{"id":5495,"date":"2025-10-28T11:33:34","date_gmt":"2025-10-28T11:33:34","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5495"},"modified":"2025-10-28T11:33:34","modified_gmt":"2025-10-28T11:33:34","slug":"xaaoo-uumamaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/28\/xaaoo-uumamaa\/","title":{"rendered":"Xaa&#8217;oo Uumamaa"},"content":{"rendered":"<p>Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf galteewwan qonnaa murteessoo ta\u2019an keessaa tokko xaa\u2019oodha. Xaa\u2019oon haala nam-tolcheefi uumamaan qopheessuun ni danda\u2019ama. Keessumattuu xaa\u2019oon uumamaa gabbina biyyeetiif bu\u2019aa guddaa waan qabuuf baasii gadaanaan kan qophaa\u2019u waan ta\u2019eef qonnaan bulaan xaa\u2019oo uumamaa naannawa jireenyasaatti qopheessee akka itti fayyadamuuf taasifamaa jira. Xaa\u2019oon uumamaa gabbina biyyee dabaluufis ta\u2019e baasii xiqqaan kan oomishamu ta\u2019uu isaan fayyadamummaa qonnaan bulaa dabaluuf gumaacha guddaa qaba. Gama kanaan Waajjirri Qonnaa aanaa Dawaa Caffaa hojichaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira.<\/p>\n<p>Xaa\u2019oon uumamaa galtee qonnaa biyyee gabbisu kan agarsiisu yoo ta\u2019u, balfoota garaagaraa, hafteewwan nyaataa, kuduraaleefi muduraaleen erga itti fayyadamanii booda gara xaa\u2019ootti kan jijjiiramudha. Xaa\u2019oon uumamaa qopheessuuf wantoota burkutaa&#8217;uu danda&#8217;an fayyadamuun barbaachisaadha. \u00a0Xaa\u2019oon uumamaa gabbina biyyeetiif furmaataadha. Faalama hir&#8217;isuuf, balfa orgaanik ta&#8217;e irra deebiin fayyadamuufi baasii xaa&#8217;oofi galteewwan oomisha qonnaa biroof barbaachisan hir&#8217;isuuf faayidaa olaanaa qaba. Xaa\u2019oon uumamaa qonnaan-bulaan kamiyyuu qopheeffachuu kan danda&#8217;udha. Xaa\u2019oo uumamaa qopheessuuf boolla qophessuu bishaan baayyee guddaa hin taane bulleessuuf gargaaru qopheessuu, galatee kan akka dikee horii, haftee midhaanii, aramaa gosa adda addaa, daaraafi kosii adda addaa tortoruu danda\u2019an fayyadamuun barbaachisaadha. Yoo xiqqaate si&#8217;a lama garagalchuun akka inni wal nyaatu ykn walitti makamu gochuunis barbaachisaadha.<\/p>\n<p>Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbii, \u00a0obbo Indiris Anteeneh bara darbe haftee kuduraafi fuduraa irraa Xaa&#8217;oo uumamaa qopheessuun fayyadamoo ta&#8217;uu danda&#8217;uu isaanii dubbataniiru. Ganda isaaniitti kanaan dura hafteen oomishaalee garagaraa daandii irratti gatamuun rakkoo fayyaaf nama saaxilaa haalli itti ture jiraachuu yaadataniiru. Yeroo ammaa gorsa ogeessota qonnaa irraa argataniin haftee oomishaalee kanarraa xaa&#8217;oo uumamaa qopheessuun bara qonnaa 2017\/18\u00a0 lafa hektaara tokko qotuun mishingaa ittiin facaafachuu himaniiru. Xaa\u2019oon uumamaa oomishaafi oomishtummaa guddisuu keessatti xaa\u2019oo nam-tolcheerra fooyyee akka qabu dubbataniiru. Qonna Arfaasaa baranaaf ooyiruu qonnaa isaanii xaa\u2019oo uumamaan gabbisuun callaa fooyyee qabu argachuuf xaa\u2019oo uumamaa qopheessuu irratti argamuu isaaniiti qonnaan bulaan kun kan dubbatan. Adeemsa qophii xaa&#8217;oo uumamaa keessatti ogeessi qonnaa ganda isaaniitti argamu itti dhiheenyaan tumsaa jiraachuu qote bulaan kun himaniiru.