{"id":5453,"date":"2025-10-11T10:12:57","date_gmt":"2025-10-11T10:12:57","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5453"},"modified":"2025-10-11T10:12:57","modified_gmt":"2025-10-11T10:12:57","slug":"mirga-bilisaan-sochouu-gufachaa-dhufe","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/11\/mirga-bilisaan-sochouu-gufachaa-dhufe\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0 Mirga Bilisaan Socho&#8217;uu Gufachaa \u00a0Dhufe\u00a0"},"content":{"rendered":"<p>Mirgoota uumamaa hedduu qabnu keessaa bilisummaan bakka tokko irraa gara bakka biraatti socho\u2019uun hojjechhuufi jiraachuudha. Waliigalteewwan idil-addunyaafi seeroonni biyya keenyaas mirgoota kana ni mirkaneessu. Waliigalteen labsiin Mirgoota Namoomaa idil addunyaa (Universal Declaration of Human Rights) keewwata 13 jalatti waa&#8217;ee mirga bilisummaaan socho&#8217;u ilaalchisee kaa\u2019eera.\u00a0 Waligaltichaanis namni kamiyyuu mirga biyya isaa keessatti bakka barbaadeetti\u00a0 socho&#8217;u, bakka barbaadeetti jiraachuu akkasumas biyya alaa ba\u2019uufi deebi\u2019uu\u00a0 mirga qabaachuu ni ibsa.<\/p>\n<p>Waliigalteen chaartarii mirgoota uummataafi namoomaa Afrikaas keewwata 12 jalatti namni kamiyyuu karaa seera qabeessa ta&#8217;een, mirga bulchiinsa biyya tokko keessatti socho&#8217;u, mirga bakka filate jiraachuu,\u00a0 biyya isaa dabalatee mirga gadhisee bahuufi deebi&#8217;uu waliigaltichaan hammatameera. Biyya keenya keessattis, bakkarraa bakkatti\u00a0 socho&#8217;uu, hojjetanii jiraachuufi qabeenya horachuun mirgoota bu&#8217;uuraa lammiileen qaban keessaa, isa jalqabaati. Namni tokko nama ta&#8217;uu isaatiin qofa mirga lubbuun jiraachuu qabaachuun cinaatti, mirgoota bu&#8217;uuraa kan biroollee qabaachuu heera mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Rippablika Itoophiyaa keessatti ka&#8217;aameera.\u00a0\u00a0 Heera kana keewwata 10\/1 irratti mirgootni uumamaafi dimookiraasii,\u00a0 uumamaan dhala namaarraa kan maddan, kan hin sarbamneefi kan hin dhiibamne ta&#8217;uu isaanii ni mirkaneessa.<\/p>\n<p>Haata\u2019u malee mirgoonni kun lammiilee biyyattiif kennamanis,\u00a0 sababa rakkoo nageenyaatiin mirga lubbuun jiraachuu, socha&#8217;anii hojjechuufi qabeenya horatanii jiraachuuf yeroo ammaa banaan guddaan akka jiraatu ta\u2019era. Kanaaf immoo rakkoon nageenya waggoottan jahaan darban biyyattii keessatti mul&#8217;ate\u00a0 sababa guddaa akka ta&#8217;e ni himama. Uummanni Itoophiyaa gara gidduu gala biyyaatti bilisaan seenee dhimma bahuuf, daldalee horachuuf, dhukkubsataan yaala fooyya&#8217;aa argachuuf geejjiba lafarra\u00a0 fayyadamee\u00a0 deemuun sodaa guddaa erga ta&#8217;e oole bubbuleera. Yeroo kanattis sochiin lammiilee bakka tokko irraa gara biraatti taasisan baay\u2019inaan yaaddoodhaan kan guutame yoo ta\u2019u; bakka baay\u2019eettiis namoonni nagaa, hidhattootaan wayita ajjeefaman,\u00a0 ugguramaniifi gidiraaf saaxilaman argauufi dhagahuun kan baratameedha. Kanaanis qonnaan bulaan waan qabu gurguree gara gidduu gala biyyaa xiyyaaraan deeme dhimma isaa raawwachisuuf baasii guddaaf saaxilamaa jira.