{"id":5605,"date":"2025-12-09T08:52:15","date_gmt":"2025-12-09T08:52:15","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5605"},"modified":"2025-12-09T08:52:15","modified_gmt":"2025-12-09T08:52:15","slug":"carraa-hojii-uumuun-nageenya-biyyaatifis-wabiidha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/12\/09\/carraa-hojii-uumuun-nageenya-biyyaatifis-wabiidha\/","title":{"rendered":"Carraa Hojii Uumuun Nageenya Biyyaatifis Wabiidha\u00a0"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Rakkoon hojii dhabdummaa rakkoo sadarkaa addunyaalessaatti mudatudha. Baayi\u2019naan hojii dhabdummaaf kan saaxilaman immoo dargaggootadha. Dhimmi dargaggoota dhuunfaanis ta\u2019e gurmiidhaan gara hojiitti galchuuf haala mijeessuu rakkoo hojii dhabdummaa qofa kan furu osoo hin taane adeemsa siyaasaa tasgabeessuuf baay\u2019ee murteessaadha.<\/p>\n<p>Aanaa Jiillee Dhummuugaatti dargaggoota carraa hojiin fayyadamoo taasisuun bakka barbaachisaa hin taanetti yeroo isaanii akka hin balleessine gochuun nageenyaaf waardiyyaa akka dhaabbataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Jiraataan aanaa Jiillee Dhummuugaa ganda Baxxee, dargaggoo Abdallaa Amiinuu, hojii barbaachaaf kanaan dura gara biyya ambaa deemee turuu yaadateera. \u2018\u2019Biyya ofiitti hojjetanii jijjiiramuun ni danda&#8217;ama kutannoo jedhuun gara biyyaatti deebi&#8217;een bara darbe horsiisa lukkuu dargaggoota shan waliin taanee jalqabne\u2019\u2019 jedheera. Hojii kanas kan argate tumsa Waajjira Hojiifi Leenjii aanichaan ta&#8217;uusaati dargaggoon kun kan kaase. Yeroo ammaa guyyoota 45 keessatti Cuucii Lukkuu 500 ol yeroodha yerootti hawaasaaf raabsaa jiraachuu dargaggoon kun dubbateera. Dargaggootaaf carraa hojii uumuun bakka hinmallerraa isaan baraaruun nageenyaaf waardiyyaa akka dhaabbataniif gahee olaanaa qabaachuu dubbateera.<\/p>\n<p>Jiraatuma ganda kanaa kan taate, Zaaree Mahaammad bara kana dargaggoota aanichatti carraa hojii barbaadan keessaa tokko ta&#8217;uu dubbatteetti. \u2018\u2019Tumsa gama mootummaan carraan hojii yoo naaf uumame diinagdeen cimee ofiifi maatii koo gargaaruun barbaada\u2019\u2019 jetteetti. Gama kanaanis waajjira hojiifi leenjii aanichaan haalli mijeeffamaa akka jiru kaasteetti. Fuulduraaf qabeenya gahaa horachuun lammiilee biroof carraa hojii uumuuf mul\u2019ata qabaachuu kaasteetti.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Waajjira Hojiifi Leenjii Aanaa Jiillee Dhummuugaa Mahaammad Adam, hojii dhabdummaan gama hawaasummaafi dinagdeen qisaasama kan hordofsiisu ta\u2019uu himanii, kun akka hinmudanneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Bara darbe aanichatti interpiraayizoota 44 gurmeessuu eeranii, dhibbentaan 81 carraan hojii dhaabbataan uumamuu yaadataniiru. Kana keessaa horsiisaafi furdisa beeyladaan carraan hojii olaanaa uumamuu kaasaniiru. Akka itti gaafatamaan kun jedhanitti, barana dameewwan garaagaraan hojii dhabdoota kuma 8 ol gara hojiitti galchuuf karoorfameera. Kana mirkaneessuuf leecalloo aanichi qabu adda baasanii jiraachuu itti gaafatamichi himaniiru. Dargaggoota araadawwan garaagaraan kiyyeeffamaniifi yeroo isaanii bakkeewwan hin malleetti dabarsaa turan damee qonnaa irratti gurmeessuuf lafa hektaara 50 adda baasnee jirra jedhaniiru.<\/p>\n<p>Damee indaastiriin qabeenya cirraachaa irratti amma gabaasni kun qindaa&#8217;etti waldaalee 20 gurmeessuu dubbataniiru. Baajata keessoofi deggarsa miti mootummaan sheediiwwan ijaarsisuun jireenya hojii dhabdootaa jijjiiruuf jalqabbiiwwan gaarii akka jiran addeessaniiru. \u2018\u2019Fandii naannoftuu miiliyoona 2.5 ni raabsina jennee hojii dhabdoota raabsinuuf adda baasnee mana maree carraa hojii uumuutiin ragaasifnee jirra\u2019\u2019 \u00a0jedhaniiru. Akkasumas liqii idilee miiliyoona 8 ta&#8217;uun bara kana dargaggoota aanichaa fayyadamaa taasisuuf karoorfamuu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Gama waajjira isaaniin kurmaana jalqabaa keessatti hojiin guddaa hojjetamu lakkoofsa hojii dhabeeyyii adda baasuu ta&#8217;uusaa eeranii, kurmaana tokkoffaan dhaabbataadhaan dargaggoota 340&#8217;f carraa hojii uumneerra jedhaniiru. Rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa furuun dargaggeessaafi maatiisaa qofaaf osoo hintaane badhaadhinaafi tasgabbii biyyaaf murteessaa ta\u2019uus kaasaniiru. Qaama hojii barbaadu kallattiin ramaduun waan mootummaan raawwachuu qabu keessaa tokko ta\u2019us, dargaggoota hunda hojii mootummaa keessa galchuun waan hin danda&#8217;amneef dargaggoonni hojii dhuunfaa isaanii akka uummatan jajjabeessuufi haala mijeessuun walqabatee gara fuulduraatti ciminaan kan hojjetan ta&#8217;uu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Rakkoon hojii dhabdummaa rakkoo sadarkaa addunyaalessaatti mudatudha. Baayi\u2019naan hojii dhabdummaaf kan saaxilaman immoo dargaggootadha. Dhimmi dargaggoota dhuunfaanis ta\u2019e gurmiidhaan gara hojiitti galchuuf haala mijeessuu rakkoo hojii dhabdummaa qofa kan furu osoo hin taane adeemsa siyaasaa tasgabeessuuf baay\u2019ee murteessaadha. Aanaa Jiillee Dhummuugaatti dargaggoota carraa hojiin fayyadamoo taasisuun bakka barbaachisaa hin taanetti yeroo isaanii akka hin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5606,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5605"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5605"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5605\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5607,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5605\/revisions\/5607"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5606"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5605"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5605"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5605"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}