{"id":5687,"date":"2026-01-10T03:34:31","date_gmt":"2026-01-10T03:34:31","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5687"},"modified":"2026-01-10T03:34:31","modified_gmt":"2026-01-10T03:34:31","slug":"seera-idil-addunyaafi-dhimma-nikolaas-maaduroo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/01\/10\/seera-idil-addunyaafi-dhimma-nikolaas-maaduroo\/","title":{"rendered":"Seera Idil-addunyaafi Dhimma Nikolaas Maaduroo"},"content":{"rendered":"<p>Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii haleellaa Amerikaan Veenzuweelaa irratti raawwatte balaaleffateera. \u00a0Ogeessi olaanaa farra shororkeessummaafi mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ben Saa\u2019ol, haleellaa Amerikaa Veenzuweelaa irratti raawwate \u201chaleellaa seeraan alaadha\u201d jechuun balaaleffateera. Saa\u2019ol ibsa isaan \u201chaleellaa seeraan alaa Amerikaan hoogganaa Veenzuweelaa Nikolaas Maaduroofi haadha warraa isaa seeraan alaan hidhuu nan balaaleffadha, lubbuun lammii Veenzuweelaa darbe hundi mirga lubbuun jiraachuu sarbuudha\u201d jedheera. Mootummaan Veenzuweelaa duraan, Ameerikaan dhaabbilee siiviilii fi waraanaa kutaalee biyyattii hedduu keessatti haleellaa raawwatte jechuun himateera; labsii hatattamaa biyyaalessaas labseera.<\/p>\n<p>Tiraampi immoo miidiyaa hawaasaa isaanii &#8216;Truth Social&#8217; irratti, haleellaa bal\u2019aa raawwateefi pirezidaantii Veenzuweelaa Nikolaas Maaduroofi haadha warraa isaa qabee biyya keessaa baase jedheera. Haleellaan kun kan raawwatame erga Ameerikaa waliin ji&#8217;ootaaf waldhabdee uumamee booda yoo ta&#8217;u, Ameerikaan Maaduroo daldala qoricha sammuu namaa hadoochu keessatti harka qaba jettee himatte. Maaduroon garuu himannaa kana mormuun, \u201cAmerikaan qabeenya boba\u2019aa Veenzuweelaa to\u2019achuuf yaalaa jirti\u201d jechuun, marii geggeessuuf qophii ta\u2019uu ibsee ture. Humni addaa Ameerikaa Veenzuweelaa irratti haleellaa raawwachuun pirezidaantii yeroo dheeraa biyyattii Nikolaas Maaduroo qabuufi biyya keessaa baasuusaa hordofee Miseensonni Gamtaa Awurooppaa 26 Dilbata darbe ibsa waliin baasuun haleellaa waraanaa Ameerikaan Veenzuweelaa irratti raawwatteen walqabatee, nageenya obsaafi seera idil-addunyaa kabajamuu akka qabu gaafataniiru.<\/p>\n<p>Hoggantuun imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kaja Kallas, \u201cGamtaan Awurooppaa hundi obsaafi tasgabbii akka qabaatan waamichan dhiheessa. Seera idil-addunyaafi heera Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroo hunda kabajamuu qaba,\u201d jetteetti. Ibsi kun, miseensota gamtichaa mana maree nageenyaatti gaafatamummaa addaa qaban akka seera idil-addunyaa tiksan kan yaadachiisedha. Mirgi uummata Veenzuweelaa ofiin murteeffachuu akka kabajamuus gaafateera. Barreessaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerees, tarkaanfii Ameerikaan Veenzuweelaa irratti fudhatteen &#8221;seerri idil-addunyaa kabajamuu hafuun akkaan nama yaaddessa,&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii haleellaa Amerikaan Veenzuweelaa irratti raawwatte balaaleffateera. \u00a0Ogeessi olaanaa farra shororkeessummaafi mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ben Saa\u2019ol, haleellaa Amerikaa Veenzuweelaa irratti raawwate \u201chaleellaa seeraan alaadha\u201d jechuun balaaleffateera. Saa\u2019ol ibsa isaan \u201chaleellaa seeraan alaa Amerikaan hoogganaa Veenzuweelaa Nikolaas Maaduroofi haadha warraa isaa seeraan alaan hidhuu nan balaaleffadha, lubbuun lammii Veenzuweelaa darbe hundi mirga [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5688,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5687"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5687"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5687\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5689,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5687\/revisions\/5689"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5688"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5687"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5687"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5687"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}