{"id":5532,"date":"2025-11-11T06:20:27","date_gmt":"2025-11-11T06:20:27","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5532"},"modified":"2025-11-11T06:20:27","modified_gmt":"2025-11-11T06:20:27","slug":"faayidaa-waloon-hojjechuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/11\/11\/faayidaa-waloon-hojjechuu\/","title":{"rendered":"Faayidaa Waloon Hojjechuu\u00a0"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan hiyyummaafi hirkatummaa jalaa bahuuf ijaarsa piroojektoota adda addaa\u00a0 guddinaafi misooma biyyattii mirkaneessuu danda&#8217;an irratti xiyyeeffatte hojjechaa jirti. Keessattuu waggoottan shanan darbaniitti pirojektoota fayyadamummaa haawaasaa mirkaneessuufi piroojektoota fullee biyyattii jijjiiruu danda&#8217;an baay\u2019ee hojjechaa turteetti, hojjechaa jirtis. Pirojeektoota kanneen keessaa tokko hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda&#8217;ama. Uummatni waloon ta&#8217;uun beekumsaafi qabeenya isaatiin ijaarsise xumurun eebbaaf geessisuun haawwiifi xiqii bara dheeraaf ture milkeessuu danda&#8217;era.<\/p>\n<p>Hidhi Haaromsaa guddichaa\u00a0 pirojeektii tumsa hundaan kan ijaarame, Asharaa\u00a0 Itiyoophiyaanota\u00a0 hunda kan ofkeessaa qabuu fi Itoophiyaanootni akka agartuu ija isaaniitti kan\u00a0 eeganiidha. Hidhich miliyoonoota dukkana keessaa baasuuf humna guddaa kan qabudha. Dargaggoota hedduuf immoo carraa hojii kan uumeedha.<\/p>\n<p>Hidhni kun Pirojeektii irree cimaa Itoophiyaanotaan ijaarameefi aadaa hojii Itoophiyaanotaa kan jijjiire ta\u2019uu kan shakkisisuu miti. Hidhichi injifannoo tattaaffii halkaniifi guyyaa osoo addaan hin kutiin hojjetame, tokkummaa uummattoota biyyattii kan mirkaneesse, mallattoo\u00a0 ni danda\u2019amaafi\u00a0 Injiifannooti. Hidhi haaromsaa guddicha Itoophiyaa, gara fuulduraatti Meeggaa Pirojektoota ijaartuuf barnoonniifi muuxannoon kan irraa qooddatamuudha.\u00a0 Itoophiyaan ijaarsa hidha haaromsaa erga xumurtee boodas pirojeektoota guddina biyyaa mirkaneessuuf humna guddaa ta&#8217;an kan akka warshaa xaa&#8217;oo, gaazii uumamaa, buufta xiyyaaraafi humna niwuklara nageenyaaf fayyadamu dabalate piroojektoota meeggaa hedduu doolaara biliyoona 30 oliin ijaarsisuuf gara hojiitti galuu ministirri muummee\u00a0 Abiy Ahmad (Dr) eebba hidhaa haaromsaa guddicharratti haasaa taasisaniin ibsaniiru.<\/p>\n<p>Dargaggoo Masarat Girmaa, jiraataa magaalaa Addisa Ababaati. Pirojeektiin meeggaa biyyattiin ijaaruuf jalqabde dargaggootaaf carraa hojii uumuun, hojii dhabdummaa xiqqeessuu keessatti gaheen inni qabu olaanaa ta&#8217;uu dubbateera. Keessattuu biyyattiin oomishaawwan alaa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuun baasii hedduu hambisuu akka dandeessu himeera. Piroojektiwwan eegalaman milkeessuuf garuu kutannoon lammiilee hundaa murteessaa ta&#8217;u ibseera.<\/p>\n<p>Yuunvarsiitii Ambootti barsiisaa diingdee kan ta&#8217;aan Indaalaw\u00a0 Bongaasee, pirojeektootni gurguddoo akkanaa biyyattitti ijaaramun isaanii misoomaafi guddina biyyattii haala olaanaan kan tarkaanfachisuudha jedhaniiru. \u2018\u2019Pirojektootni meeggaa ijaaramuuf karoorfaman guddina biyya keenyarra darbee biyyoota naannawichaafis faayidaa damdaneessaa\u2019\u2019 qaba jedhaniiru. Pirojeektootni akka biyyaatti eegalaman kunneen\u00a0 imala olka&#8217;insa biyyattiin eegalte\u00a0 mirkaneessuuf faayidaan isaan qaban daran olaanaa ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaanootni\u00a0 pirojeektoota misoomaa gurguddoo humnaafi qabeenya ofiin ijaaruun akka danda&#8217;an hidhi haaromsaa agarsistuu guddaa ta&#8217;uu kan kaasan barsiisaan kun, pirojektiwwan biroo jalqabamanis humna ofiin ijaaruun akka danda&#8217;amu kan