{"id":5511,"date":"2025-11-11T06:05:14","date_gmt":"2025-11-11T06:05:14","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5511"},"modified":"2025-11-11T06:05:14","modified_gmt":"2025-11-11T06:05:14","slug":"daldaltoota-seeraan-alaarratti-tarkaanfiin-fudhatamaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/11\/11\/daldaltoota-seeraan-alaarratti-tarkaanfiin-fudhatamaa-jira\/","title":{"rendered":"Daldaltoota Seeraan Alaarratti Tarkaanfiin Fudhatamaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaatti qaala&#8217;insi jireenyaa haala itti fufinsa qabuun daran\u00a0 dabalaa dhufuun, jireenya lammiilee hammaataa taasiseera. Keessattuu, qaala&#8217;insa gatii wantoota bu&#8217;uuraa hawaasni guyyaa guyyaan fayyadamurratti mul&#8217;atu jireenya lammiilee qoraa jira. Mootummaan\u00a0 waltajjiiwwan adda addaa irratti qaala&#8217;insi gatii hir&#8217;achaa jiraachuufi tasgabbaa&#8217;a jiraachuu hubachisaa jiraachuus gatiin wantoota bu&#8217;uuraa nyaataaf oolan irratti jijjiiramni qabatamaan hin mul&#8217;anne. Inummayyuu gatii oomishaawwan adda addaafi zayita nyaataa irratti daballiin gatii yeroo irraa gara yerootti daran dabalaa jiraachuu ilaaluun ni danda&#8217;ama.<\/p>\n<p>Ministrri muummee Abiy Ahmad (Dr) mana maree bakka bu&#8217;oota uummataa bara hojii 5ffaa marsaa 6ffaa yaa&#8217;ii idilee 2ffaa irratti ibsaniin, tarkaanfiiwwan garagaraa fudhatamaniin qaala\u2019insi gatii hir\u2019achuusaa himaniiru. Kanaaf akka sababaatti kan eeraman gama dhiheessa damee qonnaatiin bal\u2019inaan hojjetamuu, walitti hidhamiinsi gatii gabaa Sanbataafi Dilbataa bal\u2019isuun gurgurtootaafi shamattoota kallattiin walitti fiduun akkasumas deggarsi taasifamuun isaatiini jedhaniiru. Baatii Onkololeessa keessa qaala\u2019insi dhibbantaa 11 tuqaa 7tti gadi bu\u2019uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Mootummaan kana jedhus qaala&#8217;insi gatii olka&#8217;usaatiin lammiileen\u00a0 maatii isaanii nyaachisani buluuf yeroo isaan rakkatan ni mul&#8217;atu. Keessattuu hojjetaan mootummaa\u00a0 rakkichaaf daran saaxilamadha.<\/p>\n<p>Obbo Ibraahim Mohaammad, jiraataa bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Jiillee Dhummugaati. Jiraataan kun mindaa mootummaarraa argataniini maatii isaanii kan bulchan. Haata&#8217;u malee qaala&#8217;insi jireenyaa hammaachaa dhufuurraa kan ka&#8217;e maatii bulchuun yeroo irraa gara yerootti ulfaataa dhufuu ibsaniiru. \u2018\u2019Namni miseensa maatii baay\u2019ee qabu waan barbaachisu bitee jiraachisuun baay&#8217;ee ulfaataa ta&#8217;eera&#8221; jedhaniiru. Daldaltoonni bakkuma fidnuurraa dabale jechuun guyyaa guyyaadhaan gatii akka dabalan kaasaniiru. gatii har&#8217;a ittiin bitaniin boru akka hin arganne himaniiru. Miindaan dabalamuus mootummaan haala gabaa yoo hin tasgabbeesine, haala amma gatiin dabalaa jiruun yoo itti fufe nyaatanii buluun yaaddoo akka ta&#8217;u soda qaban ibsaniiru.<\/p>\n<p>Hojjetaan mootummaa qaala&#8217;insa gatii uumame\u00a0 akka dandamatuuf dhiheenya kana mootummaan daballii mindaa taasisera. Haata&#8217;u malee daldaltoonni seeraan alaa daballii mindaa hojjetaa mootummaaf taasifame sababeeffachuun faayidaa hin malle argachuuf hojjetaa jiran heddudha. Itti gaafatamtuun qajeelcha daldalaafi misooma gabaa bulchijnsa sablammii Oromoo, aadde Shibirree Ayyalaa, mootummaan gamasaatiin, daldaltoota seeraan alaa gatii dabalan seeraan gaafachuufi to&#8217;achuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Dambii daldalaa lakkoofsa 980\/2008fi 813\/2006&#8217;n akkasumas seera yakkaa bara 1996 