{"id":5718,"date":"2026-01-24T08:39:21","date_gmt":"2026-01-24T08:39:21","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5718"},"modified":"2026-01-24T08:39:21","modified_gmt":"2026-01-24T08:39:21","slug":"sirna-dijitaalaa-hojmaata-ammayyessuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/01\/24\/sirna-dijitaalaa-hojmaata-ammayyessuu\/","title":{"rendered":"Sirna Dijitaalaa Hojmaata Ammayyessuu"},"content":{"rendered":"<p><strong>\u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>Sirni dijitaalaa hoj-maata badaa ittisuurra darbee tajaajila si\u2019ataa kennuuf gahee guddaa qaba. Itoophiyaan bara 2030 Afriikaatti walitti hidhamiinsa dijitaalaa, sirna faayinaansii hammataafi tajaajila si\u2019ataa mirkaneessuuf carraaqqii taasitu keessatti Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa utubaa ijoo ta\u2019ee akka tajaajilu ni dubbatama. Akka biyyaatti tajaajilamaafi tajaajiltoota gidduutti wal amantaafi iftoominni akka guddatuuf sirni mijataan akka jiraatuuf waraqichi hojiitti galeera.<\/p>\n<p>Jiraataan magaalaa Kamisee Addunyaa Siyyum \u201dhubannoon argadheen waraqaan eenyummeessaa kun faayidaa inni qabu hubadhee yeroo ammaa of harka galchadheera\u201d jedhaniiru. Duraan namni tokko waraqaa eenyummaa garaagaraa maqaasaatiin qabatee socho\u2019aa turuu kaasanii, kan dijitaalaa kun daldalaafi kenninsa tajaajila hawaasummaa keessatti gochoota waliin dha\u2019iinsaafi seer-alummaa hambisuuf gumaacha qabaachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Bulchiinsa Sablammii Oromootti Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa obbo Addisuu Barrihuun, hojiirra oolmaan imaammata dijitaalaa, uummanni tajaajiloota teekinooloojii garaagaraa akka fayyadamu carraa banuusaa kaasaniiru. Akka fakkeenyaatti mala kaffaltii elektirooniksii, waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaafi teekinooloojiiwwan biroo fayyadamuun akka jalqabu taasiseera jechuun eeraniiru.<\/p>\n<p>Waraqaan eenyummaa dijitaalaa dhaabbilee tajaajila hawaasummaa kennan garaagaraa waliin walitti hidhamiinsa waan qabuuf tajaajiloota hunda hammataa kennuu danda\u2019a jedhan itti gaafatamichi. Obbo Addisuun \u2018\u2019waraqaawwan eenyummaa biroo bakka bu\u2019uun akka waraqaa eenyummaa bu\u2019uuraa tokkootti fudhatamuu kan danda\u2019udha\u2019\u2019 jedhaniiru. Hoj-maanni dijitaalaa saffisa hojiif, dogoggora sirreessuufi yeroo qusachuuf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru. Sirna daldalaafi kenninsa tajaajilaa keessatti hoj-maata seeraan alaa raawwatamuu malu ammayyeessuufi dijitaalessuun gochoota badaa ta\u2019an hir\u2019isuuf gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru. Yeroo ammaa magaalonni gurguddoo tokko tokko hoj-maata isaanii dijiitaala taasisaa jiraachuu kaasanii, kunis tajaajila ariifataa kennuu bira darbee hoj-maata badaa ittisuuf kan dandeessisudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Bulchiinsichatti hawaasni naannawaa magaalaa jiraatu waraqicha argachuuf galmaa&#8217;anii fudhachaa jiraachuu eeranii, hojjettoonni mootummaa guutummaatti baafahuu hubachiisaniiru. Hawaasa kutaalee baadiyyaa bulchiinsichaa itti fayyadamtoota waraqichaa taasisuuf hojii hubannoo dhimma kanarratti kennuuf gahe qabeessota waliin hanga gandaatti gadi bu&#8217;anii xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Gara fuulduraatti dhaabbileen bulchiinsichaa waraqaa dijitaalaan tajaajila akka kennaniif hubannoo dhaabbileef kennuu isaa ibsaniiru. Dhaabbilee bulchiinsicha keessatti argaman kanneen akka Teelee, Baankii, Mana Murtii, Waajjira Poolisii, Waajjira Tajaajila Bishaan dhugaatiifi dhaabbileen biroo yeroo muraasaan boodatti Waraqaa Dijitaalaan tajaajila kennuu akka jalqabaniif irratti hojjechaa jirra jedhaniiru.<\/p>\n<p>Ministirri Muummee Abiy Ahimad (Dr) sagantaa jalqabsiisa dijitaala Itoophiyaa 2030 irratti argamuun ibsa kennaniin, dijitaalli Itoophiyaa 2025 milkaa\u2019inaan hojiirra ooluun xumuramuu ibsaniiru. Tarsiimoo dijitaala Itoophiyaa 2025 milkaa&#8217;inaan goolabameen bu\u2019ii ba\u2019ii manneen hojii mootummaa hangam hammaataa akka ta&#8217;e ifatti kan ittiin adda bahedha jedhaniiru. Haasaa taasisaniin, dijitaala Itoophiyaa 2030 jalqabameen mootummaan hoj-maata badaafi dadhabbii guutummaatti kan ittiin hambisu ta&#8217;uu dubbataniiru. 2030&#8217;ttis sirna dijitaalaa magaalota gidduutti babal&#8217;isuun hannaafi gidiraa hambisuuf kan hojjetamu ta&#8217;uu eeraniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0\u00a0 Sirni dijitaalaa hoj-maata badaa ittisuurra darbee tajaajila si\u2019ataa kennuuf gahee guddaa qaba. Itoophiyaan bara 2030 Afriikaatti walitti hidhamiinsa dijitaalaa, sirna faayinaansii hammataafi tajaajila si\u2019ataa mirkaneessuuf carraaqqii taasitu keessatti Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa utubaa ijoo ta\u2019ee akka tajaajilu ni dubbatama. Akka biyyaatti tajaajilamaafi tajaajiltoota gidduutti wal amantaafi iftoominni akka guddatuuf sirni mijataan akka jiraatuuf waraqichi hojiitti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5719,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5718"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5718"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5718\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5720,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5718\/revisions\/5720"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5719"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5718"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5718"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5718"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}