mirkaneessedha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Pirojaktiwwan meeggaa mootummaan dhiheenya kana ijaaruuf ifa taasisee, imalli olka&#8217;insaa biyyattii kan hin hafne ta&#8217;uu kan mirkaneessuudha jedhaniiru. Imalli badhaadhinaa hunda galeessaafi karooraawwan misoomaa eegalaman Itoophiyaa gara kabaja ishee duraan tureetti deebisuun dabalataa, dhagahamummaafi fullee biyyattii sadarkaa idil-addunyaarratti qabdu daran kan dabalu ta&#8217;u hubachisaniiru. Mootummaan rakkoolee adda addaa keessa ta&#8217;uun pirojeektoota misoomaa\u00a0 gurguddoo akkasii\u00a0 hojjechuun isaa kan dinqisiifamudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaan qabeenya uumamaan kan badhaate taatus, qabeenyaawwan kana humna ofii fayyadamuun misoomsuu irratti rakkoolee hedduun turaniiru jedhaniiru. Pirojeektiwwan ijaaramuuf eegalaman yeroo qabameef keessatti xumuramanii olka&#8217;insa Itoophiyaa akka saffisisaniifi tajaajila akka kennan taasisuuf nageenya waaressuun,\u00a0\u00a0\u00a0 lammiileen qabeenya, yaada, beekumsaafi humnaan akka deggaran yaadachisaniiru. Pirojeektoota misoomaa milkaa&#8217;inaaf dhaqqabsisuun sochii diinagdee guddachaa dhufe waliin walitti hidhuun itti fayyadamummaa lammiilee gara sadarkaa olaanaatti guddisuun akka danda&#8217;amu barsiisaan diinagdee kun hubachisaniiru. Humna biyyoota biroo waliin mari&#8217;achuus kan guddisuu ta&#8217;u gorsaniiru.<\/p>\n<p>Pirojeektiwwan eegalaman yeroodhaan akka xumuraman gochuuf immoo tokkummaafi tumsi hidha haaromsaa\u00a0 guddichaa irratti mul&#8217;ate cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Itoophiyaanootni yeroo wal deggaraniifi yeroo waliin dhaabbatan waan hunda gochuu akka danda&#8217;an hidhi haaromsaa ragaa ta&#8217;u yaadachisaniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Misoomaafi faayidaa biyyaalessaa irratti garaagarummaa qabaachuu hin qabnu\u2019\u2019 kan jedhan barsiisaan kun, kanaanis mootummaa waliin hojjechuun barbaachisaa ta&#8217;u kaasaniiru. Keessattuu tokkummaa keessoo cimsuun amaana dhaloota kanaa ta&#8217;u akka qabu hubachisaniiru. Itoophiyaanootni sanyii, amantaa, afaaniifi eenyummaan osoo wal hin qoodin tokkummaa isaanii yeroo kamiyyuu caalaa cimsuun imala hiyyummaafi hirkattummaa jalaa bahuuf taasifamu irratti gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru. &#8220;Waliin taane badhaadhinaafi olka&#8217;insa biyya kanaa ni dhugoomsina\u2019\u2019 jedhaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan hiyyummaafi hirkatummaa jalaa bahuuf ijaarsa piroojektoota adda addaa\u00a0 guddinaafi misooma biyyattii mirkaneessuu danda&#8217;an irratti xiyyeeffatte hojjechaa jirti. Keessattuu waggoottan shanan darbaniitti pirojektoota fayyadamummaa haawaasaa mirkaneessuufi piroojektoota fullee biyyattii jijjiiruu danda&#8217;an baay\u2019ee hojjechaa turteetti, hojjechaa jirtis. Pirojeektoota kanneen keessaa tokko hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda&#8217;ama. Uummatni waloon ta&#8217;uun beekumsaafi qabeenya isaatiin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5533,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5532"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5532"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5532\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5534,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5532\/revisions\/5534"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5533"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5532"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5532"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5532"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}