{"id":5617,"date":"2025-12-09T09:02:21","date_gmt":"2025-12-09T09:02:21","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5617"},"modified":"2025-12-09T09:02:21","modified_gmt":"2025-12-09T09:02:21","slug":"biyya-sabdaneetiifi-af-daneetti-qabnuuf-bulchiinsa-feederaalizimii-sirnaan-ijaaru-barbaada","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/12\/09\/biyya-sabdaneetiifi-af-daneetti-qabnuuf-bulchiinsa-feederaalizimii-sirnaan-ijaaru-barbaada\/","title":{"rendered":"Biyya Sabdaneetiifi Af-Daneetti Qabnuuf Bulchiinsa Feederaalizimii Sirnaan Ijaaru Barbaada"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Itoophiyaan uumamaan biyya sabdaneetiifi af-daneetti dha. Daangaa biyyattii Kallattii kamuu keessa yoo deemne aadaan, afaaniin, duudhaan, amantaafi kanneen biroon uummata sabdaneessa qabdi. Lafti biyyattis haala qillensaafi ta\u2019umsa lafaa gara garaa qabdi. Itoophiyaan qabeenya uumamaafi nam-tolcheen biyya badhaatedha. Bineensoota bosoonaafi beyledootaan,\u00a0 biqiltoota gosa garagaraan, laggeenfi tulluu babbareedon of keessatti haammatte jirti. Qabeenyi uumamaafi nam-tolchee qabdu hedduun biyyoota adunyaa biroo keessatti kan hin argamnedha. Qabeenyi biyyattii hundi kan Itoophiyaanootaa hundaati.<\/p>\n<p>Itoophiyaan kan Itoophiyaanootaati. Biyya dhiigaafi lafee lammilee hundaan eegamtee as geese jirti. Heera mootummaa biyyaattiin halli bulchiinsaafi gurmaa\u2019insa naannoolee afaaniifi sabaan ijaarame jira. Sirni feederaalizimii kun saboota lakkoofsaan xiqqaa ta\u2019an naanoolee garagaraa keessatti argamaniif abbantummaa biyyaa akka hin goonfanne taasisee jira. Kun baroottan darban hedduuf madda rakkoo nageenyaa tureera. Lammileen hedduun bakka jireenyaa isaanirraa buqqa\u2019aniiru, lubbuufi qabeenya isaanis dhabaniiru. Itoophiyaa kan Itoophiyaanootaa hundaa taasisuun rakkoolee walgaarefachuufi waldhibuu jaarmiyaalee siyaasaafi lammilee sirreessuun barbaachisaadha. Guyyaa sabaafi sablammoota guyyaa heera mootummaa biyyaatti ragga\u2019ee Sadaasa 29 bara 1987 sababeffachuun kabajama. Guyyaa sabaafi sablammoota yeroo kabajnu dhimoota\u00a0 heeraa mootummaafi hojiira olmaa sirna feederaalizimii biyyaatti yerootti ilaaluufi marii taasifnu ta\u2019u qaba.<\/p>\n<p>Tokkummaan Itoophiyaa haala aadaa, afaaniifi enyummaa saboota kamiyyuu osoo hin sarbamiin mirkaneessuf hoojirra olmaa feedeeraalizimii biyyattii sirreessuu barbaada. Gaaffiin kun naannoolee hedduu keessatti gaaffii marii biyyaaleessaf dhiyaatedha. Misooma biyyattii dhugoomsuuf nageenya waaraa barbaada. Biyyaattiin yoomiyyuu caalaa maraammartoo walitti bu\u2019insaafi waraanaa keessaa bahuu qabdi. Rakkolee biyyattii waaraan furuuf madda rakkoo biyyattii furuu barbaada. Biyya sabdanettiifi af-daneetti qabnuf bulchiinsa feederaalizimii sirnaan ijaaru barbaada. Lammileen hundi mirga bakkaa bakkatti socho\u2019uu, bakka barbaadan jiraachuu,bmirga hirmaannaa siyaasaa taasisuufi haaqummaan dinagdee biyyattii fayyadamuu goonfachisu barbaada.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Itoophiyaan uumamaan biyya sabdaneetiifi af-daneetti dha. Daangaa biyyattii Kallattii kamuu keessa yoo deemne aadaan, afaaniin, duudhaan, amantaafi kanneen biroon uummata sabdaneessa qabdi. Lafti biyyattis haala qillensaafi ta\u2019umsa lafaa gara garaa qabdi. Itoophiyaan qabeenya uumamaafi nam-tolcheen biyya badhaatedha. Bineensoota bosoonaafi beyledootaan,\u00a0 biqiltoota gosa garagaraan, laggeenfi tulluu babbareedon of keessatti haammatte jirti. Qabeenyi uumamaafi nam-tolchee qabdu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5618,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5617"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5617"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5617\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5619,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5617\/revisions\/5619"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5618"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5617"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5617"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5617"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}