{"id":5526,"date":"2025-11-11T06:16:24","date_gmt":"2025-11-11T06:16:24","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5526"},"modified":"2025-11-11T06:16:24","modified_gmt":"2025-11-11T06:16:24","slug":"atileetiksii-itoophiyaa-xiyyeeffannoo-barbaadu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/11\/11\/atileetiksii-itoophiyaa-xiyyeeffannoo-barbaadu\/","title":{"rendered":"\u00a0 Atileetiksii Itoophiyaa Xiyyeeffannoo Barbaadu"},"content":{"rendered":"<p>Maqaan Itoophiyaa dirree addunyaa irratti yeroo ka&#8217;uu injifannoo Adwaatiin dabalata olaantummaa biyyattiin gama atileetiksiin qabdutu kaafama. Itoophiyaan dachee atileetota waltajjiiwwan gurguddoo addunyaa miidhagsaniifi rikoordii cabsan biqilchitedha. Xomborri injifannoo Shaambal Abbabaa Biqilaan ife atileetota fageenya dheeraa fiigan kanneen akka Hayilee Gabrasillaasee, Qananiisa Baqqalaa, Xurunash Dibaabaafi atileetota biroon biyyattiin madda atileetota fiigicha dheeraa ta&#8217;uun ishee mirkaneessiteetti. Haata\u2019u malee, waggoota dhihoo asitti damicha keessatti rakkoon guddaan mul\u2019achuu jalqabeera.<\/p>\n<p>Rakkoolee kanneen keessaa Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Tookiyootti dhiheenya gaggeeffame isa tokkodha. Duraan Itoophiyaan dorgommicha irratti\u00a0 meedaaliyaawwan baay&#8217;ee argachuun beekamtuufi abdii guddaan eegamtu qabxii\u00a0 baay\u2019ee gadaanaa galmeessisuun ishee hin dagatamu. Atileetonni Itoophiyaa kanaan dura dorgommiiwwan fageenya dheeraa baay&#8217;ee irratti guutummaatti waltajjii irratti olaantummaa gonfachaa turan amma garuu olaantummaan isaanii atileetota Keeniyaan harkaa fudhatameera. Leenjisaan Giddugala Atileetiksii Teentaa obbo Taammiraat Taaddasaa kufaatii damichaaf sababa kan ta&#8217;e, bara kennaan uumamaafi shaakalli cimaa qofti gahaa hin taanetti waltajjiin dorgommii biyya keessaa atileetonni Itooophiyaa irratti dorgoman boodatti hafaafi teknoloojiin kan hin deggaramne ta&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Atileetiksii Itoophiyaa ammayyeessuun qabxii ishee gadi bu&#8217;e deebisuuf dhaloota egereef bu&#8217;uura hin raafamne kaa&#8217;uuf gargaara jedhaniiru. Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyoo 2025 irratti qabxiin argame ciminni qofti dorgomanii mo&#8217;achuuf wabii ta&#8217;uu dhabuusaa hubanna jedhan leenjisichi. Leenjisaan kun akka ibsaniitti dorgommiiwwan atileetiksii biyya keenyaa irra caalaan isaanii ammallee sa\u2019aatii dhaabbii harkaan qabamu fayyadamuun yeroon kan murtaa\u2019u ta\u2019uu ibsaniiru. Kunis atileetoonni waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti sirritti sekondiifi maaykiroo sekoondii keessatti safaramuuf qophii xiinsammuufi qaamaa barbaachisu akka guddifatan hin dandeessisu jedhaniiru. Dorgommiin ammayyaawaa miira daawwattootaa harkisuun bu&#8217;awwan teknoloojii dinqisiisaan dabaaluun atileetii ta&#8217;e daawwataatti miira gammachuu kan uumuu ta&#8217;uu Olompic.com dubbisiiseera.<\/p>\n<p>Obbo Taammiraat federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa rakkoo kana sirreessuuf hojii manaa fudhachuu qaba jedhaniiru. Federeeshiniin Atileetiksii shaakala duubatti hafummaa amma jiru irraa fagaatee shaakala ammayyaa damee kanarratti jijjiirama bu\u2019uuraa fiduu danda\u2019u irratti xiyyeeffachuu akka qabus dubbataniiru. &#8221;Leenjistoonniifi murteessitootni dhimmoota seeraafi teeknikaa xixiqqoo dorgommiiwwan idil-addunyaa irratti bu\u2019aa murteessan akka beekan gochuu qabu; abbootiin murtii, ogeessonni teeknikaa leenjii itti fufiinsa qabuufi sadarkaa isaa eeggate kennuun barbaachisaadha jedhaniiru. Atileetiksii ammayyeessuuf gargaarsa qooda fudhattoota biroo federeeshiniin ala ta\u2019e kan barbaadudha; dhaabbileen gurguddoon deggarsa maallaqaafi teeknikaa ni taasisu jedhamee eegama jechuun leenjisichi yaada isaanii qoodaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maqaan Itoophiyaa dirree addunyaa irratti yeroo ka&#8217;uu injifannoo Adwaatiin dabalata olaantummaa biyyattiin gama atileetiksiin qabdutu kaafama. Itoophiyaan dachee atileetota waltajjiiwwan gurguddoo addunyaa miidhagsaniifi rikoordii cabsan biqilchitedha. Xomborri injifannoo Shaambal Abbabaa Biqilaan ife atileetota fageenya dheeraa fiigan kanneen akka Hayilee Gabrasillaasee, Qananiisa Baqqalaa, Xurunash Dibaabaafi atileetota biroon biyyattiin madda atileetota fiigicha dheeraa ta&#8217;uun ishee mirkaneessiteetti. Haata\u2019u [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5527,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5526"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5526"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5526\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5528,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5526\/revisions\/5528"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5527"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5526"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5526"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5526"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}