{"id":5450,"date":"2025-10-11T10:10:37","date_gmt":"2025-10-11T10:10:37","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5450"},"modified":"2025-10-11T10:10:37","modified_gmt":"2025-10-11T10:10:37","slug":"ayyaanota-dirree-calaqqee-tokkummaa-uummataa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/11\/ayyaanota-dirree-calaqqee-tokkummaa-uummataa\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0 Ayyaanota Dirree: Calaqqee Tokkummaa Uummataa"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan baay\u2019ina uummataa qabduun akka Afirikaatti sadarkaa \u00a0lammaffaa irratti kan argamtu yoo ta\u2019u biyyoota sabaafi sab-lammoota hedduu qaban ta\u2019uunis sadarkaa idil-addunyaatti gurra guddaa qabaachuun beekamti. Sabaafi sablammoota 80\u2019ol kan qabdu biyyi keenya Itoophiyaan, afaanota danuu aadaafi duudhaa, amantaalee, ayyaanota sirnoota adda addaan kabajaman hedduufi kanneen biroo danuun keessatti argamu. Qabeenyi uumaan ganama ishee badhaase kunis egaa dameelee adda addaan biyyattiif faayidaa hedduu argamsiisuu irratti kan argaman yoo ta\u2019u kanneen keessaas dameen tuurizimii isa tokkodha.<\/p>\n<p>Tuurizimiin biyya tokkoof madda galii ta\u2019uun cinatti biyyatti sadarkaa addunyaatti beekamtii guddaa akka argattuuf shoorri inni taphatu olaanaadha. Damee tuurizimiinis badhaatuudha kan jedhamtu Itoophiyaan, haalli teessuma lafaa ishee, haalli qilleensaa biyyattii, qabeenya bineensotaafi bineeldotaa mimmiidhagoo, kalaqniifi bobbocni ogummaa hawaasa biyyatti durii\u00a0 akkasumas sirnootni amantaafi aadaa hedduun biyyattiitti argaman hambaalee hin sochooneefi socho\u2019an kan sadarkaa Dhaabbata Gamtoomanitti Jaarmiyaa Barnootaa, saayinsiifi Aadaa \u2018UNESCO\u2019tti galmaa\u2019an danuu qabdi. Beekamtii argachuunis qabeenya biyyattii qofa ta\u2019uun hafee ija biyyoota addunyaa maraa ta\u2019uun\u00a0 addunyaan daawwachuuf gara biyya keenyaatti guyyaa guyyaan akka imalaniif sababa ta\u2019uun kan galmaa\u2019an baay\u2019inaan 15 kan ta\u2019anidha. Kanaanis Itoophiyaan hambaalee kanneen \u2018UNESCO&#8217;tti galmeesisuun Afirikaa irraa biyya sadarkaa jalqabaa irra jirtudha.<\/p>\n<p>Faayidaan ayyaanota dirree<strong>tti kabajaman<\/strong>, keessumaa uummattoota biyyattii biratti, <strong>t<\/strong>okkummaafi walitti dhufeenya cimsuuf isaan hedduu barbaachisoo ta\u2019anidha. Tokkummaa Ummataa gadi fageenyaan cimsuu keessattis faayidaan ayyaanota dirree kanneen akka Masqalaa, Irreechaa, Fichee Cambalaalaa, Cuuphaafi kanneen biroo tuquun ni danda\u2019ama. Ayyaannonni kun sabootafi gosoota gara garaa walitti fiduuf carraa guddaa kennu. Uummatni bakka tokkotti wal arganii, aadaa, seenaafi duudhaa isaanii wal jijjiiruudhaan tokkummaa uumuun kan danda\u2019anidha. Ayyaana Irreecha irrattis baroota\u00a0 dhihoo sa sabaaf sablammootni kutaalee biyyatti Kaabaa hanga Kibbaa, Bahaafi Lixa osoo hin jedhiin dirree itti wal gahuun aadaaf duudhaa isaa wal barsiisaa waliin sirbee taphatee tokkummaa isaanii leellisan ta\u2019uun seenaa ajaai\u2019baa jaalalaafi tokkummaa saboota biyyatti haalan ol ba\u2019ee bakka itti mullatu ta\u2019uu danda\u2019eera.