{"id":5498,"date":"2025-10-28T11:35:31","date_gmt":"2025-10-28T11:35:31","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5498"},"modified":"2025-10-28T11:35:31","modified_gmt":"2025-10-28T11:35:31","slug":"simbo-qabeettii-qarqara-haroo-xaanaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/10\/28\/simbo-qabeettii-qarqara-haroo-xaanaa\/","title":{"rendered":"Simbo Qabeettii Qarqara Haroo Xaanaa"},"content":{"rendered":"<p><strong>Magaalonni gurguddoo biyya keenyaa haala hundeeffama isaaniin wal qabatee seenaa bal\u2019aa kan qabanidha. Akkuma naannoolee biyya keenyaa adda addaatti magaalonni seenaqabeessa ta\u2019an baay\u2019een isaanii naannoo Amaaraa keessatti ni argamu. Naannicha keessattis kalaqootni danuun yeroo meeshaaleen teekinooloojii hin jirretti hojjetamuun dhugumaan ogummaan hawaasaa yeroo durii jiru maal akka fakkaatu ragaa ba\u2019uu danda\u2019an hojiileen qabatamoon lafarratti mullatan ni jiru. <\/strong><\/p>\n<p><strong>Yeroo sanas magaalota hundeeffaman jedhamuun maqaan isaanii ka\u2019uu danda\u2019aniifi umurii guddaa qaban maqaan isaanii adda durummaan ka\u2019uu danda\u2019u keessaa magaalaan Baahir Daar ishee adda durummaan maqaan ishee kaafamuu danda\u2019udha. Ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa bulchiinsa magaalichaa irraa arganne akka agarsiisutti magaalaan Baahir Daar jalqaba jaarraa 13ffaa keessa kan hundeeffamteetti. Akkuma kutaalee Itoophiyaa biroon sababa hundeeffama mataa isaanii qabaniifi hundeeffama isaaniifis wantootni qabatamaan argamuu danda\u2019an jiran, magaalli Baahir Daaris naannawa Haroo Xaanaati bu\u2019uureffamte. Yeroo sanas \u00a0sirna mootummaa Solomoon haaraa ijaaramaniin bulfamaa turte.<\/strong><\/p>\n<p><strong>Seenaan Misooma magaalattiis guddachuu kan eegalee naannoo jaarraa\u00a0 14ffaa keessa yoo ta\u2019u kunis hundeeffama Mana Kiristiyaanaa\u00a0 Kidaana Mihirat bakka amma Mana Kiristiyaanaa Qulqulluu Giyoorgisitti argamutti hundeeffamee hordofuun eegalame. Naannawa magaalatti kan marsan Haroon Xaanaafi laga Abbayyaa dhiheenyatti argamuu sababeeffachuufi ilaalcha keessa galchuun moggaasa maqaa \u2018Baahir Daar\u2019 jedhamun akka moggaafamtus ta\u2019uu kan danda\u2019ee yoo ta\u2019u, hiikni isaas qarqara galaanaa jechuudha. Moggaasni kunis bara mooticha Yikunoo Amlaakitti akka moggaafamte seenaan lafa ka\u2019a. Magaalattiinis kutaa Kaaba-Lixa Itoophiyaatti kan argamtu yoo ta\u2019u yeroo adda addaattis miidhagina uumaan ishee badhaasen cinatti haalli teessuma lafaafi magaalaa qulqulluu jedhamuun magaalota biyyattii caaluun badhaafamaa kan turtedha.<\/strong><\/p>\n<p><strong>Akka lakkoofsa Awurooppaa <\/strong><strong>bara 2002\u2019ttis, magaalota saffisaan magaalomaniifi haala bulchiinsaan carraaqqii taasifte jedhamuun badhaasa Magaalota Nageenyaa jedhamuun dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhaabbata barnootaa, saayinsiifi aadaa \u2018\u2019UNESCO\u2019\u2019n badhaafamuu dandeessee jirti.