<\/p>\n<p>Akka obbo Indiris jedhanitti, xaa\u2019oon uumamaa lafa qonnaa dhiqama biyyeetiif saaxilame wallaanuun oomishaafi oomishtummaan akka guddatu gochuuf gumaacha olaanaa qaba. \u201cLafti qonnaa yeroo tokko xaa\u2019oo uumamaan wallaaname hanga waggaa sadiitti oomishaaf ooluu ni danda\u2019a\u201d kan jedhan qonnaan bulaan kun, kanas baroota hojii qonnaa darbanitti mirkaneeffachuun muuxannoo isaanii qoodaniiru. Qonnaan bulaan kun akka himanitti, baroota baay\u2019ee xaa\u2019oo nam-tolcheetti dhimma bahuun oomishaa turaniiru. Akka isaan jedhanitti, keemikalli xaa\u2019oo kana keessatti argamu gabbina ooyiruu qonnaa isaanii gadi buusuun bu\u2019aan achirraa argamu akka xiqqaatu jalaa taasiseera. Xaa\u2019oon uumamaa immoo oomishaafi oomishtummaa guddisuu bira darbee gabbina biyyee kan dabalu ta\u2019uu obbo Indiris muuxannoo qabaniin wal bira qabanii ibsaniiru.<\/p>\n<p>Aanichatti jiraataan ganda Taraf Jamaal Daawud, xaa\u2019oon uumamaa haala salphaa ta\u2019een kan qophaa\u2019uufi baasii hin malleerraa qonnaan bultoota kan baraaru ta\u2019uu dubbataniiru. Muuxannoo waggoota darban irraa argataniin, xaa\u2019oo uumamaatti fayyadamuun bu\u2019aa baay\u2019ee akka argatanidha qonnaan bulaan kun kan kaasan. Lafti isaanii gabbachuun oomishaafi oomishtummaan yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu himaniiru. Bara kanaaf, bu\u2019aa caalu argachuuf kan waggoota darbanii caalaa xiyyeeffannoo kennanii oomishtummaa isaanii guddisuuf xaa\u2019oo kana qopheeffachaa jiraachuufi qonnaan bultoota kanneen biroof dhimma kana irratti muuxannoo qaban qoodaa akka jiran kaasaniiru.<\/p>\n<p>Waa\u2019ee xaa\u2019oo uumamaa ilaalchisee ogeessonni maal jedhu? Ogeessi Qonnaa ganda Garbii Ahmad Hasan, barbaachisummaa xaa&#8217;oo uumamaa irratti xiyyeeffachuun hubannoo qonnaan bulaaf erga kennanii boodatti wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa gandichaa keessatti qonnaan bultoota walitti qabuun boolla xaa&#8217;oon uumamaa itti qophaa&#8217;u meetirkiyuubii 20 qotanii adeemsa qophii xaa&#8217;oo uumamaa qonnaan bultoota kanneen barsiisuu himaniiru. Akka isaan jedhanitti, gandichatti qonnaan bultoonni 60 ol xaa&#8217;oo uumamaa haalaan qopheessaa jiru. Adeemsa qophii isaa keessatti akka ogeessaatti deggersa barbaachisaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanaa Dawaa Caffaa Indiris Mahaammad aanichatti oomisha Arfaasaa bara darbee irraa callaan gaarii argamuu dubbataniiru. Bara qonnaa Arfaasaa 2018\/19 irraa galiin fooyyee qabu akka argamuuf gandoota aanichaa 25 keessatti xaa\u2019oo nam-tolchee cinatti xaa\u2019oon uumamaa meetirkiyuubii kuma 125 ol qopheessuuf karoorsanii hojjechaaa jiraachuu dubbataniiru. Hamma gabaasni kun qindaa&#8217;etti raawwiin karoorichaa dhibbentaa 60 ol ta&#8217;uu eeranii, hojicha irratti qonnaan bultoonni kuma 4 fi 131 ol hirmaachuu addeessaniiru. \u201cGalii qonnaan bultootaa dabaluuf gandoota aanaa keenyaa hundattuu xaa\u2019oon uumamaa qophaa\u2019aa jira\u201d kan jedhan obbo Indiris, xaa\u2019oon kun hafteewwan bu\u2019aa uumamaa biyya keessatti argaman irraa waan oomishamuuf baasiiwwan