{"id":5447,"date":"2025-10-11T10:06:46","date_gmt":"2025-10-11T10:06:46","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5447"},"modified":"2025-10-11T10:06:46","modified_gmt":"2025-10-11T10:06:46","slug":"tumsa-carraa-hojii-dargaggootaaf-uumuuf-taasifamaa-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/11\/tumsa-carraa-hojii-dargaggootaaf-uumuuf-taasifamaa-jiru\/","title":{"rendered":"Tumsa Carraa Hojii Dargaggootaaf Uumuuf Taasifamaa Jiru"},"content":{"rendered":"<p>Dhalli namaa akka namaa\u00a0 jiraachuuf\u00a0 wantootni bu\u2019uuraa ta&#8217;an, kanneen akka nyaataa, uffataafi bakki jireenyaa isa barbaachisa.\u00a0 Wantootni bu\u2019uuraa barbaachisan kunneen kan argamuu danda\u2019an immoo yoo hojjetani qofadha. Hojii argachuun ammoo yeroo ammaa dorgommiifi tattaaffii hedduu kan gaafatu waanta&#8217;eef gosa hojii kamiyyu osoo hin tuffatiin hojjechuun dirqamadha.<\/p>\n<p>Yeroo ammaa hojii dhabdummaan qormaata Itoophiyaanotaa qofa osoo hin taane qormaata biyyoota guddataa jiran ta&#8217;a dhufeera. Rakkoowwan hojii dhabdummmaatti aansee dhufu ammoo rakkoo siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa waan ta\u2019aniif biyya tokko keessa nageenyaafi tasgabbiin akka hin jiraanne taasisuurratti gahee olaanaa qabu. Bakka nageenyiifi tasgabbiin hin jirreetti immoo wantootni dhala namaaf barbaachiisan hin jiraatan jechudha. Kanaafuu nageenya waaressuun dargaggootaaf carraa hojii uumuun misoomaafi guddina biyyaa saffisisuun qaama hundarraa hojii guddaan kan eegamuudha.<\/p>\n<p>Bulchiinsi Sablammii Oromoos dargaggootaaf\u00a0 dameelee hojii garaagaraan carraa hojii uumuun lakkoosa hojii dhabdootaa xiqqeessuuf hojii bal&#8217;aa hojjechaa jiraachuu ragaan qajeelcha hojiifi leenjii bulchiinsa sablammiicharraa argame ni mul&#8217;isa. Dargaggoonnis carraa hojii mootummaan isaaniif mijeesse haalaan fayyadamuun ofi bira darbanii hojii dhabdoota biroof carraa hojii uumuu danda&#8217;an akka jiranis ragaan arganne ni agarsiisa.<\/p>\n<p>Dargaggoo Ahmad Rashid jiraataa magaalaa Kamiseeti. Hiriyoota isaa waliin ta&#8217;uun sheedii mootummaan isaaniif kenne fayyadamuun horsiisa lukkuu irratti bobba\u2019anii hojjechaa jiraachuu dubbateera. Gara hojii kanaatti galuun dura dargaggoo Ahmadiifi hiriyootni isaa leenjii gaggabaaboo fudhachuun\u00a0 sheedii mootummaan ijaaree isaaniif kenne irratti baajata ofii isaaniin lukkuu horsiisuu eegaluu himeera.\u00a0 Yeroo ammaa hojii horsiisa lukkuu daran babal&#8217;isuun of bira darbanii hojii dhabdoota biroof carraa hojii uumaa jiraachuu kaaseera.<\/p>\n<p>Hanqaaquu, lukkuu fooniif taatuufi lukkuulee hormaataaf oolan hawaasaa naannawichaaf dhiyeessuun\u00a0 fayyadamoo ta&#8217;a jiraachuu ibseera. Hojii horsiisa lukkuu waggaa sadiin dura birrii kuma 40&#8217;n hiriyyoota isaa waliin eegaluu kan dubbate dargaggichi yeroo ammaa kaappitalli isaanii gara birrii miliyoona tokko tuqaa shan guddachuu\u00a0 himeera.<\/p>\n<p>Gara hojiitti wayita galamu rakkoon hedduu mudachuu akka danda&#8217;u kan hime dargaggoo Ahmad, rakkoolee muudatan dandamachuun gara milkaa&#8217;inatti ce&#8217;uu akka danda\u2019an yaadateera. &#8220;Qormaatilee mudatan obsaan yoo darbu baanne bakka barbaanne gahuun rakkisaadha&#8221; jechuun dubbateera.\u00a0 Dargaggoota haaraa gara hojiitti galuuf fedhii qabanis rakkoolee isaan mudachuu danda&#8217;aniin duubatti deebi&#8217;uu osoo hin taane, obsaan gara milkaa&#8217;inatti akka ce&#8217;uu qaban dargaggoon kun gorseera.