{"id":5489,"date":"2025-10-28T11:30:43","date_gmt":"2025-10-28T11:30:43","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5489"},"modified":"2025-10-28T11:30:43","modified_gmt":"2025-10-28T11:30:43","slug":"gahee-hayyuuleen-tumsa-hulaa-galaanaa-argachuuf-taasifamurratti-qaban","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/28\/gahee-hayyuuleen-tumsa-hulaa-galaanaa-argachuuf-taasifamurratti-qaban\/","title":{"rendered":"Gahee Hayyuuleen Tumsa Hulaa Galaanaa Argachuuf Taasifamurratti Qaban"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyoota hulaa galaanaa hin qabne 44 keessa baay&#8217;inaa uummataatiin biyya adda duree taatedha. Ragaaleen garaagaraa akka agarsisaniitti waggoottan 30&#8217;n darabanitti baay&#8217;ina uummata guddaa qabaatani biyyootni hulaa galaanaa hin qabne keessaa kan Itoophiyaa qixxaatu kan hin jirre ta&#8217;uu mirkanaa\u2019eera. Itoophiyaan abbaantummaa hulaa galaanaa ta&#8217;uun ishee ofi bira dabartee nageenya waaraa naannawichaaf murteessaadha. Gaaffiin\u00a0 hulaa galaanaa Itoophiyaa itti fayyadama waloofi walitti hidhaminsa naannawichaa\u00a0 bu&#8217;uura kan godhate ta&#8217;us ni himama. Galaana Diimaarraa fageenya dhiyoon kan argamtu Itoophiyaan, buufata galaanaa dhabuu isheetiin arsaa guddaa kaffalaa turteetti, kaffalaa jirtis. Baay&#8217;achuu lakkoofsa uummataafi guddina diinagdee dabalaa jiraachuu isaatiin walqabatee, dhimmi hulaa galaanaa Itoophiyaaf filannoo osoo hin taane dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitii Dabaarqitti barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta&#8217;an Balaayinah Warquu, hulaan galaanaa misoomaafi guddina diinagdee biyya tokkoof gahee olaanaa qabaachuu himaniiru. Itoophiyaan baay&#8217;ina uummataa miiliyoona 120 ol qabattee hulaa galaanaa malee jiraachuu hin dandeessu jechuun hayyuun kun himaniiru. Hulaan galaanaa dhimma siyaasa, diinagdeefi hawaasummaa Itoophiyaatiif dhimma ijoo ta&#8217;uus kaasaniiru. Biyyattiin waggoottan 30 oliif hulaa galaanaa malee turuun ishee miidhaa guddaa isheerra dhaqqabsiseera jedhaniiru. Dhabamuun hulaa galaanaa nageenya biyyaalessaa, diinagdeefi dippiloomaasi biyyattii irrattiis dhiibbaa guddaa geessisuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuu isheetiin meeshaaleefi oomishaawwan alaa galan irratti qaala&#8217;insi gatii guddaan akka uumamu taasisuun jireenya lammiilee ishee irratti miidhaa cimaa fideera jedhaniiru. Oomishaafi oomishitummaa garaagaraa haala barbaadameen gara alaatti erguufi galteewwan adda addaa gara biyyaatti galchuufis rakkoo baasii humna oliif saaxiluu akka danda&#8217;u\u00a0 ibsaniiru. Kun immoo biyyattiin, biyyoota biraa irratti akka hirkattuu kan taasisuu ta&#8217;uu ibsaniiru. Gabaa addunyaaf dorgomaafi dhaqqabamaa ta&#8217;uufis dhabamuun hulaa galaanaa gufuu guddaa ta&#8217;uu kaasaniiru. Itoophiyaan waggaatti kiraa buufata doonii Jibuutiif doolaara biliyoona tokko tuqaa shanii ol akka baasii taasistu himaniiru. Meeshaalee jajjaboofi dhangalaa&#8217;oo biyya alaarraa galan buufata galaanaa Jibuutiif guyyaatti dolaara miliyoonaan lakka&#8217;amu akka baasii taasistu\u00a0 himaniiru.<\/p>\n<p>Dhimmi hulaa galaanaa Itoophiyaaf dhimma fedhii biyyaalessaa waliin kan\u00a0 wal qabatu ta&#8217;uu kan eeran barsiisaan Balaayinah,\u00a0 kunis dhimmoota nageenyaafi birmadummaa ishee itti fufsiisuuf hulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma murteessaa ta&#8217;uu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Hulaa galaanaa qabaachuun, iccitiin biyyaalessaa akka eeggamu ni taasisa, birmadummaa biyyaa ni mirkaneessa, guddinaafi nageenya biyyaatiifis wabiidha\u2019\u2019 jedhaniru. Humna galaanaa deebisanii ijaaruun nageenya naannawaa Afrikaa Bahaafi Gaanfa Afrikaa\u00a0 tasgabbeessuufi biyya naannawichatti dhiibbaa uumtuu taasisuuf hulaan galaanaa daran murteessaa ta&#8217;uu hayyuun kun himaniiru. Gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa,\u00a0 lammiileen jireenya qananii akka itti gaggeessan\u00a0 gochuuf osoo hin taane, dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu isaanii kan ittiin murteessan akka ta&#8217;e dubbataniiru.