qabeessaa yoo simattu, akkasuma mirga hulaa galaanaa argachuu ishee mirkaneeffachuu qabdi jedhaniiru.<\/p>\n<p>Pireezidaantichi, dhimmoota Hidhaa Haaromsaafi hulaa galaanaaa argachuu irratti mootummaan tattaaffii nagaa qabeessaafi dippiloomaasii addaan hin cinne taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, mirgi Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu sadarkaa olaanaatti ceheera. Carraaqqiiwwan hanga ammaatti taasifamaniin bu\u2019aaleen ijoo ta\u2019an kanneen akka hidhaa haaromsaa qormaataa mudatee turee ogummaan keessa darbuun eebbisiisuu, mirgi hulaa galaanaa argachuu gara sadarkaa olaanaatti ce\u2019uufi gaaffiin haqa qabeessaa kunis hawaasa idil-addunyaa biratti fudhatamummaan isaa dagaagaa dhufuu ibsaniiru. \u2018\u2019Itoophiyaan boqonnaa seenaa ijoo irratti argamti\u2019\u2019 kan jedhan pireezidaantichi, hojiileen bu\u2019uuraa haaraan hojjetamaa jiran carraa egeree biyyattii kan murteessan ta&#8217;uu hamaniiru. Addunyaan ce\u2019umsa kallattiin isaa addaa hin baane keessatti kan argamtu ta\u2019uu kan kaasan pireezidaanti Taayyeen, ce\u2019umsi kunis carraas, qormaataas kan qabudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Ce\u2019umsa kanarraas fayyadamuuf dandeettiin barbaachisu uumamaa jiraachuu eeraniiru. Carraa kana sirnaan fayyadamnaan, ce\u2019umsa ji\u2019oopolotikaafi ji\u2019oo ikoonoomii idil-addunyaa keessatti, biyya abdii qabeettiifi fakkeenya taatu ijaaruun akka danda\u2019amu ibsaniiru. Kana kan mirkaneesuu danda\u2019uu ejjennoo cimaafi shaakala gabbifanneerra jedhani pireezidaantichi. Kanaaf imala olka\u2019iinsa biyyattii mirkaneessuuf eegalame galmaan ga&#8217;uuf bara baajataa 2018 keessatti mootummaan dameewwan baay&#8217;ee irratti xiyyeeffannaan kan hojjetu ta\u2019uu hubachiisaniiru. Mootummaan dinagdee biyyaa guddisuuf hojiilee hojjetaman cinatti bu\u2019uuraalee misooma hawaasummaa fooyyessuuf xiyyeeffannoo kennuun ciminaan ni hojjeta jedhaniiru. Barnootni qulqullinni isaa eegame akka walga\u2019uuf manneen barnootaa sadarkaa duraa babal\u2019isuu irraa eegalee daa\u2019imman barnootaaf ga\u2019an hundi carraa barnootaa akka argataniif kan hojjjetamu ta\u2019uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Barnoota leenjiifi teeknikaanis dhaloota ogummaa horate oomishuun carraa hojii biyya keessaafi alaa irratti akka hirmaataniif kan hojjetamu ta\u2019as jedhaniiru. Dhaabbilee fayyaa babal\u2019isuufi tajaajila fayyaa fooyyessuunis hawaasa fayya buleessa horachuuf dhibee dursanii ittisuun cinaatti dhukkuboota wal\u2019aanuuf dhiyeessii meeshaalee wal\u2019aansaaf qorichaa irratti kan hojjetamu ta\u2019uu ibsaniiru. Haaluma kanaan galteewwan fayyaa biyya keessatti akka oomishamaniif deggarsi itti fufiinsa qabu ni kennama jedhaniiru. Tajaajilli dhaabbilee fayyaa keessatti kennamus teeknooloojiin kan deggarameefi si\u2019ataa akka ta\u2019uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta\u2019uu ibsaniiru. Haaluma kanaan, dhiheessiin humna ibsaa, daandiifi bishaanis magaalaa hanga baadiyyaatti xiyyeeffannaan kan kennamuuf ta\u2019uu dubbataniiru. Bu\u2019uuraaleen misoomaa kunneen dinagdee si\u2019eessuufi jireenya hawaasaa fooyyessuu keessatti ga\u2019een qaban olaanaa akka ta\u2019e hubachiisaniiru. Daa\u2019immaniifi maanguddoonni akkasumas qaama miidhamtoonni dinagdee biyyattii irraa akka fayyadamaniif hojiin isaan giddugaleessa godhateefi imaammataafi qajeelfamaan deggarame kan hojjetamu ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Tibbana sirni baniinsa bara hojii 6ffaa Mana Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataafi bara hojii 5ffaa Mana Maree Federeeshinii gamtaan geggeeffamuun isaa ni yaadatama. Sirnichaan Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen raawwii hojii bara 2017fi karoora mootummaa Federaalaa bara 2018 dhihessaniiru. Itoophiyaan qabeenya daangaa ce\u2019oo qabduun faayyadamummaa haqa qabeessaa yoo simattu, akkasuma mirga hulaa galaanaa argachuu ishee mirkaneeffachuu qabdi jedhaniiru. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5440,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5439"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5439"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5439\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5441,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5439\/revisions\/5441"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5440"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5439"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5439"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5439"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}