<\/strong><\/p>\n<p><strong>Waggoota\u00a0 dhihoo as akka biyyattiitti pirojaktoota maaddiin biyyaaf jedhamuun hojiileee hojjetamaniin jijjiiramoota garagaraa mullachaa jiraniin wal qabatees akka magaalattiitti jijjiiramootni danuun qabataman argamaniiru. Keessumaa ammoo misoomni koriidaraa magaalota biyyattii ammayoomsuufi miidhagsuun jireenyaaf mijattuu taasisuun cinatti madda galii tuurizimiif akka oolaniif hojiin hojjetamaa jiru, magaala Baahir Daar duraan iyyuu miidhagina isheen gurra guddaa qabdu caalaatti simboo miidhaginaa gonfachiisuu danda\u2019eera. \u201cBaahir Daar duruma iyyuu haalan miidhagdi amma hojiin misooma koriidaraa hojjetameen ammoo caalaatti faayamtee jirti\u201d kan jedhan ammoo Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Baahir Daar Gooshuu Indaalaamaawdha. <\/strong><\/p>\n<p><strong>\u201cMagaalli keenya jireenyaaf kan mijattuufi yeroo kamittuu namoota adda addaan kan filatamtudhas jedhaniiru. Qabeenyotni uumamaan naannawa magaalattiitti argaman kanneen akka Haroo Xaanaafi Laga Guddicha Abbayyaa haalan miidhagfamaniiru jedhaniiru. \u201cKeessumaa pirojaktiin guddichi Haroo Xaanaa irratti hojjettame magaala keenyaaf miidhagina addaa fiduu danda\u2019eera, hawaasni dur akka garaa isaatti Haroo Xaanaan bashannanuuf carraan isaa dhiphaa tures yeroo ammaa teessumni adda addaa qarqara Haroo Xaanaa irratti tolfamuun hawaasni akka gaariitti naannawa haroo kanaatti sirnoota adda addaa akka gaggeeffatuufi qilleensa qabbanawaa achirra argamuun akka bashannananiif iddooleen adda addaa hojjetamuun hawaasaaf banamuu danda\u2019aniiru\u201d jedhaniiru.<\/strong><\/p>\n<p><strong>Kunis haala salphaan jiraattotni magaalichaafi keessummootni gara magaalaa Baahir Daariitti \u00a0dhufan kennaa uumamaa dinqisiifachaa akka bohaaraniif kan ooludha jedhaniiru. Obbo Gooshuun Laga Guddicha Abbayyaa irratti riqichi akka arditti guddaa ta\u2019e hojjetamee eebbifame asuma magaala keenya keessatti waan argamuuf kunis hojii ajaa\u2019ibaa akka biyyattiitti beekamaa ta\u2019edha jedhaniiru. Yeroo ammaa magaalattiin filannoo namoota biyya keessaafi biyya alaa akkasumas tuuristootaan hawwatamuu irratti argamti jedhaniiru.<\/strong><\/p>\n<p><strong>Muummicha Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad \u201cmagaalaa Baahir Daaritti miidhagina ishee xiqqooma xuquun simboo itti gochuu qofa barbaachisa\u201d jedhaniiru. Keessumaa qabeenya guddaa kan akka Haroo Xaanaa kana callifnee teenyee ilaaluu hin dandeenyus jedhaniiru. Yeroo ammaa gama hojii koriidaraa magaala Baahir Daaritti hojjetames wanti adda godhu inni guddaan kutannoo hoggantootaati jedhaniiru. Sababni isaas hojiin misooma koriidaraa magaalota biyyattii hedduu keessatti hojjetamaniiru, garuu isaan nageenya amansiisaa keessatti hojjettaman; kan Baahir Daar garuu hanqina nageenyaa jiru keessa ta\u2019uun hojii miidhagaa hojjetamedha. Kunis kan mullisu rakkoo keessa ta\u2019aniis misoomsuun akka danda\u2019amu kan agarsiisu mallattoo cichoominaafi nii danda\u2019amaati jechuun muummichi ministiraa ibsaniiru.<\/strong><strong>\u00a0<\/strong><\/p>\n<p><strong>Daandiin keessa keessaa magaalatti hojii misooma koriidara kanaan haala teessuma lafaa magaalattiin wal simatee lafa deemtotaaf, biskileettiifi qaama miidhamtootaaf akka tolutti hojjetameera; kunis caalaatti miidhagina magaalattiif sababa ta\u2019eera.