{"id":5636,"date":"2025-12-26T06:22:46","date_gmt":"2025-12-26T06:22:46","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5636"},"modified":"2025-12-26T06:22:46","modified_gmt":"2025-12-26T06:22:46","slug":"sochii-misooma-jallisii-aanaa-dawaa-caffaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/12\/26\/sochii-misooma-jallisii-aanaa-dawaa-caffaa\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Sochii Misooma Jallisii Aanaa Dawaa Caffaa"},"content":{"rendered":"<p>Qonnaan bulaan Jamaal Daawud jiraataa aanaa Dawaa Caffaa ganda Tarafidha. Ooyiruu qonnaa isaanii yeroon qotuun sanyii fooyyee qabu akka argatan himaniiru. Xaa&#8217;oo uumamaa (kompostii) fi xaa&#8217;oo biyyee nam-tolchee fayyadamuun misooma jallisii bonaa kan hojjetan ta&#8217;uu bilbilaan nutti himaniiru. Yeroo ammaa ooyiruu isaanii bulleessanii qotanii sanyiif qopheessuu dubbataniiru. Baroota dhihoo asitti jallisii bonaa xiyyeeffannoon hojjedhee oomisha fooyyee qabu argachaan jira jedhaniiru. Qonnaan bulaan kun qamadii, raafuu maraafi timaatima ni oomishu. Akka qonnaan bulaan kun himanitti ooyiruu qotuu, bulleessuufi facaasuun qofti gahaa miti; oomisha gahaa argachuuf midhaan misoomerraa ilbisootaafi aramaa ittisuun barbaachisadha. Ooyiruu isaanii hektaara walakkaa ta\u2019u hoj-maata ogeessa qonnaan ajajaman sirnaan hojii irra oolchanii callaa qamadii kuntaala 15 ol jallisii bonaa irraa argachuu dubbataniiru. Akka qonnaan bulaan kun jedhanitti, jallisii bonaan galiin argatan kun fuulduraaf hojii kana babal\u2019isanii akka hojjetaniif kaka\u2019umsa guddaa horataniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa\u00a0 Dawaa Caffaa, Indris Mahaammad, aanichi haala qilleensaafi biyyee misooma qamadii bonaaf oolu qabaachuu kaasaniiru. Misooma qonnaa waqtii gannaa hojjetamu qofaan jijjiirama barbaadamu fiduun waan hin danda\u2019amneef mootummaan inisheetiivii misooma jallisii bonaa akka biyyaatti hojiirra oolchuu isaa dubbataniiru. Kanuma bu\u2019uureffachuun sadarkaa aanaa isaaniitti hojii warraaqsaa Jallisii qamadii bonaatti seenuu kaasaniiru. \u201dAanichi lafa jallisii bonaan misoomuu danda\u2019u hektaara kum 10fi 251 ol qabaachuu isaati kan himan. Itti gaafatamichi imaammata diriirfame hordofee carraa jirutti dhimma bahuun qabeenya bishaanii qisaasama tokko malee hojiirra oolchuun aanicha wiirtuu misooma qonnaa taasisuuf karoora qindaa\u2019e karoorfatanii hojii misooma jallisii jalqabuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Bara kana idileen lafa hektaara kuma jahaafi 293 haarawaan ammoo, hektaara kuma sadiifi 358 jallisiin misoomsuuf karoorsuu eeraniiru. Kana keessaa lafti hektaarri kuma shan qamadiin kan misoomfamu ta&#8217;uu kaasanii, kan hafe ammoo kuduraafi muduraa kanneen akka Raafuu maraa, Qaaraa, Qullubbii, Timaatimaafi Habahaabii tuteeffamaan misoomsuuf hojiitti seenuu isaanii jedhaniiru. \u2018\u2019Hanqinni dhiheessii akka hin mudanneef Xaa&#8217;oon Biyyee Nam-tolchee gama Yuuniyeenii Borkannaan Waldaa Hojii Gamtaaf raabsameera\u2019\u2019 kan jedhan itti gaafatamichi, Xaa&#8217;oon Uumamaas Meetir Kiyuubiin kuma 108 qophaa&#8217;uu dubbataniiru. Sirni jalqabsiisa jallisii baranaa ganda Gobayyaatti bakka hoggantoonni olaanoo Federaalaafi naannoo argamanitti jalqabsiifamuu yaadataniiru. Akka isaan jedhanitti, bara kana jallisii bonaan qonnaan bultoonni kuma 17fi 200 ol fayyadamoo ta&#8217;u.<\/p>\n<p>Ogeessota ogummaa qonnaa gahaa qabaniin deggarsaafi hubannoon barbaachisaan dhimma jallisii bonaarratti qonnaan bultootaaf kennamaa turuu ibsaniiru. Bara darbe fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran dabaluuf motora bishaanii lakkoofsaan 140\u00a0 ta\u2019u gatii madaalawaan qonnaan bultootaaf raabsuu himaniiru. Bara kanas mootummaa naannoo irraa motora bishaanii 14 argachuu kaasaniiru. Haalli kun bishaan gahaa jiru qonnaan bultoonni bifa salphaan fayyadamoo akka ta\u2019aniif kan gumaachu ta&#8217;uusaati kan himani. \u201cFuulduraaf misooma jallisii bonaan oomishtummaan keenya akka guddatuuf qonnaan bulaa keenya cinaa dhaabbachuu itti fufna\u201d kan jedhan itti itti gaafatamichi qonnaan bultootaafi horsiise bultoota oomisha jallisii waqtii bonaa kana irratti bobba\u2019aniif deggarsa ogummaa taasisuufi galteewwan qonnaas sirnaan kan dhihaatu ta\u2019uu addeessaniiru. Akkasaan jedhanitti, oomishni yeroo gahuttis walitti hidhamiinsi gabaa uumuuf Wajjira Daldalaa aanichaa waliin haala kan mijeessan ta&#8217;uus itti gaafatamichi kaasaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Qonnaan bulaan Jamaal Daawud jiraataa aanaa Dawaa Caffaa ganda Tarafidha. Ooyiruu qonnaa isaanii yeroon qotuun sanyii fooyyee qabu akka argatan himaniiru. Xaa&#8217;oo uumamaa (kompostii) fi xaa&#8217;oo biyyee nam-tolchee fayyadamuun misooma jallisii bonaa kan hojjetan ta&#8217;uu bilbilaan nutti himaniiru. Yeroo ammaa ooyiruu isaanii bulleessanii qotanii sanyiif qopheessuu dubbataniiru. Baroota dhihoo asitti jallisii bonaa xiyyeeffannoon hojjedhee oomisha [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5637,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5636"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5636"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5636\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5638,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5636\/revisions\/5638"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5637"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5636"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5636"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5636"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}