{"id":5677,"date":"2026-01-10T03:23:52","date_gmt":"2026-01-10T03:23:52","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5677"},"modified":"2026-01-10T03:23:52","modified_gmt":"2026-01-10T03:23:52","slug":"galii-gibiraa-buuura-misoomaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/01\/10\/galii-gibiraa-buuura-misoomaa\/","title":{"rendered":"Galii Gibiraa: Bu&#8217;uura Misoomaa"},"content":{"rendered":"<p>Maddoota galii mootummaa keessaa inni guddaan galii gibira lammiilee irraa walitti qabamudha. Mootummaanis, galii kana walitti qabuun hojii bu\u2019uuraalee misoomaa adda addaaf oolcha. Kaffaltoota gibiraa amanamoo keessaa tokko kan ta&#8217;an jiraataan magaalaa Kamisee Ahmad Abdallaa daldalaan jireenya isaanii akka geggeeffatan himaniiru. Gibira irraa eegamu waqtiin waan kaffalaniif kanaanis amanamummaa argachuun &#8216;kaffalaa gibiraa amanamaa&#8217; jedhamuun sagantaa beekamtiifi jajjabinaa qophaa&#8217;erratti badhaasa argachuu ibsaniiru. \u2018\u2019Galii argatan irraa bu\u2019uura qajeelfamni labsii gibiraa jedhuun waan itti murtaa\u2019e dhibaa\u2019ummaa tokko malee yeroon ofirraa kaffaluu dubbataniiru. maallaqa sassaabamaa tureen hojiileen misoomaa adda addaa magaalaa keenya keessatti hojjetamaa jiran argaa waan jirruuf gibira nurraa eegamu gammachuun yeroon kaffalaa jirra\u2019\u2019 jedhaniiru.<\/p>\n<p>Obbo Gammadaa Guutaa Qajeelcha Galiiwwanii Bulchiinsa Sablammii Oromootti Qindeessaa Adeemsa Hojii Barumsa Gibiraafi Qunnamtiiti. \u201cGibirri hojii hojjennuuf bu\u2019aa argannu irraa ka\u2019uun dhibbentaa muraasa qajeelfama irratti hundaa\u2019uun galii mootummaaf kafalamudha\u201d jedhaniiru. Biyyoota badhaadhan keessatti gibira kaffaluun akka nama maatiif waan barbarbaachisaa guutuuf baajata\u00a0 ramaduutti kan fudhatamu ta&#8217;uu obbo Gammadaan himaniiru. Hawaasni gibira amanamummaafi yeroon akka kaffaluuf hojiin dadammaqsuu, seera gibiraafi taaksii kabachiisuu gama qajeelchichaan hojjetamuu addeessaniiru. Obbo Gammadaan, adeemsa bittaafi gurgurtaa keessatti nagahee kennuufi gaafatanii fudhachuu dhabuun gibirarratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu akka rakkootti kaasaniiru.<\/p>\n<p>Daldalaan galii dhoksuun gibira waliin dhahuuf yaaluuniifi sirni daldalaa ammayyaawaa ta\u2019e dhabamuun sababoota galii gibiraafi taaksii irratti gufuu ta\u2019aa jiran ta\u2019uu eeraniiru. &#8221;Seera gibiraafi taaksii kabachiisuuf hunduu qaama gibiraafi taaksii dhoksuufi waliin dhahuu saaxiluu qabna\u201d jedhaniiru. Rakkicha furuun kan bara darbee caalaatti galii walitti qabuuf hubannoon kaffaltoota gibiraa kuma 11 oliif dhimma gibiraarratti kennamuu himaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamtuun Qajeelcha Galiiwwanii Bulchiinsichaa aadde Amiinaat Huseen \u201cbara baajataa kanatti galii idileefi tajaajila magaalotaa irraa birrii biiliyoona tokko tuqaa 5 ol walitti qabuuf karoorfanneerra\u201d jedhaniiru. Kanaanis, hanga gabaasni kun qindaa\u2019etti, birriin Miiliyoona 569 ol walitti qabameera. Karoorri qabame dhibbentaa 38 ol milkaa&#8217;uusaa kaasanii, karoora bara darbeen wal bira qabamee yoo madaalamu dhibbentaa 62 oliin guddina agarsiisuu ibsaniiru. Aadde Amiinat bulchiinsichatti, lakkoofsi kaffaltoota gibiraa sadarkaa \u2018A\u2019 hanga \u2018C\u2019tti jiran waliigalaan Kuma 11tti kan siiqan ta&#8217;uu dubbataniiru. \u201cKaffaltoota gibiraa dirqamasaanii beekuun yeroon gibira kanfalaniif beekamtii kennuun jajjabeessaa jirra\u201d kan jedhan aadde Amiinat, kunis kanneen kanfaluurratti gara boodaatti harkifatan kakaasuuf shoora qabaachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Waliin gahiinsa gibiraarratti haalaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. \u2018\u2019Mootummaan qabeenya gahaa of harkaa hin qabne gaaffii misoomaa hawaasni gaafatu deebisuu hin danda\u2019u\u2019\u2019 kan jedhan itti gaafatamtuun kun, galii mootummaa dabaluuf kaffaltoonni gibiraa dirqama qaban bahachuun barbaachisaa ta\u2019uu hubachiisaniiru. Gaaffiin misoomaa hawaasa bulchiinsichaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiru kan himan itti gaafatamtuun kun, kanaaf deebii si&#8217;ataa kennuuf kaffaltoonni gibiraa yeroon kaffaluu akka qaban hubachiisaniiru. Akkasaan jedhanitti, galiin walitti qabamu deebi&#8217;ee dhaabbilee hawaasummaafi bu\u2019uuraalee misoomaa ijaaruuf waan ooludha. Fedhiin misoomaa dabaluun qofti faayidaa kan hin qabne ta\u2019uu kaasanii, qaamni galii argatu tokko galiisaa giddugaleeffatee gibira yeroon kaffaluu amaleeffachuu qaba jechuun hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maddoota galii mootummaa keessaa inni guddaan galii gibira lammiilee irraa walitti qabamudha. Mootummaanis, galii kana walitti qabuun hojii bu\u2019uuraalee misoomaa adda addaaf oolcha. Kaffaltoota gibiraa amanamoo keessaa tokko kan ta&#8217;an jiraataan magaalaa Kamisee Ahmad Abdallaa daldalaan jireenya isaanii akka geggeeffatan himaniiru. Gibira irraa eegamu waqtiin waan kaffalaniif kanaanis amanamummaa argachuun &#8216;kaffalaa gibiraa amanamaa&#8217; jedhamuun sagantaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5678,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5677"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5677"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5677\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5679,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5677\/revisions\/5679"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5678"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5677"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5677"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5677"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}