{"id":5480,"date":"2025-10-27T08:38:14","date_gmt":"2025-10-27T08:38:14","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5480"},"modified":"2025-10-27T08:38:14","modified_gmt":"2025-10-27T08:38:14","slug":"barsiisaa-qartuu-dhalootaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/27\/barsiisaa-qartuu-dhalootaa\/","title":{"rendered":"Barsiisaa: Qartuu Dhalootaa"},"content":{"rendered":"<p>Ijaarsaafi guddina\u00a0 biyya tokko keessatti barnootni gahee bakka bu&#8217;ummaa hin qabne taphata. Biyyi tokko guddachuu, qaroomuufi misoomuu kan dandeessu bu&#8217;uura hojiilee hundaaf kan ta&#8217;e barnoota irratti ciminaan yoo hojjetamuu danda&#8217;eedha. Dhaloota Amalaafi naamusa gaarii qaban horachuufi lammiilee jaalalaafi kabaja biyyaaf qaban\u00a0 oomishuun kan\u00a0 danda&#8217;amus sirna barnoota bu&#8217;uura cimaa qabu ijaaruun yoo danda&#8217;amedha.<\/p>\n<p>Kanaan alattis, imaammata barnootaa, gahumsa barsiisootaafi sadarkaan qulqullina manneen barnootaa, fooyya&#8217;insa barnootaaf murteessaadha.\u00a0 Keessattuu barsiisootni ijaarsa dhalootaa keessatti gaheen isaan qaban daran olaanaadha. Barattootni\u00a0 gaazexaa Hirkoof yaada isaanii kennanis kana kan mirkaneessudha.<\/p>\n<p>Noolaawiheer Daani&#8217;el magaalaa Kamiseetti barataa kutaa 8ffaa mana barumsa Sadaasa sadarkaa 1ffaati. Dhaloota ijaaruun gahee qaamaa hundaa ta&#8217;us barsiisaan garuu addatti itti gaafatamummaa guddaa kan qabuufi galmaan gahiinsa barataatiif murteessaadha jedheera. Barattootni fedhii barnootaa akka qabaataniifi hubannoo faayidaan barnootaa qabu akka hubatan gochuu keessatti barsiisaan gahee olaanaa akka qabudha barataan kun kan dubbate. Kun akka ta&#8217;uuf immoo barsiisoonni dandeettiifi beekumsa isaanii ol guddisuu akka qaban barataan Noolaawiheer\u00a0 yaada isaa kaaseera.<\/p>\n<p>Obbo Jamaal Abduun jiraataa magaalaa Kamiseeti. Ijoolleen isaanii baratanii sadarkaa guddaa irraa akka gahaaniif hawwii guddaa qabu. Kanaaf immoo hamma humni isaanii eeyyame deeggarsa barbaachiisu hunda taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo yeroodhaanis gara mana barumsaa deemuun ijoolleen isaanii sadarkaa maaliirra akka jiran hordooffii akka taasisan himaniiru. Maatiin barattootaa, olmaafi bultii ijoollee isaanii sirnaan hordofuu, naamusa gaariidhaan ijaaruu, fuulleeffannaan isaanii barnootaaf qofa akka ta\u2019uu gorsuufi barnoota isaaniitiif deeggarsa barbaachiisu hunda taasisuun gahee dhaloota ijaaruu irraa eegamuu bahachuuf gaheen isaan qaban olaanaa ta&#8217;u dubbataniiru. Ijoolleen irra caalaa\u00a0 yeroo isaanii\u00a0 kan dabarsan maatii waliin waan ta&#8217;eef, maatiin waan ijoolleen isaanii hojjetan itti dhiyeenyaan hordofuu qabu jedhaniiru. Ijoollee yoo amalaafi naamusa gaariin guddisne bakka guddaa gahanii maatiifi biyya isaanii guddisuuf carraa guddaa qabu jechuun himaniiru. Hata\u2019u malee galmaan gahiinsa barataa tokkoof gaheen barsiisaan qabu bakka bu\u2019ummaa kan hin qabne akka ta\u2019e jiraataan kun jala muranii ibsaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan mana barumsaa Sadaasaa sadarkaa 1ffaa magaalaa Kamisee barsiisaa Eebbaa Tamsgeen, barnootni bu&#8217;uura ka&#8217;umsa hojiilee hundaa ta&#8217;u himanii, barsiisaanis dhaloota ijaaruuf imaanaa guddaa qabaachuu dubbataniiru. Barsiisaan dhaloota ijaaruufi biyya ceesisuu