<\/p>\n<p>Irreecha baranaa irrattis hirmaachuun yaada isaanii kan eeran,\u00a0 ministirri Geejjibaafi Loojistiksii Alamuu Simee (Dr) \u00a0\u2018\u2019Egeree keenya kan tolchu aadaadha, aadaa keessatti guddanna, kanaafuu aadaa jechuun nama tokko irraa ka\u2019uun biyya tokko kan itti guddisanidha, ayyaanonni kanneen akka Irreechaa ammoo tokkumaafi ijaarsa biyyaafi gahee inni taphatu guddaadha\u2019\u2019\u00a0 jechuun dubbataniiru. Ayyaanotni addabaabayii Itoophiyaan qabdu hedduun tokkummaa cimsuun wal hubannaafi wal kabajuu lammiilee biyyattiif Carraa guddaa Uuma. Addabaabayii irratti wal arguun, wal hubannoofi kabajaa aadaafi amantii waloo guddisuu ni danda\u2019a. Kun immoo walitti bu\u2019iinsaafi garaagarummaa biyyattii keessatti mudachuu danda\u2019an hir\u2019isuuf gahee guddaa qabu.<\/p>\n<p>Ayyaana ibsituu tokkummaafi waliin jireenyaa uummata Itoophiyaa ibsuun beekamu keessaa tokko kan ta&#8217;e &#8216;Yaahodeen&#8217; ayyaana kabaja bara haaraa Hadiyyaa yoo ta\u2019u, ayyaanichi ayyaana tokkummaafi jaalalaan kabajamu, guddinaafi badhaadhina biyyaaf akka fakkeenyatti kan ilaalamudha kabajni ayyaanichaa aadaa wal gargaaruufi walitti dhufeenya tokkummaa lammilee kan cimsuudha. Dhimmi biraan ammoo ayyaanota dirree kanneen irratti, nagaafi wal qixxummaan haalaan leellifamu. Kunis tokkummaaf bu\u2019uura ta\u2019uun tajaajila jechuudha. Wal qixxummaafi nagaa waliin jiraachuu ilaalchisee barnootaafi hubannaa kennuuf carraa gaariidha. Uummanni wal kabajuun nagaafi tokkummaa biyya keessatti uumuuf murteessaadha. \u201cAyyaanni dirree akka Fiichee Cambalaalaa ammoo ayyaana walkabajuufi tokkummaa waan ta\u2019eef tokkummaa hawaasa biyyattiif isa baay\u2019ee barbaachisaadha.\u201djechuunis Pirezdaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo guyyaa kabaja ayyaana kanaa irratti yaada isaanii dubbatanii turan.<\/p>\n<p>Fiichee Cambalaalaan lolliifi walitti bu\u2019iinsi akka hin jiraanne kan wal dhabe kan itti araaramu ayyaana nageenyaati. Ayyaanni wal kabajuufi tokkummaa kunis Itoophiyaa keessatti haala ho\u2019aan yeroo yeroon ni kabajamaa. Ayyaannota gama amantaan dirree irratti bahuun biyyattii keessatti kabajaman kanneen cimina waliiniifi wal gargaaruu irratti fuulleffatan kan dhabe itti gargaaruun waliin nyaatanii dhuganii tokkummaa mullisan keessaa ammoo ayyaanni hordoftoota amantaa Islaamaan kabajamu ayyaanni Iid Alfaxir isa beekamaadha. Ayyaanni kun dadhabina tokko tokkoof furmaata waliin barbaaduuf, rakkoo waliin hiikuufi wal gargaaruuf carraa kenna. keessumaa guyyaa kabaja ayyaana kanaatti namni harka qalleessi kam illee osoo hin nyaatin kan hin dabarsinedha. Kana qofas osoo hin taane\u00a0 duudhaa waan qaban walii qooduufi jaalala isa dhugaa itti waliif mullisan ayyaana kabajamaadha.