{"id":5486,"date":"2025-10-27T08:40:33","date_gmt":"2025-10-27T08:40:33","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5486"},"modified":"2025-10-27T08:40:33","modified_gmt":"2025-10-27T08:40:33","slug":"buufanni-xiyyaaraa-kaartum-irra-deebiin-tajaajila-balalii-jalqabe","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/27\/buufanni-xiyyaaraa-kaartum-irra-deebiin-tajaajila-balalii-jalqabe\/","title":{"rendered":"Buufanni Xiyyaaraa Kaartum Irra Deebiin Tajaajila Balalii Jalqabe"},"content":{"rendered":"<p>Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Kaartum waggoota lamaaf sababa waraanaan tajaajila balalii isaa idilee addaan kutee turuun ni yaadatama. Haata&#8217;u malee, bulchiinsi buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Kaartuum xiyyaarri siiviilii Daandii Qilleensaa Badrii irraa erga bu&#8217;ee booda irra deebi&#8217;uun hojii isaa ifatti jalqabuu beeksiseera. Kunis sababa waraanaan addaan citee kan ture sochiin siiviil aviyeeshinii gara Sudaanitti deebi&#8217;uu isaaf agarsiistuudha.<\/p>\n<p>Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii biyyattii buufanni xiyyaarichaa hojii isaa akka jalqabu erga beeksiseen booda buufatichi akka irra deebi&#8217;uun hojii isaa idilee hin jalqabne gufachiisuuf humnoota deggarsa saffisaa (RSF) &#8216;n haleellaan diroonii raawwatamee ture.\u00a0 \u201cDaandii Xiyyaaraa Badrii\u00a0 buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Kaartuum irra erga qubatee booda, eebba buufata xiyyaaraafi tiraafikoonni qilleensaa magaalaa guddoo irraa deebi\u2019uu beeksise,\u201d jechuun bulchiinsi buufata xiyyaaraa ibsa gaazexeessitootaaf kenneera.<\/p>\n<p>Taatee kun dameen aviyeeshinii Sudaan dandamachuuf tiraafikoonni qilleensaa suuta suutaan deebi\u2019uuf tarkaanfii guddaa kan bakka bu\u2019u ta\u2019uu ibseera. Balaliin Daandii Xiyyaaraa Badrii imaltoota osoo hin fe&#8217;atiin duwwaa isaa qubachuu maddeen eeraniiru. Buufanni xiyyaaraa Kaartuum naannoo waldhabdee waraana Sudaaniifi Humnoota deggarsa saffisaa (RSF) gidduutti waan argamuuf miidhaa guddaan irra gahee turuu ragaaleen ni mul&#8217;isu. Humnoonni kun\u00a0 bara 2023 irraa eegaluun naannawicha\u00a0 to\u2019atanii turuun ni yaadatama. Ta&#8217;us waraanni mootummaa biyyattii guutummaatti naannawicha humnoota kana irraa erga bilisa taasiseen booda, buufata xiyyaarichaaf suphaan taasifamaa ture. Kun ammoo tattaaffii mootummaan biyyattii jireenya idilee duranii hawaasaa magaalaa guddoo biyyattii deebisuuf qophii ta&#8217;uu isaa kan mul&#8217;isudha.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Kaartum waggoota lamaaf sababa waraanaan tajaajila balalii isaa idilee addaan kutee turuun ni yaadatama. Haata&#8217;u malee, bulchiinsi buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Kaartuum xiyyaarri siiviilii Daandii Qilleensaa Badrii irraa erga bu&#8217;ee booda irra deebi&#8217;uun hojii isaa ifatti jalqabuu beeksiseera. Kunis sababa waraanaan addaan citee kan ture sochiin siiviil aviyeeshinii gara Sudaanitti deebi&#8217;uu isaaf [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5487,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5486"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5486"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5486\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5488,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5486\/revisions\/5488"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5487"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5486"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5486"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5486"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}