<\/p>\n<p>Obbo Zallaqa Gabayyehu Naannoo Amaaraa Godina Gojjaam Lixaa keessatti dhalatani guddachu dubbatu. Jaarsa umurii waggaa 75 ta&#8217;u kan dubbatan obbo Zallaqaan, bara 1970 keessatti obboleetti isaanii godina Horroo Guduruu Wallagga aanaa Jaarteetti jiraattu gaafachuuf Gojjaam Lixaarraa ka&#8217;anii Gammoojjii Abbayyaa qaxxaamuruun imala dheeraa torbe tokko oliif miilaan deemanii dubbisanii rakkoo tokko maleetti deebi&#8217;uu isaanii taatee bara sanaa ture yaadachuun dubbataniiru.<\/p>\n<p>Obbo Zallaqan imala dheeraa irra deddeebiin gara Wallagga\u00a0 taasisaa turan kanaan karaa irratti rakkoon nageenyaa tokkollee akka isaan mudatee hin beekne himaniiru. &#8220;Yeroo lafti dhiyu mana barbaanne deemne \u2018keessummaa Rabbii\u2019 jechuun sodaa tokko malee nyaanee, dhugnee, seeraan keessumeeffamne; boqonnaa gahaa arganne imala keenya itti fufaa turre,&#8221; jechuun yaadatu. Eessa dhufteen, maaliif dhufte jedhe qaamni sigaafatu\u00a0 tokkollee hin jiru ture kan jedhan obbo Zallaqaan, namni namummaa kee kabajee si keessummeessee si gaggeessaa ture jechuun dubbataniiru. Haata&#8217;u malee\u00a0 waggoottan muraasaa asitti kan dhagahaa jirruufi wanti ta&#8217;a jiru\u00a0 daran qaanessaafi bara kanatti ni ta\u2019a jedhamee kan hin amanamneedha\u00a0 jedhaniiru. Akka bara durii bilisaan socho&#8217;uufi asi ka&#8217;anii bakka biraa deemuun rakkoo guddaa ta&#8217;uu, waan isaan mudate irraa ka&#8217;uun himaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Zallaqaan\u00a0 ilmi isaanii jalaa dhukkubsatee gara Addisa Ababaa yaalaaf geessuuf yaadanis, daandiin gara sana deemu rakkoo nageenyaarraa kan ka\u2019e sodaachisaa waan ta&#8217;eef,\u00a0 sangoota lafa isaani itti qotatani jiraatan lama gurguruun xiyyaaraan balali\u2019uun baasii hin barbaachifneef saaxilamuu isaanii miira gaddaan ibsaniiru.&#8221;Bara keenya miilaan bakka barbaanne deemaa turre, amma garuu konkolaataaniyyu gara Addis Ababaa deemu hin dandeenye\u2019\u2019 jedhaniiru. \u00a0Osoo daandiin banaa ta&#8217;e baasiin ani xiyyaaraaf baase ilma koo yaalchisuuf gahaa ture, jechuun miira gaabbiin dubbataniiru. &#8220;Umurii dullumaan kana argu kootti baay&#8217;ee gaddeen jiras,&#8221; jedhaniiru. Haata\u2019u malee baasii hedduuf saaxilamanis daa\u2019imni isaanii fayyee deebi&#8217;u isaatti gammaduu isaanii ibsaniiru.<\/p>\n<p>Bulchiinsa sablammii Oromootti abbaa alangaafi ogeessa seeraa kan ta&#8217;an obbo Qalbeessaa Wiirtuu, akka\u00a0 heeraa Mootummaa Federaalaa Dimokiraataawaa Rippablika Itoophiyaatti, lammiileen kamiyyuu,\u00a0 bakkaa bakkatti socho&#8217;ani biyya kana keessattiis ta&#8217;e alaatti,\u00a0 diinagdee isaaniif maluun hojjetanii jiraachuufi qabeenya horachuu mirga akka qaban ibsaniiru. Kun immoo heera biyya keenyaatiin akka mirga namoomaatti kan fudhatamudha jedhaniiru. Karaa heera mootummaatiin\u00a0 mirgi bilisaan socho&#8217;u gonfame jiraachuus, garuu haaluma heera mootummaatiin taa&#8217;een, hojiirra oolmaa isaa irratti rakkoo qabaachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Kanaafis rakkoolee\u00a0 waggoottan jahaan darban biyyattii keessatti mudatan,\u00a0 mirga bilisaan socho&#8217;u irratti danqaa guddaa ta&#8217;u\u00a0 akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Namni tokko haala heerri eeyyamuun naannoo tokko irraa gara naannoo biroo deeme hojjette jiraachuufi bilisaan socho&#8217;u irratti rakkoon guddaa jira