{"id":5700,"date":"2026-01-24T08:21:10","date_gmt":"2026-01-24T08:21:10","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5700"},"modified":"2026-01-24T08:21:10","modified_gmt":"2026-01-24T08:21:10","slug":"giddu-galli-daldala-ammayyeessuu-dandau-eebbifame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/01\/24\/giddu-galli-daldala-ammayyeessuu-dandau-eebbifame\/","title":{"rendered":"Giddu-Galli Daldala Ammayyeessuu Danda\u2019u Eebbifame"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaatti Giddu-galli Oomisha Qonnaafi Gabaa Boorchellee Sadarkaa 2ffaa birrii miiliyoona 120&#8217;n ijaarame Eebbifameera. Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhaminsa Naannoo Kassahun Goofee (Dr), haasawa saganticharratti taasisaniin, cabinsa sirna daldaalaa suphuudhaan gabaa ammayyeessuufi bu\u2019uuraalee gabaa dhiyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eWiirtuuwwan daldalaafi gabaa babal\u2019isuun alattis, baasii jireenyaa tasgabbeessuufi dijiitaala gochuun hawaasa fayyadamoo taasisuuf tattaaffiin taasifamu cimee kan itti fufu ta\u2019uu ibsaniiru. Daldaala gargar ciccitaa jiru walitti qabuu, misoomsuufi dijiitaala gochuun hojiin daldaala kanaaf haala mijeessuuf hojjetame bu\u2019aa gaarii argamsiisus ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eSadarkaa Itti Aanaa Bulchaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Magaalaa Naannoo Amaaraa,\u00a0 Ahmaddiin Muhaammad (Dr) nagaa naannichaa eeguun alattis pirojektoota nama irratti xiyyeeffatan xiyyeeffannoon kennamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Magaalota keessatti wiirtuuwwan gabaa ijaaruufi babal\u2019isuun oomishaalee hawaasaaf gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun baasii jireenyaa hir\u2019isuufi gabaa tasgabbeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru cimuun bu\u2019aa galmeessisuun itti fufa jedhaniiru. Itti gaafatamaan Biiroo Daldalaafi Misooma Gabaa Naannoo Amaaraa, Ibraahim Muhammad (Dr), bu\u2019uuraaleen gabaa baasii jireenyaa tasgabbeessuuf murteessaa ta\u2019uu ibsaniiru. Gabaa kana tasgabbeessuuf godinaalee naannichaa adda addaatti wiirtuuleen gabaa ijaaramanii hojiitti galuu isaanii eeraniiru. Bara kanas naannichi wiirtuuwwan daldaala babal\u2019isuufi fooyyessuuf birrii biiliyoona walakkaanii ol ramaduu isaa ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eKantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaa obbo Mohaammad Amiin, hawaasni mootummaa waliin ta&#8217;uun nagaa magaalichaa mirkaneessuufi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhaniiru<\/p>\n<p>\u200eGiddu-galli daldalaa ammayyaa Birrii miiliyoona 120&#8217;n ijaarame eebbifamuu isaa beeksisaniiru. Giddugalichi oomishaalee industiriifi qonnaa gatii madaalawaadhaan hawaasaaf dhiyeessuu, oomishtootaafi fayyadamtoota kallattiin kan walqunnamsiisu ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eEebba kanarratti ministiroonni Federaalaafi Deetaa ministeerotaa, hoggantoonni biiroowwan daldalaafi misooma gabaa naannolee hundarraa, hoggantoonni bulchiinsa magaalaafi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.<\/p>\n<p>\u200eMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaatti Giddu-galli Oomisha Qonnaafi Gabaa Boorchellee Sadarkaa 2ffaa birrii miiliyoona 120&#8217;n ijaarame Eebbifameera. Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhaminsa Naannoo Kassahun Goofee (Dr), haasawa saganticharratti taasisaniin, cabinsa sirna daldaalaa suphuudhaan gabaa ammayyeessuufi bu\u2019uuraalee gabaa dhiyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru. \u200eWiirtuuwwan daldalaafi gabaa babal\u2019isuun alattis, baasii jireenyaa tasgabbeessuufi dijiitaala gochuun hawaasa fayyadamoo taasisuuf tattaaffiin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5701,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5700"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5700"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5700\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5702,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5700\/revisions\/5702"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5701"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5700"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5700"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5700"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}