{"id":5614,"date":"2025-12-09T09:00:32","date_gmt":"2025-12-09T09:00:32","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5614"},"modified":"2025-12-09T09:00:32","modified_gmt":"2025-12-09T09:00:32","slug":"garee-dhaabbata-faannoo-uummata-amaaraa-waliigaltee-mootummaa-waliin-irra-gahe-ilaalchisee-ibsa-kenne","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/12\/09\/garee-dhaabbata-faannoo-uummata-amaaraa-waliigaltee-mootummaa-waliin-irra-gahe-ilaalchisee-ibsa-kenne\/","title":{"rendered":"Garee Dhaabbata Faannoo Uummata Amaaraa Waliigaltee Mootummaa Waliin Irra Gahe Ilaalchisee Ibsa Kenne"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Waliigalteen mootummaa naannoo Amaaraafi Dhaabbata\u00a0 Faannoo uummata Amaaraa gidduutti taasifame ummata keenyaaf abdii uumeera jechuun Kaapteen Masrashaa Saxxeen dubbataniiru. Kaapteen Maasrashaa Saxxee ibsa baasaniin, walitti bu\u2019iinsi naannicha keessatti adeemsifamaa jiru uummata naannichaa gadadoo, bu\u2019uuraalee misoomaafi gaaga\u2019ama dinagdee waan fiduuf waliigalteen kun barbaachisaa ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Dhimmoota waliigalticha keessatti ka\u2019an irra caalaan isaanii irratti waliigalteerra ga\u2019amuu himaniiru. Naannoo Amaaraa waliin hojjechuun walitti bu\u2019iinsa irraa bilisa taasisuuf waliigalteerra ga\u2019amuufi dhaabbileen idil-addunyaas deeggarsa ni taasisa jedhaniiru. Walitti bu\u2019iinsaafi lola keessatti mo\u2019ataafi moo&#8217;atamaan akka hin jirreefi ummataafi biyya akka miidhu qofa akka ta\u2019e ibsaniiru. Rakkoon mariidhaan hiikuun akka danda\u2019amuus ibsaniiru. Masiriifi Shaabiyaan Itoophiyaan dantaa biyyoolessaa amma qabdu akka hin kabajne hojjechaa jiru jedhanii, kunis karaa gareewwan adda bahanii biyyattii keessa jiran, ajandaa isaanii hojiirra oolchaa jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Dhimmi Asabiifi Galaana Diimaa Dhaabbata Ummata Faannoo Amaaraatiif dhimma du&#8217;aa ta&#8217;uu ibsuun, dantaa biyyaafi gaaffii ummataa eegsisuuf mootummaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qaamoleen biroos dantaa dhuunfaa dhiisanii dantaa biyyaa eegsisuuf akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.<\/p>\n<p>&#8220;Wayyaaneefi Shaabiyaan waggoota dheeraaf Itoophiyaa tasgabbii dhabsiisuuf hojjechaa turaniiru, ammas dachee Tigraay tasgabbii dhabsiisaa jiru. Haata&#8217;u malee qawwee osoo hin taane mariidhaan rakkoo furuuf dursi kennamuu akka qabus dubbataniiru. Humnoonni lamaan dachee Tigraay keessattis ta\u2019e guutummaa Itoophiyaa keessatti sababa amantiifi sabummaan jeequmsa uumuuf hojjechaa akka jiran ibsanii, rakkoo kana immoo tokko ta&#8217;anii waliin furuu akka qabanis ibsaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Waliigalteen mootummaa naannoo Amaaraafi Dhaabbata\u00a0 Faannoo uummata Amaaraa gidduutti taasifame ummata keenyaaf abdii uumeera jechuun Kaapteen Masrashaa Saxxeen dubbataniiru. Kaapteen Maasrashaa Saxxee ibsa baasaniin, walitti bu\u2019iinsi naannicha keessatti adeemsifamaa jiru uummata naannichaa gadadoo, bu\u2019uuraalee misoomaafi gaaga\u2019ama dinagdee waan fiduuf waliigalteen kun barbaachisaa ta\u2019uu ibsaniiru. Dhimmoota waliigalticha keessatti ka\u2019an irra caalaan isaanii irratti waliigalteerra ga\u2019amuu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5615,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5614"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5614"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5614\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5616,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5614\/revisions\/5616"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5615"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5614"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5614"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5614"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}