<\/p>\n<p>Itti aanaan itti gaafatamaa\u00a0 qajeelcha hojiifi leenjii bulchiinsa sablammii Oromoo, Sayid\u00a0 Indiriis bara baajata 2017tti\u00a0 akka bulchiinsa\u00a0 sablammii Oromootti dameelee hojii sagaliin,\u00a0 hojii dhabdoota kuma 29 fi 672tiif carraa hojii uumuuf karoorfamee hojii dhabdoota kuma 28fi 994f\u00a0 yookiin dhiibbeentaa 97 carraan hojii uumuun danda&#8217;amu himaniiru. Kana keessaa carraan hojii dhaabbataa kuma 17fi 471\u00a0 dargaggootaaf uumuun danda&#8217;ameera jedhaniiru. Dameelee hojii\u00a0 intarpiraayizii hundeessuun, kan duraan turan jajjabeessuun, \u00a0gosoota hojii maanufaakchariingii, qonna, \u00a0tajaajila kennuufi kan kanaa fakkataniin,\u00a0 dargaggootaaf carraa hojii uumuun danda&#8217;amuu himaniiru.<\/p>\n<p>Bara baajataa darbeen Intarpiraayizoota haaraa 2073 hundeessuuf karoorfamee intarpiraayizoota 1052 hundeessuun dargaggoota qabatamaan gara hojiitti galchuun danda&#8217;ameera jedhaniiru. Carraa hojii\u00a0 uumamee kanaaf mootummaan birrii miliyoona 70 ol baasii taasisuu kaasaniiru. Adeemsa carraa hojii uumuu keeessatti kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamaa turus\u00a0 himaniiru.<\/p>\n<p>Carraan hojii uumameef keessaa dhiibbantaan 75.25 dargaggoota ta&#8217;u isaanii\u00a0 obbo Sayid himaniiru. Kana keessaa dubartootni dhiibbantaa 41.6 ta&#8217;an\u00a0 fayyadamoo taasisuun danda&#8217;amuu dubbataniiru. Hirmaannaan durbartootaafi dargaggotni misooma keessatti qaban yeroo ammaa\u00a0 dabalaa jiraachuu isaa kan mul&#8217;isuudha jedhanii namoota biyya alaarraa deebi&#8217;an 1314f carraan hojii uumamusaa itti dabalun himaniiru.<\/p>\n<p>Qaama miidhamtoota 45 ta&#8217;aniif\u00a0 carraa hojii uumuun fayyadamtoota taasisuun danda&#8217;amus obbo Sayid dubbataniiru. Bara baajataa 2018ttittis namoota kuma 29 fi 40 ta&#8217;aniif carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Kurmaana tokkoffaa bara baajataa kana keessattis namoota 1276 ta&#8217;aniif carraa hojii dhaabbataa uumuun fayyadamoo taasisneera jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kutaalee hojii kanneen akka hojii mukaafi sibiilaa, horsiisa lukkuufi killee, horsiisa horiifi k.k.f irratti bal\u2019inaan xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jirachuu himanii, gara fuulduraattis hojii dhabdummaa xiqqeessuuf ciminaan itti fufee kan hojjetamuu ta&#8217;u ibsaniiru. Karoora\u00a0 carraa hojii uumuu kanaaf fandiin naanna&#8217;aa fayyadamuuf karoorri qabamuu isaa kaasaniiru. Hojii dhabdoota calaluufi adda baasuu irratti\u00a0 loogummaafi malaanmaltummaan akka hin uumamneef\u00a0 kallattii naannoon kaa&#8217;een galmeen karaa onlaayiniin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru. Dargaggootni dandeettifi beekumsa qabaniin, hojii mataa isaanii akka uumaniif leenjiin gaggabaaboo mootummaan mijeesse dargaggoota kum kudhanii ol leenjisaa turuufi gara fulduraattis cimee kan itti fufu ta&#8217;uu obbo Sayid mirkaneessaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhalli namaa akka namaa\u00a0 jiraachuuf\u00a0 wantootni bu\u2019uuraa ta&#8217;an, kanneen akka nyaataa, uffataafi bakki jireenyaa isa barbaachisa.\u00a0 Wantootni bu\u2019uuraa barbaachisan kunneen kan argamuu danda\u2019an immoo yoo hojjetani qofadha. Hojii argachuun ammoo yeroo ammaa dorgommiifi tattaaffii hedduu kan gaafatu waanta&#8217;eef gosa hojii kamiyyu osoo hin tuffatiin hojjechuun dirqamadha. Yeroo ammaa hojii dhabdummaan qormaata Itoophiyaanotaa qofa osoo hin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5448,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5447"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5447"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5447\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5449,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5447\/revisions\/5449"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5448"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5447"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5447"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5447"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}