{"id":5444,"date":"2025-10-11T10:04:35","date_gmt":"2025-10-11T10:04:35","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5444"},"modified":"2025-10-11T10:04:35","modified_gmt":"2025-10-11T10:04:35","slug":"mana-murtii-fakkeenyummaa-tauu-dandau-ijaaruuf-hojjetamaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/11\/mana-murtii-fakkeenyummaa-tauu-dandau-ijaaruuf-hojjetamaa-jira\/","title":{"rendered":"Mana Murtii Fakkeenyummaa Ta&#8217;uu Danda&#8217;u Ijaaruuf\u00a0 Hojjetamaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Yaa&#8217;ii abbootiin seeraa mana murtii naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti adeemsifameera. Yaadooleen yaa&#8217;icharratti ka&#8217;aaniifi mata dureen marii ittiin gaggeeffamaa ture,\u00a0 beekuumsaafi dandeettii abbootii seeraa kan guddisan, hojii fooyya&#8217;aaf kan kakaasaniifi manneen murtii tajaajila qubsaa ta&#8217;e uummataaf akka kennan kan dandeessisan ta&#8217;uu isaanii hirmaattootni yaa&#8217;ichaa kaasaniiru.<\/p>\n<p>Pireezidaantiin mana murtii olaanaa bulchinsaa sablammii Oromoo obbo Alii Mohaammad, yaa&#8217;iin adeemsifame hojii waloofi jijjiirama waloof kan kakaasuu ta&#8217;u dubbataniiru. Caalaatti wal deeggaranii hojjechuuf, waloon hojjechuufi abbootii seeraa galma waloo qaban uumuuf waltajjii murteessaa ta&#8217;u eeraniiru. Manni murtii kennaa tajaajila kan kennudha, amanamummaafi\u00a0 tajaajila qubsaa ta&#8217;e kennuun immoo kaayyoo isaa isa olaanaa ta&#8217;u himaniiru. \u2018\u2019Mannii murtii waliigalaa\u00a0 naannoo Amaaraa hojmaataa dijitaalawaa ta&#8217;e\u00a0 diriirsee jira\u2019\u2019 kan jedhan obbo Aliin,\u00a0 sadarkaa godinaaleettis hojmaata ammayyaawaa ta&#8217;e diriirsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Pireezidaantiin mana murtii godina\u00a0 Walloo Kibbaa Tigisti Daanyaachaw, yaa&#8217;ichi abbootii seeraafi mudamtootni yaa&#8217;ichaa kan si&#8217;oominaan eegaa turaniifi banaawwan manneen murtii kan guutuu ta&#8217;u himaniiru. Sadarkaa abbootiin seeraa irra jiran kan agarsiisu,\u00a0 rakkoolee adeemsa hojmaataa keessatti mudatan hiikuuf, waloon hojjechuufi mana murtii galma isaa\u00a0 \u00a0milkeessuu danda&#8217;u ijaaruuf kan fayyadu ta&#8217;us ibsaniiru. Abbootiin seeraa beekumsa mana barumsarraa fudhatanii bahaniin alatti seeroota haaraa bahan beekuufi hiikuuf qophaa&#8217;aa ta&#8217;u qabus jedhaniiru. Yaa&#8217;ichi qajeelfamaawwaniifi dambiiwwan haaraa sirnaan hubachuufi gara hojiitti jijjiruuf kan dandeessisuu ta&#8217;us himaniiru.<\/p>\n<p>Pireezidaantiin mana murtii godina gidduugalaa Gondar obbo Charinnat Taganyee gamasaaniin,\u00a0 yaa&#8217;iin adeemsifame seeroota, imaammataafi yaadolee jiran sadarkaa naannoofi federaalaatti hubachuun tajaajila fooyyaa&#8217;a manneen murtii akka kennan kan taasisu ta&#8217;u himaniiru. Naannoon Amaaraa sadarkaa biyyaatti mana murtii fakkeenya ta&#8217;u danda&#8217;u ijaaruuf tattaaffi taasisaa jiruuf yaa&#8217;iin taasifame gahee olaanaa qabaachuu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Yaa&#8217;ii abbootiin seeraa mana murtii naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti adeemsifameera. Yaadooleen yaa&#8217;icharratti ka&#8217;aaniifi mata dureen marii ittiin gaggeeffamaa ture,\u00a0 beekuumsaafi dandeettii abbootii seeraa kan guddisan, hojii fooyya&#8217;aaf kan kakaasaniifi manneen murtii tajaajila qubsaa ta&#8217;e uummataaf akka kennan kan dandeessisan ta&#8217;uu isaanii hirmaattootni yaa&#8217;ichaa kaasaniiru. Pireezidaantiin mana murtii olaanaa bulchinsaa sablammii Oromoo obbo Alii Mohaammad, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5445,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5444"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5444"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5444\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5446,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5444\/revisions\/5446"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5445"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5444"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5444"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5444"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}