{"id":5471,"date":"2025-10-27T08:31:16","date_gmt":"2025-10-27T08:31:16","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5471"},"modified":"2025-10-27T08:31:16","modified_gmt":"2025-10-27T08:31:16","slug":"fooramii-xaanaa-11ffaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/27\/fooramii-xaanaa-11ffaa\/","title":{"rendered":"Fooramii Xaanaa 11ffaa"},"content":{"rendered":"<p>Fooramiin Xaanaa Waltajjii Nageenya Afrikaa isa guddaa ta&#8217;ee, waggaa waggaan magaalaa Baahir Daaritti kan geggeeffamudha. Waltajjichaan hoggantoonni Afrikaafi qooda fudhattoonni biroo walitti qabamuun rakkoo nageenyaa sadarkaa ardichaa irratti mari\u2019achuun kallattii furmaata kan ittiin barbaadanidha. Kaayyoon fooramichaa Afrikaa giddu galeessa godhachuun nageenyaa itti fufiinsa qabu ardicha keessatti akka uumamu taasisudha. Mariifi qorannoon dhihaatu nageenya Afrikaa irratti yoo tahu xiyyeeffannoon isaa akka waliigalaatti &#8221;Afrikaa sirna Addunyaa Jijjiiramaa jiru keessatti&#8221; jedhu irratti xiyyeeffata.<\/p>\n<p>Bara kana fooramiin Xaanaa 11ffaan magaalaa Baahir Daaritti, mata duree \u2018Afrikaa Sirna jijjiiramaa Addunyaa waliin\u2019 jedhuun geggeeffameera. Waltajjicha irratti, bakka buutoonni dhaabbilee naannawaa, ardii, idil- addunyaa, dippiloomaatonniifi ergamtoonni addaa hirmaataniiru. Bulchaan olaanaa naannnoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, fooramiin Xaanaa Afrikaan addunyaa jijjiiramaa jirtu faana akka deemtuuf carraa ishee murteessuuf waltajjii murteessaa ta&#8217;uu yaa&#8217;icha irratti kaasaniiru. Afrikaan qabeenya kuufamaa qabdu fayyadamtee saffisaafi haala jijjiirama addunyaa si\u2019anaa faana akka deemtuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadhas jedhaniiru. Fooramichaaf hojiiwwan qophii dursaa bu&#8217;a qabeessi akka hojjetamaniif qaamolee tumsan hunda galateeffataniiru.<\/p>\n<p>Fooramii Xaanaan turtii magaalaa Baahir Daar ilaalchisee ibsa kan kennan Hogganaan Poolisii Naannoo Amaaraa, Komishinar Zalaalam Mangistee (Phd) waltajjichi haala gaariifi milkaa\u2019inaan gaggeeffamaa ture jedhaniiru. Keessummoonni Fooramii Xaanaa irratti hirmaachuuf dhufan jalqabarraa kaasee turtii mijataa magaalattii keessatti akka qabaatan gochuuf gareen hojii nageenyaa waloo hundeeffamee qophiin gahaan taasifamee turuu isaa kaasaniiru. Keessummoonni kunneen waltajjicha cinatti hojii misoomaa haroo xaanaa irratti ijaarameefi\u00a0 magaalaa Baahir Daar daawwachuun turtii gammachiisaa akka qabaatan himaniiru. Jiraattootni magaalaa Baahir Daaris keessummoota isaanii kabajuun keessummeessuun hojii hojjataniif galatni isaaniif mala jedhaniiru. Milkaa\u2019inni Fooramii Xaanaa, magaalaan Baahir Daar waltajjiiwwan idil-addunyaa qopheessuuf dandeettii akka qabdu kan mirkaneesse ta\u2019uus himaniiru.<\/p>\n<p>Fooramiin Xaanaa guyyaa 2ffaa magaalaa Addis Ababaattis adeemsifameera. Ittigaafatamaan koomishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yasuuf, rakkoo Afrikaa furuuf barnoota cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru. Nageenya eegsisuufi nageenya Afrikaatiif hojjechuun piroojaktii Gamtaa Afrikaa isa olaanaati jedhaniiru. Hojiin rakkoo uummataa furuufi ardii sagalee rasaasaa itti hin dhagahamne uumuuf jedhan galmaan gahuun waan hin danda\u2019amneef rakkooleen akka lakkoofsa Awuroppaa 2020 jiran gara 2030tti cehuu danda\u2019aniiru jedhaniiru. Amma yaadaafi hasawarra yeroo gochaan itti agarsiifnudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Fooramiin Xaanaa Waltajjii Nageenya Afrikaa isa guddaa ta&#8217;ee, waggaa waggaan magaalaa Baahir Daaritti kan geggeeffamudha. Waltajjichaan hoggantoonni Afrikaafi qooda fudhattoonni biroo walitti qabamuun rakkoo nageenyaa sadarkaa ardichaa irratti mari\u2019achuun kallattii furmaata kan ittiin barbaadanidha. Kaayyoon fooramichaa Afrikaa giddu galeessa godhachuun nageenyaa itti fufiinsa qabu ardicha keessatti akka uumamu taasisudha. Mariifi qorannoon dhihaatu nageenya Afrikaa irratti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5472,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5471"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5471"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5471\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5473,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5471\/revisions\/5473"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5472"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5471"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5471"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5471"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}