{"id":5697,"date":"2026-01-24T08:17:21","date_gmt":"2026-01-24T08:17:21","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5697"},"modified":"2026-01-24T08:17:21","modified_gmt":"2026-01-24T08:17:21","slug":"mariin-biyyaalessaa-milkaainaan-sadarkaa-xumuraa-irra-gahuu-afa-yaaiin-mana-maree-bakka-buoota-uummataa-himan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/01\/24\/mariin-biyyaalessaa-milkaainaan-sadarkaa-xumuraa-irra-gahuu-afa-yaaiin-mana-maree-bakka-buoota-uummataa-himan\/","title":{"rendered":"Mariin Biyyaalessaa Milkaa\u2019inaan Sadarkaa Xumuraa Irra Gahuu Afa-Yaa\u2019iin Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa Himan"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Akka Afa-yaa\u2019iin Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa Taaggasa Caafoo jedhanitti, Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisee marsaa murteessaafi xumuraa irra ga\u2019eera. Bu\u2019uura Labsii Mana Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataa Lakk. 1265\/2026 Komishinichi dhimmoota bu\u2019uuraa biyyaalessaa irratti marii uummataa bal\u2019aafi hunda hammateen waliigaltee biyyaalessaa ijaaruuf hojjechaa jira. Kanumaan walqabsiisuun, afa-yaa\u2019ichi dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa mariif mijatoo ta\u2019an irratti adeemsa qooda fudhattootaafi ajandaa walitti qabuu milkaa\u2019inaan geggeessuun amma sadarkaa xumuraa irra ga\u2019uu isaa dubbataniiru.<\/p>\n<p>Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaanota dhimma biyyaalessaa irratti gadi fageenyaan yaada qaban karaa hirmaannaa hiika qabuun deggarameen adeemsa marii cimaa gaggeessaa akka jiru Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru. Akka isaan jedhanitti, adeemsi marii ijoo kun gama mootummoota naannolee, bulchiinsa magaalotaafi hawaasa diyaaspooraa keessatti gegeeffamuuf ajandaalee walitti qabuufi hirmaattota adda baasuun komishinichi milkaa\u2019ina argateera. Adeemsa marii kana irratti dhaabbileen hawaasummaa, barsiisonni yuunivarsiitiifi kutaalee hawaasaa biroo dabalatee qooda fudhattoonni adda addaa hirmaachuu isaanii ibsaniiru. Kun adeemsa marii adda ta\u2019eefi milkaa\u2019aa ta\u2019e, kan Itoophiyaanonni yaadaafi fedhii biyya isaanii fayyada jedhanii amanan ittiin gumaachanidha.<\/p>\n<p>Afa-yaa\u2019ichi, marii marsaa dhumaa hojiirra oolchuufi qajeelchuuf malleen ifa ta\u2019an waan qophaa\u2019aniif, hojiin hafe milkaa\u2019inaan akka xumuramuuf qooda fudhattoonni hundi itti gaafatamummaa isaanii akka ba\u2019ataniif waamicha dhiheessaniiru. Dabaluunis, dhimmoonni seenaa, seeraafi bulchiinsa waliin walqabatan mariidhaan furmaata argachuu kan danda\u2019an yoo ta\u2019u, mariin biyyaalessaa kana taasisuuuf carraa murteessaa kan kennu ta\u2019uu ibsaniiru. Itoophiyaan biyya dandeettiifi qabeenya guddaa qabdu ta\u2019uu ibsuun, Itoophiyaanonni mariifi waliigalteedhaan bu\u2019aa dinqisiisaa galmeessuu akka danda\u2019an dubbataniiru. Manni Maree Bakka Bu\u2019oota Ummataa adeemsa marii biyyaalessaa, seera baasuu irraa kaasee hanga dhaabbilee sochii guyyaa guyyaa isaa itti dhiheenyaan hordofan hundeessuun deggarsa walitti fufiinsa qabu taasisaa tureera. Afa-yaa\u2019ichi mootummaan bu\u2019aa marii kanaa fedhiifi murtee uummataa bakka bu\u2019u hojiirra oolchuuf qophii ta\u2019uu mirkaneessaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Akka Afa-yaa\u2019iin Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa Taaggasa Caafoo jedhanitti, Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisee marsaa murteessaafi xumuraa irra ga\u2019eera. Bu\u2019uura Labsii Mana Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataa Lakk. 1265\/2026 Komishinichi dhimmoota bu\u2019uuraa biyyaalessaa irratti marii uummataa bal\u2019aafi hunda hammateen waliigaltee biyyaalessaa ijaaruuf hojjechaa jira. Kanumaan walqabsiisuun, afa-yaa\u2019ichi dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa mariif mijatoo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5698,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5697"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5697"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5697\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5699,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5697\/revisions\/5699"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5698"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5697"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5697"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5697"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}