darbuutiin waan adabsisuuf, daldaltoonni gatii hin mallee dabalan, hanqina namtolchee uumaniifi kanneen meeshaalee kuusan, akkasumas dhoksaan gocha isaanii irraa akka of qusatan yaadachiisaniiru. Bulchiinsa sablammiichaatti daldaltoota seeraan alaa gatii to&#8217;achuuf koreen dhaabbate hordoffiifi to&#8217;annoo taasisaa jiraachuu himaniiru. Gareen tokko dhaabbilee\u00a0 daldaltoota irratti ragaa sassaabuufi gareen biraan immoo daldaltootaaf hojii hubannoo uumuu hundaa&#8217;e hojii qindaa&#8217;an hojjetamaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Hanga ammaattis akka bulchiinsa sablammiichaatti daldaltoota hojii seeraan alaa raawwatan 309, to\u2019atamuufi kanneen keessaa daldaltoota 67 irratti akeekkachisni dhumaan kan keennameef yoo ta&#8217;u, daldaltoota 235 ta&#8217;an immoo manneen daldalaa isaanii saamsuu, daldaltoota torba irratti immoo eeyyamni isaanii guutummaan guutuutti haqamuufi irra deebiin gara hojii daldalummaatti akka seenne taasifamuu aadde Shibirreen ibsaniiru.<\/p>\n<p>Erga tarkaanffiin fudhatamuu eegalee booda gatiin oomishaawwan kanneen akka xaafiifi boqqoloo gadi bu&#8217;e jiraachuu hubachisaniiru. Suukkaaraafi zayita nyaataa irratti daballiin xiqqoo jiraachuu eeraniiru. Caasaan daldalaa sadarkaan jiru qaamolee haqaafi nageenyaa waliin ta\u2019uun\u00a0 tasgabbii gabaa cimsuu, hordoffiifi to\u2019annoo cimsuu, akkasumas adeemsi daldalaa haala tasgabbaa\u2019aa ta\u2019een itti fufuu akka danda\u2019uuf namoota seera cabsan irratti tarkaanfiin naamusaa fudhachuu cimee itti fufee jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Walumaagalaatti miindaan hojjettoota mootummaa muraasaaf dabalame, daballii gatiirratti kan miidhamu hawaasaa bal&#8217;aa waan ta&#8217;eef daldalttootni gatii seeraan alaa dabalan kan miidhaa jiran hawaasaa isaanii ta&#8217;u hubatanii gocha isaaniirra akka of qusatan itti gaafatamtuun kun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.Haala walfakkaatuun,\u00a0 magaalaa BaahirDaaritti\u00a0 sababa amansiisaa hin taaneen, daldaltoota gatii zayita nyaataarratti dabalan 27 to\u2019annaa jala ooluu qajeelchi daldalaafi misooma gabaa bulchiinsa magaalaa Baahir Daar ibseera. Kanaan alattis dhaabbiilee daldalaa 221fi kuusaawwan 8 saamsuun tarkaanffiin bulchiinsa fudhatamuu ibsameera.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaatti qaala&#8217;insi jireenyaa haala itti fufinsa qabuun daran\u00a0 dabalaa dhufuun, jireenya lammiilee hammaataa taasiseera. Keessattuu, qaala&#8217;insa gatii wantoota bu&#8217;uuraa hawaasni guyyaa guyyaan fayyadamurratti mul&#8217;atu jireenya lammiilee qoraa jira. Mootummaan\u00a0 waltajjiiwwan adda addaa irratti qaala&#8217;insi gatii hir&#8217;achaa jiraachuufi tasgabbaa&#8217;a jiraachuu hubachisaa jiraachuus gatiin wantoota bu&#8217;uuraa nyaataaf oolan irratti jijjiiramni qabatamaan hin mul&#8217;anne. Inummayyuu gatii oomishaawwan adda [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5512,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5511"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5511"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5511\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5513,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5511\/revisions\/5513"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5512"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5511"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5511"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5511"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}