<\/p>\n<p>Keessumaa ammoo gammachuufi aalala uumuun miiraa wal fakkaataan hawaasni amantaa garagaraa hordofan walooman kabajuun beekaman keessaa ayyaanni Cuuphaa, dirree irratti kabajamu biyya keenya keessatti fakkeenyummaan maqaan isaa irra deddeebiin ni himama. Tokkummaan dhugaa gammachuufi jaalalli ho\u2019aan wal qooddaa tokko malee kan itti calaqqisiifamuu danda\u2019udha. Ayyaana kana irrattis tokkummaa walitti dhufeenyaafi jaalala hawaasni \u00a0waliif qabu cimsuuf hedduu kan gargaarudha. Ayyaanni Cuuphaa tokkummaa uummattootaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu yoo ta\u2019u hawwata tuuriziimii biyya keenyaa ta&#8217;uu irra darbee tokkummaa uummattootaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabudha. Ayyaanotni dirree biyyattiin qabdu kanneen qofa osoo hin taane hanga hawaasa sadarkaa gadiitti jiran keessa aadaaleen biyyattiin qabdu tokkummaa hawaasaa cimsuuf kanneen gahee leencaa taphatan ta\u2019uun isaa abdii biyyattii egereeti.<\/p>\n<p>Haala kanaan, ayyaanni addabaabayii tokkummaafi walitti dhufeenya uummata Itoophiyaa gidduutti cimsuuf bu\u2019uura gaarii kan tolchuu danda\u2019u ta\u2019uun isaa dhimma wal nama hin gaafachiifnedha. Qabeenya qaalii ta\u2019e uumaan ganamuma biyya keenya haala addaan badhaase sabaaf sablammootni hedduun kunneen\u00a0 aadaaf duudhaalee isaaniitti dhimma ba\u2019uun hiree tokkummaaf jaalala biyyattii murteessuu akka danda\u2019an hubachuu kan dandeenyudha. Ayyaannota gama aadaafi amantaan kabajaman hedduun kunneen egaa guddina diinagdeefi abdii egeree biyyattiif kallattii adda addaan shoora olaanaa kan taphatan yoo ta\u2019u biyyi tokkummaa qabdu guddina ariifachiisaa galmeessisuun cinatti birmadummaafi sodaatamtuu taatee akka isheen jiraattuufis seenawwan jaarraa darban raawwataman bara baraan seenaa boonsaa ta\u2019uun gola seenaa irratti katabamuun yoom illee ni yaadatamuu. Kanaafuu sirnoota hawaasa keessa jiran tokko nu gochuu danda\u2019an irratti fuulleffachuun tokkummaa lammiilee biyya keenyaa cimsuun shoora dhaloota ammaafi nama hundaatiin dhaamsa barruu keenyaati.<\/p>\n<p>Suurraa Iddoosaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan baay\u2019ina uummataa qabduun akka Afirikaatti sadarkaa \u00a0lammaffaa irratti kan argamtu yoo ta\u2019u biyyoota sabaafi sab-lammoota hedduu qaban ta\u2019uunis sadarkaa idil-addunyaatti gurra guddaa qabaachuun beekamti. Sabaafi sablammoota 80\u2019ol kan qabdu biyyi keenya Itoophiyaan, afaanota danuu aadaafi duudhaa, amantaalee, ayyaanota sirnoota adda addaan kabajaman hedduufi kanneen biroo danuun keessatti argamu. Qabeenyi uumaan ganama ishee badhaase kunis [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5451,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5450"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5450"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5450\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5452,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5450\/revisions\/5452"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5451"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5450"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5450"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5450"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}