{"id":5572,"date":"2025-11-25T08:52:03","date_gmt":"2025-11-25T08:52:03","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5572"},"modified":"2025-11-25T08:52:03","modified_gmt":"2025-11-25T08:52:03","slug":"afrikaan-kibbaa-mormiin-boodatti-miidhaaa-saalaa-balaa-biyyaalessaa-tauu-labsite","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/11\/25\/afrikaan-kibbaa-mormiin-boodatti-miidhaaa-saalaa-balaa-biyyaalessaa-tauu-labsite\/","title":{"rendered":"Afrikaan Kibbaa Mormiin Boodatti Miidhaaa Saalaa Balaa Biyyaalessaa Ta&#8217;uu Labsite"},"content":{"rendered":"<p>Afrikaan Kibbaa biyyoota haleellaan saalaa baay&#8217;inaan itti raawwataman keessaa tokkodha. \u00a0Akka Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii jedhutti, Afrikaa Kibbaatti dubartoonni ajjeefaman giddu galeessan kan addunyaa irraa dachaa shaniin ol ta&#8217;a. Bara 2025&#8217;tti dubartoonni 137 ajjeefamaniiru; kanneen kuma 1 ol ta&#8217;an ammoo gudeedamaniiru jedha ragaan yakkaa biyyattii.<\/p>\n<p>Tibbana gareen mirga dubartootaa Afrikaa Kibbaaf falman miidhaan saalaa dubartoota irratti raawwatamu balaa biyyaalessaa ta&#8217;e akka labsamu gaafachuuf mormiin guutuu sadarkaa biyyattiitti akka geggeeffamu gaafachaa turuun ni yaadatama. Gareen mormii guutuu biyyattii akka gaggeeffamuuf ifatti waamicha dhiheessan kunneen sochii kana miidiyaa hawaasaa irratti adeemsisaa turaniiru. Mormiin kun yaa&#8217;iin \u2018G20 \u2018 Afrikaa Kibbaa Johaannesbargitti geggeeffamu osoo hin jalqabin dura kan gaggeeffamuuf karoorfame yoo ta&#8217;u, miidhaan saalaa dubartoota irratti raawwatamu dhimma addunyaa akka ta&#8217;u dhiibbaa gochuufi namoonni beekamoo, aktiivistootniifi lammiilee baay&#8217;een suuraa piroofaayilii miidiyaa hawaasaa isaanii gara haalluu siddisaa (Purple) fayyadamuun sochii kanatti makamuun deeggarsa isaanii agarsiisaa turuun isaanii waan yaadatamudha.<\/p>\n<p>Namoonni miliyoona tokkoos ol iyyannoo mootummaan miidhaa saalaaf deebii kennu akka cimsu gaafatu mallatteessaniiru. Sochii dubartoonni ibidarra \u00a0&#8216;Girls on Fire&#8217; jedhamu kan jalqabde dubartiin Naati Oxleey jedhamtu akka jettutti dubartoonni miidhaa isaanirra gahu ofirraa ittisuu qabu jetteetti. Afrikaa Kibbaatti hayyama baafatanii meshaa waraanaan miidhaa ittiin ofirraa ittisan bitachuun seera qabeessadha. Dubartoonni sochii isheen Naatiif jalqabde keessatti hirmaatan irra caalaan isaanii gudeeddaafi saamichaaf saaxilamaniiru.<\/p>\n<p>Haata&#8217;u malee mormii haleellaa saalaan walqabatee adeemsifamaa ture hordofee Afrikaan Kibbaa haleellaa saalaa dubartoota irratti raawwatamu akka balaa biyyaalessaatti labsiteetti.\u00a0 Ministirri Bulchiinsa Hojii Gamtaafi Dhimma Aadaa Velenkosinii Hillabisaa, Giddu-galli Bulchiinsa Balaa Biyyaalessaa (NDMC) \u201cgabaasawwan kanaan dura dhihaatan gad-fageenyaan gamaaggamuun balaa saalarratti xiyyeeffate \u00a0&#8216;Gender Based Violence&#8217; (GBV) fi ajjeeffamuu dubartootaa madaaluuf dhihaate haaromsee jira,\u201d jedhaniiru. NDMC&#8217;n waamichi kanaan dura ramaddii kanaaf godhame ulaagaalee seeraa kan hin guunne ta\u2019uu ibseera.<\/p>\n<p>Kun utuma kanaan jiruu akka gabaasa \u2018Wuumen Foor Cheenjitti\u2019, yeroo muraasa booda Velenkosiniin haalli kun gara balaa biyyaalessaatti akka fooyya&#8217;eefi guyyaa Jimaata beeksisni akka bahu mirkaneessaniiru.\u00a0 Dhaabbatichi Kamisa darbe fuula inistaagiraamii isaa irratti hordoftoota isaan \u201cinjifanneerra; cichoominni keessan beekamtii argateera\u201d jechuun ibsa kenneera. &#8220;Seenaa waliin barreessineerra dhumarratti biyyattiin dhugaa ifatti akka fudhattu dirqisiifneerra&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Afrikaan Kibbaa biyyoota haleellaan saalaa baay&#8217;inaan itti raawwataman keessaa tokkodha. \u00a0Akka Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii jedhutti, Afrikaa Kibbaatti dubartoonni ajjeefaman giddu galeessan kan addunyaa irraa dachaa shaniin ol ta&#8217;a. Bara 2025&#8217;tti dubartoonni 137 ajjeefamaniiru; kanneen kuma 1 ol ta&#8217;an ammoo gudeedamaniiru jedha ragaan yakkaa biyyattii. Tibbana gareen mirga dubartootaa Afrikaa Kibbaaf falman miidhaan saalaa dubartoota irratti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5573,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5572"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5572"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5572\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5574,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5572\/revisions\/5574"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5573"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5572"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5572"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5572"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}