keessatti gahee bakka bu&#8217;ummaa hin qabne qabaachuu kaasaniiru. Dhaloota dandeetti,\u00a0 gahumsaafi dhaloota naamusa qabu uumuuf ka&#8217;umsi barsiisaa ta&#8217;u himaniiru. Dhaloota ijaaruuf garuu barsiisaan of-gahomsuu, dandeetti, amalaafi naamusaanis\u00a0 barattoota caalee argamu qaba jechuun himaniiru. Gosa barnootaa barsiisu sirritti mo&#8217;achuu qaba jedhaniiru. Kanaan alattis barsiisootni yeroo yeroodhaan of fooyyeessuun beekumsa dabalataa argachuuf tattaaffii taasisuun dhaloota ijaaruu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Sirna baruufi barsiisuu karaa milkaa\u2019aan gaggeessuudhaan dhaloota haaraa naamusa gaarii, beekumsaafi ogummaan ijaarame, dandeetti cimaa gonfate horachuun barbaachisaa ta\u2019uu gorsaniiru. Kabaja hojii, jaalala ummataafi biyyaa dagaagfateefi mul\u2019ata biyya badhaatuu ijaaruu galmaan ga\u2019uu danda\u2019u uumuu keessatti gaheen barsiisootaa olaanaa ta&#8217;uu barsiisaa Eebbaan himaniiru. Dhaloota dorgomaafi ofitti amanamuummaa qabu horachuuf gaheen barsiisaa olaanaa ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Dhalootaafi biyya ijaaruu keessatti barsiisootni itti gaafatamummaa dachaa qabaachuu kan eeran barsiisaan kun rakkoolee akka biyyaatti mudatan hiikuu keessattis barsiisootni dhaloota olaantummaa yaadaan amanu danda&#8217;u uumuun barbaachisaa ta&#8217;uu himaniiru. Dhaloota naamusaafi amala gaarii qabu, dhaloota waliin jireenyaafi walqixummaa sabootaa amanu danda&#8217;u uumuuf gaheen barsiisaa guddaa ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Jimaa Shifarraaw, hojjetaa mana baankiiti. Sadarkaa ammarra jiran gahuu isaaniitiif \u00a0barnoota ta&#8217;uu addeessaniiru. Barataan barumsaaf xiyyeeffannoo kennee yoo barate bakka barbaade gahuu akka danda&#8217;u gorsaniiru. Fedhii gama barnootaan jiru milkeessuufis gahumsiifi dandeettiin barsiisaa murteessaa ta&#8217;uu obbo Jimaan himaniiru. Barataa naamusa cimaadhan ijaarame uumuufi biyya cimtuu dhalootaaf taatu ijaaruuf gaheen barsiisootni qaban daran murtessaa akka ta\u2019e hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p><strong>\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ijaarsaafi guddina\u00a0 biyya tokko keessatti barnootni gahee bakka bu&#8217;ummaa hin qabne taphata. Biyyi tokko guddachuu, qaroomuufi misoomuu kan dandeessu bu&#8217;uura hojiilee hundaaf kan ta&#8217;e barnoota irratti ciminaan yoo hojjetamuu danda&#8217;eedha. Dhaloota Amalaafi naamusa gaarii qaban horachuufi lammiilee jaalalaafi kabaja biyyaaf qaban\u00a0 oomishuun kan\u00a0 danda&#8217;amus sirna barnoota bu&#8217;uura cimaa qabu ijaaruun yoo danda&#8217;amedha. Kanaan alattis, imaammata [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5481,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5480"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5480"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5480\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5482,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5480\/revisions\/5482"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5481"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5480"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5480"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5480"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}