{"id":5715,"date":"2026-01-24T08:35:03","date_gmt":"2026-01-24T08:35:03","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5715"},"modified":"2026-01-24T08:35:03","modified_gmt":"2026-01-24T08:35:03","slug":"nageenyi-hawaasa-hirmaachise-hundee-cimaa-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/01\/24\/nageenyi-hawaasa-hirmaachise-hundee-cimaa-qaba\/","title":{"rendered":"Nageenyi Hawaasa Hirmaachise Hundee Cimaa Qaba"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Nageenyi ofirraa kan jalqabu yoo ta&#8217;u hawaasa keessa jirraannu keessatti ollaan ofii, nannoofi biyyi ofii yoo nagaa argate malee namni dhuunfaa qofaatti nagaa argatee jiraachuu hin danada&#8217;uu. Sababni isaas nageenya\u00a0keenya mirkaneessuuf naannoofi uumama biroo waliin nageenya qabnu mirkaneessuun barbaachisadha.<\/p>\n<p>Uummanni Bulchiinsa sablammii Oromoo yeroo durii eegalee aanaaleefi godinaalee olloota isaa waliin walitti dhufeenya cimaadhaan waliin jiraachaa kan har&#8217;a gahedha. Keessumaa immoo bulchiinsi sablammii Oromoo aanaa Jillee Dhummugaa aanaota godinoota Shawaa Kaabaa aanaa Antsokiyaa Gamzaafi Shawaa Roobit akkasumas aanota Affaar keessa aanaa Addelalaa waliin kan wal daangessanidha.\u00a0 Hata\u2019u malee sababa humnoota seera dhabeessaan hidhatanii socho\u2019aa turaniin kan ka\u2019e rakkoon nageenyaa naannawa kanatti uumamaa tureera. Uumanni kun waggoottan muraasa darban keessa summii nageenyaa qaamootni seeraan ala hidhatanii bosona jiran facaasaniin wal dhabdeen hawaasa gidduutti akka ka\u2019uf yaalii taasisaniis shirri isaanii fashala\u2019uu danda\u2019era. Uummanni kaayyoo farreen nageenya kana hubatee nageenya isaa eeggachuuf aanota ollaatin\u00a0 yeroodhaa gara yerootti mari&#8217;achaa dhufuun nageenya waaraa buusuu irratti kan argamanidha. Kunis tattaaffii\u00a0 hoggantootni aanota kanneenii taasisaniin, hirmaannaa uummataafi qaamoleen nageenya taasisaniin yeroo ammaa nageenyi waaraan aanota ollaa gidduutti argamuu danda&#8217;eera.<\/p>\n<p>Obbo Aliyyii Ibraahim jiraataa aanaa Jiillee Dhummuugaa ganda Baxxeeti. Baroottan muraasa darban keessa rakkoon nageenyaa muudachaa turuu kaasanii, yeroo ammaa garuu hirmaannaa hawaasni taasiseen nageenyi waaraan aanichatti argamuu ibsaniiru. Tattaaffi hawaasniifi gahe qabeessonni hundi taasisaniin yeroo ammaa aanota ollaa kanneen waliin nagaan jiraachaa kan jiran ta&#8217;uus dubbataniiru. \u2018\u2019Ollaa waliin nagaan kan hin jiraanne yoo ta&#8217;e gufuuwwan misoomaafi kasaaraa lubbuu namaa geessisuu danda&#8217;a\u2019\u2019 jedhaniiru. Yeroo ammaa hawaasni qaamolee maqaa uummataatiin daldaalan irratti dammaquufi shira siyaasa isaanii hubachuun nageenya isaafi misooma qofa irratti xiyyeefatee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa immoo hawaasa aanota ollaa\u00a0 isaanii magaaloota Axaayeefi Shawaa Roobit waliin iddoo tokko oolanii kan galan ta&#8217;uu eraniiru. Misooma isaanis tokkummaan waliin hojjachuu ibsaaniiru. Gara fuulduraattis waliin jireenya saboota kanaa cimsuuf gahe qabeessonni hundi isaan bira dhaabbachuu akka qaban dhaamaniru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Hawaasni yeroo ammaa barbaachisummaa nageenyaa hubatee tokkummaan aanota ollaa waliin nageenya isaa eeggachaa jira\u2019\u2019 jechuun aanichatti barsiisaa mana