{"id":5625,"date":"2025-12-26T05:37:32","date_gmt":"2025-12-26T05:37:32","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5625"},"modified":"2025-12-26T05:37:32","modified_gmt":"2025-12-26T05:37:32","slug":"bulchiinsi-salammii-oromoo-galii-birrii-biiliyoona-1-5-ol-walitti-qabuuf-hojjechaa-jiraachuu-beeksise","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/12\/26\/bulchiinsi-salammii-oromoo-galii-birrii-biiliyoona-1-5-ol-walitti-qabuuf-hojjechaa-jiraachuu-beeksise\/","title":{"rendered":"Bulchiinsi Salammii Oromoo Galii Birrii Biiliyoona 1.5 Ol Walitti Qabuuf Hojjechaa Jiraachuu Beeksise"},"content":{"rendered":"<p>Waajjirri Galii Bulchiinsa Magaalaa Kamisee warraaqsa gibiraafi sagantaa kaffaltoota gibiraa amanamoo ta\u2019aniif beekamtii kennuu geggeesseera. Sagantichaan kaffaltoota gibiraa amanamoo magaalattiif beekamtiin kennameera. Kaffaltoonni gibiraa magaalaa Kamisee waltajjicha irratti hirmaatan yaada AMECO&#8217;f kennaniin &#8220;maallaqa sassaabamaa tureen hojiileen misoomaa adda addaa magaalaa keenya keessatti hojjetamaa jiran argaa waan jirruuf gibira nurraa eegamu gammachuudhaan yeroon kaffalaa jirra&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Labsiin gibiraa fooyya\u2019aa waan jiruuf hojiin hubannoo uumuu cimee itti fufuu akka qabus ibsaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Mahaammad Juhaar, bara baajata 2018&#8217;tti galii idileefi tajaajila irraa Birrii miiliyoona 536 walitti qabuuf karoorsuun hojiitti seenuu ibsaniiru. Hanga ammaatti birriin miiliyoona 223 ol walitti qabamuu eeraniiru.\u00a0 Akkasumas yeroo garaagaraatti duulli hubannoo uumuu gibiraa geggeeffamaa\u00a0 jiraachuu kaasanii, gara fuulduraatti kaffaltoota gibiraa labsii gibiraa cabsan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhaniiru. Bulchiinsa magaalichaattis kaffaltoonni gibiraa, gibira isaanii bifa waraqaa irraa bilisa ta\u2019een bilbila isaaniitiin akka kaffalan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Shariif Qaasim bulchiinsi magaalichaa gama diinagdee maddisiisuutiin galii barbaachisaa ta\u2019e walitti qabaa kan hin jirre ta&#8217;uu himanii, madda galii hunda\u00a0 sirnaan walitti qabuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kantiibichi gaaffiin misoomaa hawaasa magaalattii yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiru ibsuun, kana deebisuuf kaffaltoonni gibiraa gibira isaanii yeroon kaffaluu akka qaban hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamtuun Qajeelcha Galiiwwanii Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Aminaat Huseen bara baajataa kanatti, galii Birrii Biiliyoona 1 tuqaa 5 ol walitti qabuuf karoorsuu himaniiru. Hanga ammaatti dhibbentaan 38 milkaa&#8217;uu dubbataniiru. Kaffaltoonni gibiraa galiin walitti qabamu deebi&#8217;ee dhaabbilee hawaasummaafi bu\u2019uuraalee misoomaa ijaaruuf waan ooluuf kana hubachuun gibira isaanii yeroon kaffaluu qabu jedhaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Waajjirri Galii Bulchiinsa Magaalaa Kamisee warraaqsa gibiraafi sagantaa kaffaltoota gibiraa amanamoo ta\u2019aniif beekamtii kennuu geggeesseera. Sagantichaan kaffaltoota gibiraa amanamoo magaalattiif beekamtiin kennameera. Kaffaltoonni gibiraa magaalaa Kamisee waltajjicha irratti hirmaatan yaada AMECO&#8217;f kennaniin &#8220;maallaqa sassaabamaa tureen hojiileen misoomaa adda addaa magaalaa keenya keessatti hojjetamaa jiran argaa waan jirruuf gibira nurraa eegamu gammachuudhaan yeroon kaffalaa jirra&#8221; jedhaniiru. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5626,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5625"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5625"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5625\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5627,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5625\/revisions\/5627"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5626"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5625"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5625"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5625"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}