<\/strong><strong> Qabeenya tuuristoota hawwachuu danda\u2019an hedduu naannicha keessatti argamanis hunda deemanii daawwachuuf hojiileen magaalaa kanatti hojjettaman hundi isaanii tuuristooti yeroo isaanii ballinaan magaala kanatti akka dabarsaniif kanneen haala mijeessanidhas jedhaniiru. <\/strong><strong>\u201cWalakkeessa magaalattiitti kan argamu Istaadiyeemiin guddichi Idil Addunyaa Baahir Daar, dirree kubbaa miillaa qofa osoo hin taane, dirree tuuristoota hawwachuuf abdii guddaan irra ka\u2019amedha\u201d kan jedhan ammo itti aanaa Muummicha Ministiraa obbo Tamasgeen Xuruneehidha. <\/strong><\/p>\n<p><strong>Sadarkaa isaa eeggachuun ijaaramuu kan danda\u2019e Istaadiyeemiin kun hojii guddaa magaalaa keenyaaf madda tuuristootaa ta\u2019uu danda\u2019udhas jedhaniiru. <\/strong><strong>\u00a0<\/strong><strong>Keessumaa Biyyoota addunyaa biroo haalli qilleensa isaanii akka isaan taphataniif akkasumas shaakallii gaggeessaniif ulfaata ta\u2019uu malu ni jira, yeroo tokko baayina cabbiin tarii ammoo haala qilleensaa ho\u2019a guddaa qabu mudachuu danda\u2019u ni jira; yeroo kanatti gara biyya keenyaa dhufuun magaalaa keenya Baahir Daaritti kan argamu Istaadiyeemii keenya kanatti akka taphachuuf shaakallii gaggeessuu danda\u2019aniif ilaalcha keessa galfamuun kan hojjetame hojii pirojaktii guddaadha jedhaniiru. <\/strong><\/p>\n<p><strong>Dhugumatti maqaa gaariifi miidhagina addaa qabduun ija hawaasa addunyaa hawwachuu kan dandeesse Magaalli Baahir Daar, yeroo ammaa ammoo hojiilee bal\u2019aa gama magaalatti ammayyoomsuufi jireenyaaf mijattuu taasisuutiin hojjetamaniin jijjiiramootni hedduun keessatti mullachaa kan jiru yoo ta\u2019u, hojiileen akkasii jabaatanii itti fufuun fuullee magaalota akkasumas jiruufi\u00a0 jireenya hawaasa biyyattii jijjiiruuf akka oolanitti jabaatanii itti fufuu qabuun dhaamsa barruu keenyaati, nagaatti.<\/strong><\/p>\n<p><strong>Suurraa Iddoosaatiin<\/strong><\/p>\n<p><strong>\u00a0<\/strong><\/p>\n<p><strong>\u00a0<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Magaalonni gurguddoo biyya keenyaa haala hundeeffama isaaniin wal qabatee seenaa bal\u2019aa kan qabanidha. Akkuma naannoolee biyya keenyaa adda addaatti magaalonni seenaqabeessa ta\u2019an baay\u2019een isaanii naannoo Amaaraa keessatti ni argamu. Naannicha keessattis kalaqootni danuun yeroo meeshaaleen teekinooloojii hin jirretti hojjetamuun dhugumaan ogummaan hawaasaa yeroo durii jiru maal akka fakkaatu ragaa ba\u2019uu danda\u2019an hojiileen qabatamoon lafarratti mullatan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5499,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5498"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5498"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5498\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5500,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5498\/revisions\/5500"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5499"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5498"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5498"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5498"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}