jedhaniiru. Kun immoo miidhaa dinagdee nama dhunfaafi biyyaa irratti dhaqqabsisuu daran olaanaa ta&#8217;u ibsaniiru. Namni tokko bakka tokko irraa gara\u00a0 bakka birootti deemee jireenya isaa akka hin fooyyeessine taasiseera jedhaniiru. Mirgi uumamaa akka sarbamus kan taasisuudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kitaaba Hayile Sillaasee \u201cHiwootee ena Ye-Itoophiyaa Irmijjaa\u201d jedhu keessatti yeroo tokko lammiiwwan biyyattii bakka tokkoo gara biraatti socho\u2019uuf rakkoo hammaataa keessa galanii akka turan eeruun; kana dhaabsisuuf mala tokko maluu isaanii ibsaniiru. Kunis namni tokko bakka tokkoo ka\u2019ee wayita gara bakka biraatti socho\u2019u yoo balaan irra gahe; qaamni mootummaa naannoo balaan itti dhaqqabe sana bulchu seera cimaa itti gaafatamaa isa taasisuu fudhatamaa ture. Seera kana baasuudhaanis yeroo gabaabaa keessatti rakkinichi furamee akka barbaadanitti socho\u2019uu danda\u2019uu isaanii kitaabichaan ibsameera.<\/p>\n<p>Abbaan alangaafi Ogeessa seeraa Qalbeessaa Wiirtuu, heeraa mootummaa keewwata 13 qaamni seera tumu, qaamni seera raawwachisuufi qaamni seera hiiku mirgoota namoomaa kan ta&#8217;an kabachisuuf dirqama qabaachuu himaniiru. Kanaafuu olaantummaadhaan nageenyaafi mirgoota uumamaa kanneen kabachisuuf\u00a0 dirqama kan qabu mootummaa ta&#8217;u himaniiru. Mootummaan qaamolee mirga namoomaa sarban seeraan akka gaafataman gochuun nageenyaafi mirga bilisaan socho&#8217;u lammiilee mirkaneessuu qaba jedhaniiru.\u00a0 Mirgootni kunneen akka kabajamanis mootummaan furmaata rakkoolee mudatan itti hiikamuu danda&#8217;an barbaadu qabas jedhaniiru. Bakka nageenyi hin jirreetti mirgootni uumamaa kabajamuu hin danda&#8217;an waan ta&#8217;eef nageenya waaraa fiduuf hojjetamuu qaba jedhaniiru. Nageenya waaraa fiduuf immoo qaamni hundi gahee isaa bahachuu akka qabu hubachisaniiru. Nageenyi qawwee qofaan mirkanaa&#8217;u waan hin jirreef, mootummaan marii haqa qabeessa ta&#8217;e taasisuun rakkooleen nageenyaa akka furman hojjechuu akka qabus ogeessichi gorsaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Mirgoota uumamaa hedduu qabnu keessaa bilisummaan bakka tokko irraa gara bakka biraatti socho\u2019uun hojjechhuufi jiraachuudha. Waliigalteewwan idil-addunyaafi seeroonni biyya keenyaas mirgoota kana ni mirkaneessu. Waliigalteen labsiin Mirgoota Namoomaa idil addunyaa (Universal Declaration of Human Rights) keewwata 13 jalatti waa&#8217;ee mirga bilisummaaan socho&#8217;u ilaalchisee kaa\u2019eera.\u00a0 Waligaltichaanis namni kamiyyuu mirga biyya isaa keessatti bakka barbaadeetti\u00a0 socho&#8217;u, bakka [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5454,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5453"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5453"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5453\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5455,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5453\/revisions\/5455"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5454"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5453"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5453"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5453"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}