<\/p>\n<p>Kanaafuu hulaa galaanaa argachuuf hayyootni hojii dippiloomaasii hidha laga Abbayyaa irratti agarsisan hulaa galaanarrattiis cimsanii itti fufuu qabu jedhaniiru. Hojiin dippiloomaasii karaa galaanaa argachuuf murteessaa ta&#8217;uu himanii, gama kanaan hayyootni gahee isaanirraa eegamu bahachuu qabu jedhaniiru. Hojii dippiloomaasii hojjechuun, fedhii biyyattiin hulaa galaanaaf qabdu hubachisuufi deeggarsa biyyoota addunyaa argachuuf faayidaa olaana qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Gaaffiin hulaa galaanaa, Itoophiyaan hawaasa addunyaaf dhiyeessaa jirtu deebii qubsaa akka argatu taasisuun baasii olaanaa Itoophiyaan oomishaalee bu&#8217;uuraa alaa galchitu irratti hir&#8217;isuuf\u00a0 hojiin dippiloomaasii hayyootni hojjetan murteessaa ta&#8217;uu hubachisaniiru. Kanaafuu gaaaffii Itoophiyaan hulaa galaanaarratti qabdu deebii qubsaa akka argatu, hojiin dippiloomaasii karaa nagaatiin raawwatamu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Milkaa&#8217;ina hojii dippiloomaasii kanaaf immoo hayyootni gahee leencaa fudhatu jedhaniiru. Itoophiyaan oollummaa gaarii biyyoota oollaa waliin qabdu fayyadamuun \u00a0akkasumas\u00a0 qajeeltoowwan idil addunyaa fayyadamuun qajeelfama kennanii fudhachuutiin, gaaffii hulaa galaanaa argachuuf tattaaffii taasifamu keessatti, hayyootni cimanii\u00a0 hojjechuu akka qaban hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaan buufata galaanaa kanarratti abbummaan qabaachuun ishee faayidaa mataa ishee qofaaf osoo hin taane, nageenya naannawichaafi fayyadamummaa waloo biyyoota naannichaaf gumaacha guddaa akka qabus ibsaniiru. Kanaafuu gaaffii dhimma hulaa galaanaa Itoophiyaa biyyoota ollaas ta&#8217;e biyyoota\u00a0 guutuu addunyaa biratti haala gaariin hubatamuu akka qabu hojiin dippiloomaasii hayyootaa barbaachisaa ta&#8217;u hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Mana maree federashinii Itoophiyaatti, daayreektara komunikeeshinii kan ta&#8217;an, obbo Tarraffaa Badhaadhaa,\u00a0 hulaa galaanaa dhabuun miidhaa diinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi dippiloomaasii kan dhaqqabsisu ta&#8217;uu himaniiru. \u2018\u2019Hulaa galaanaa qabaachuun akka galtee guddaa dinagdee tokkootti ilaalama\u2019\u2019 kan jedhan obbo Tarraffaan, \u00a0guddinni biyyoota hedduufi maddi qaroominaa bishaan waliin walqabataadha jechuun dubbataniiru. Dinagdeen biyya tokko dabaluufi guddachuu waliin wal qabatee biyyi sun fudhatamummaan ishee addunyarratti qabdu kan dabalu waan ta&#8217;eef, tattaaffii hulaa galaanaa argachuuf taasifamu keessatti, hayyootni gahee guddaa qabaachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Hojii hulaa galaanaa argachuuf hojjetamaa jiru irratti hayyootni seeraa idil addunyaa qorachuufi qo&#8217;achuun, kan qoratameefi qo&#8217;atame immoo akka hojiitti hiikaman tattaaffachuun, \u00a0gama dippiloomaasiin dhiibbaa geessisuun, uummatni biyyattiis hubannaa gama kanaan qabu akka dabalu gochuun gahee isaanii akka bahachuu qaban hubachisaniiru. Hayyootni, uummata dammaqsuudhaan, miidhaa hulaa galaanaa dhabuu keenyaan\u00a0 nurra gahu akka hubatamu gochuudhaan, faayidaa hulaa galaanaa qabaachuun argamuus sirritti hubachisuun hojii hayyootarraa eegamu ta&#8217;u obbo Tarraffaan hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyoota hulaa galaanaa hin qabne 44 keessa baay&#8217;inaa uummataatiin biyya adda duree taatedha. Ragaaleen garaagaraa akka agarsisaniitti waggoottan 30&#8217;n darabanitti baay&#8217;ina uummata guddaa qabaatani biyyootni hulaa galaanaa hin qabne keessaa kan Itoophiyaa qixxaatu kan hin jirre ta&#8217;uu mirkanaa\u2019eera. Itoophiyaan abbaantummaa hulaa galaanaa ta&#8217;uun ishee ofi bira dabartee nageenya waaraa naannawichaaf murteessaadha. Gaaffiin\u00a0 hulaa galaanaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5490,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5489"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5489"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5489\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5491,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5489\/revisions\/5491"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5490"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5489"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5489"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5489"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}