barumsaa Sanbatee, Umar Mahaammad ibsaniiru. Manneen barnootaa aanicha keessa jiran rakkoo nageenyaa tokko malee yeroo ammaa haala gaaridhaan barnoota itti fufanii jiraachuu kaasaniiru. Gama barnootaan aanota ollaa waliin ta&#8217;uun yeroodhaa gara yerootti gaaffif deebiwwan garagaraa qopheessun barattoota aanota ollaa waliin hirmaachiisaa turuu dubbataniiru. Kana malees sosochiiwwan ispoortii dabaree dabareedhaan aanota godina Shawaa Kaabaa waliin qopheessuun jaalalliifi walitti dhufeenyi saboota kanneenii cimee akka itti fufuuf hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan qajeelcha nageenyafi callisaa bulchiinsa sablammii Oromoo, obbo Awwal Indiriis bulchiinsa sablammichatti gaheen hawaasni nageenya isaa eeggachuu keesaati qabu guddaa ta&#8217;uu eeruniiru. Nageenya akka bulchiinsichaatti\u00a0 argame kanaaf gahee guddaa kan taphate hirmaannaa hawaasichaati jedhaniiru. Hawaasni sablamichaa durii eegalee aanota ollaafi saboota biroon wal kabajee baroota dheeraaf waliin jiraachaa turuu isaanii dubbataniiru. Uummanni ollootaa shira gareewwan seeraan alaan hidhatanii socho\u2019aa turan kana hubachuun hirmaannnaa waliin taasisaniin garee kana of gidduudhaa baasuun nageenya waaraa fiduu isaanii ibsaniru.<\/p>\n<p>Haaluma kanaan mootummaanis hirmaannaa hawaasaa bira dhaabbachuun nageenya aanota kanneenii tiksuuf yeroodhaa gara yerootti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasnis walitti dhufee hariiroo isaa akka cimsuuf hojjechaa jira jedhaniiru. Keessumaa hawaasni aanota kanneenii gabaa walii deemanii akka daldalaniif akkasumas ayyaanota garagaraa waliin akka kabajaniif xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Walitti dhufeenya bulchiinsi sablamichaa aanota ollaa waliin qabu jabeessanii itti fufsiisuuf hubannoo hawaasaaf uumuun uummanni abbaa nageenyaa ta&#8217;ee nageenya isaa tiksuu qabus dubbataniiru. Dhumarrattis kaayyoon garee hidhattootaa biyya diiguufi uummata walitti buusuu waan ta&#8217;eef uummanni ammas kana hubatee shira isaanii akka saaxiluufii mootummaa waliin ta&#8217;ee nageenya biyyaa, eegaa sabootaa biroo waliin nagaan jiraachuu akka qabu dhaama<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Nageenyi ofirraa kan jalqabu yoo ta&#8217;u hawaasa keessa jirraannu keessatti ollaan ofii, nannoofi biyyi ofii yoo nagaa argate malee namni dhuunfaa qofaatti nagaa argatee jiraachuu hin danada&#8217;uu. Sababni isaas nageenya\u00a0keenya mirkaneessuuf naannoofi uumama biroo waliin nageenya qabnu mirkaneessuun barbaachisadha. Uummanni Bulchiinsa sablammii Oromoo yeroo durii eegalee aanaaleefi godinaalee olloota isaa waliin walitti dhufeenya cimaadhaan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5716,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5715"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5715"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5715\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5717,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5715\/revisions\/5717"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5716"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5715"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5715"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5715"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}