xaa\u2019oo nam-tolchee biyya alaatii galuu hambisuun gabbina biyyee dabaluun qonni itti fufinsa qabu akka adeemsifamuuf tumsa olaanaa qabaachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Xaa\u2019oon nam-tolchee gatiin isaa qaala\u2019aa deemuu bira darbee, adeemsa keessa biyyeen akka dhukkubsatu ni taasisa jedhaniiru. Biyyee dhukkubsate kana wal&#8217;aanuufis xaa\u2019oo uumamaa fayyadamuun barbaachisaa ta\u2019uu isaa ibsaniiru. \u201cXaa\u2019oon keemikaalaa callaa guddisuuf oolus caasaa biyyeefi lubbu-qabeeyii biyyee keessa jiran ni miidha\u201d kan jedhan obbo Indiris, xaa\u2019oon uumamaa ammoo caasaa biyyee kan eeguufi gabbina biyyee dabaluuf akka gargaaru himaniiru. Xaa&#8217;oon uumamaa albuudota guddina midhaaniif barbaachisan 14 ol ofkeessaa qabaachuu eeranii, xaa&#8217;oon nam-tolchee garuu albuudota 3 qofa kan ofkeessatti hammate ta&#8217;uu itti gaafatamichi ibsaniiru. Kana malees, biyyeen xaa\u2019oo uumamaa argate bishaan sirriitti qabachuun dhiqama biyyee ittisuuf gargaara jedhaniiru. Sadarkaa aanichaatti fedhii qonnaan bultoonni xaa\u2019oo uumamaaf qaban hojii hubannoo uumuu hojjatameen dabalaa dhufuu isaa kan himan obbo Indiris, fedhii qonnaan bultootaa guutuuf hojicha babal&#8217;isuun dandeettii raawwachiisummaa aanichaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Hanqina xaa\u2019oo biyyee furuuf bakka xaa\u2019oo nam-tolchee, xaa\u2019oo uumamaa fayyadamuun rakkoo gama kanaan dhufuu danda\u2019an furuuf ciminaan kan hojjetamu ta\u2019uu kaasaniiru. Xaa\u2019oon uumamaa al-tokko yoo facaafame waggoota sadii hanga waggoota shaniitti waan tajaajiluuf, qonnaan bultoonni baasii hin malleef akka hin saaxilamneef ni gargaara jedhaniiru. Xaa\u2019oo uumamaa bal&#8217;inaan fayyadamuun gatii xaa\u2019oo warshaa dabalaa jiruufi gabbina biyyee hir\u2019achaa jiru furuuf shoora olaanaa qabaachuu isaas kaasaniiru. Aanichatti, bara kana qonna Arfaasaan lafa heektaara kuma 16 ol misoomsuuf karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf galteewwan qonnaa murteessoo ta\u2019an keessaa tokko xaa\u2019oodha. Xaa\u2019oon haala nam-tolcheefi uumamaan qopheessuun ni danda\u2019ama. Keessumattuu xaa\u2019oon uumamaa gabbina biyyeetiif bu\u2019aa guddaa waan qabuuf baasii gadaanaan kan qophaa\u2019u waan ta\u2019eef qonnaan bulaan xaa\u2019oo uumamaa naannawa jireenyasaatti qopheessee akka itti fayyadamuuf taasifamaa jira. Xaa\u2019oon uumamaa gabbina biyyee dabaluufis ta\u2019e baasii xiqqaan kan oomishamu ta\u2019uu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5496,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5495"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5495"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5495\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5497,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5495\/revisions\/5497"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5496"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5495"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5495"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5495"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}