{"id":5724,"date":"2026-01-24T08:43:43","date_gmt":"2026-01-24T08:43:43","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5724"},"modified":"2026-01-24T08:43:43","modified_gmt":"2026-01-24T08:43:43","slug":"ameerikaan-biyyoota-75-irratti-uggura-viizaa-godaantotaa-labsite","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/01\/24\/ameerikaan-biyyoota-75-irratti-uggura-viizaa-godaantotaa-labsite\/","title":{"rendered":"Ameerikaan Biyyoota 75 Irratti Uggura Viizaa Godaantotaa Labsite"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ameerikaan lammiilee biyyoota 75&#8217;f kenniinsa viizaa godaantotaa yeroo hin murtoofneef dhaabuu ifoomsiteetti. Biyyoota kanneen keessa Itoophiyaa, Eertiraa, Misrii, Somaaliyaa, Sudaaniifi Sudaan Kibbaa biyyoota uggura kana jalatti eeramanidha. Murteen viizaa dhaabuu kun kan darbe Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa hoj-maata sakatta\u2019insa iyyattootaaf irra deebi\u2019ee madaaluuf murteeffachuu akka ta\u2019e ibsameera.\u00a0 Qajeelfamni Ministeera Dhimma Alaa kun iyyattoota \u201cmootummaa\u00a0 irratti hirkachuu danda\u2019an adda baasuuf\u201d\u00a0 jecha, qondaaltonni qoonsilaa Ameerikaa viizaa kennuu akka dhaaban qajeelfamni kennameera. Adeemsi viizaa dhaabuu kun Amajji 13 bara 2018 irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta\u2019u, hanga adeemsi qorannoo xumuramutti viizaa kennuun yeroo hin murtoofneefi akka dhaabbatu himameera.<\/p>\n<p>Akka lakkoofsa Awuroppaa Sadaasa bara 2025 Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Imbaasiiwwan biyyattii addunyaa irra jiran maraaf xalayaa barreesseen, qondaaltonni qoonsilaa tumaa seera immigireeshinii Paabliki Chaarji (Public charge) jedhamu jalatti tarkaanfiiwwan seera qorannoo fooyya\u2019aa akka hojiirra oolchan ajajeera.\u00a0 Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa biyyattii jedhuutti, lammiileen biyyoota uggura kanaan miidhaman ammallee iyyannoo viizaa godaantotaa dhiheessuu danda\u2019u, garuu yeroo boqonnaan jirutti viizaan godaantotaa kamiyyuu hin raggaasifamu ykn hin kennamu. Mootummaan Ameerikaa yeroo murtaa\u2019e yoom adabbiin kun kaafamuu akka danda\u2019u ifatti hin keenye.<\/p>\n<p>Gama kanaan biyyoota Kamtuu miidhaaf saaxilamuu mala?<\/p>\n<p>Kaameruun, Keeppi Vardee, Kolombiyaa, Kooti Divaar, Kuubaa,\u00a0Rippaablika Dimokiraatawaa\u00a0 Koongoo, Doominikaa, Misrii,\u00a0Ertiraa, Itoophiyaa,\u00a0Fiijii,\u00a0Gaambiyaa, Ji&#8217;oorjiyaa,\u00a0Gaanaafi\u00a0Gireenaadaa fa&#8217;i jechuun Aljzeeraan gabaaseera. Ji\u2019oota darban keessa bulchiinsi Tiraampi seera immigireeshinii jabeesseera. Keessumaa namoota biyyoota adeemsi qorannoo isaanii gahaa ta\u2019ee cimaa miti jedhamee ykn balaa nageenya biyyaalessaa ta\u2019uu danda\u2019u jedhee amanu irraa dhufan keessatii haalaan irratti xiyyeeffateera. Ministeerri Dhimma Alaa godaansa biyyoota kana irraa dhufan irratti daangaa babal\u2019isee jira.\u00a0 Waayit Haawus ibsa ji&#8217;a Amajjii bara 2025 baaseen, Ameerikaan qabeenya uummataa irratti dhiibbaa utuu hin godhiin, yaaddoo nageenyaa osoo hin uumiin ykn namoonni haaraa dhufan walitti makamuu osoo hin rakkisiin godaantota baay\u2019inaan keessattuu baqattoota baay\u2019ee fudhachuu akka hin dandeenye ibseera.<\/p>\n<p>Ji\u2019a Waxabajjii keessa bulchiinsi kun kana caalaa deemee lammiilee biyyoota 12 kanneen akka Afgaanistaan, Chaad, Koongoo, Ikuwaatooriyaal Giinii, Eertiraa, Heeyitii, Iraan, Liibiyaa, Miyanmaar, Somaaliyaa, Sudaaniifi Yaman irraa dhufan irratti uggura imala guutuu kaa\u2019eera.\u00a0 Hanga Onkoloolessaa, Waayit Haawus seenaa Ameerikaa keessatti baqattoota galmeessuun sadarkaa gadi aanaa ta\u2019e kan beeksise yoo ta\u2019u, bara baajataa 2026&#8217;tti baqattoota kuma 7fi 500 qofa akka ta\u2019an daangaa kaa\u2019eera.\u00a0 Irra caalaan isaanii lammiilee Afrikaa ardii Afrikaa Kibbaa irraa dhufaniif kan oolu ta\u2019a. Tiraampi yaadota shira fashalaa\u2019an kanneen adii Afrikaa Kibbaa irratti duguuggaa sanyii raawwatame himatan cimsaniiru. Haa ta\u2019u malee ragaan akka agarsiisutti yakki jeequmsaa biyyattii keessatti olaanaa ta\u2019uu isaafi miidhamtoonni sanyii adda addaa ta\u2019uu isaaniiti.<\/p>\n<p>Kanuma bu&#8217;uureffachuun bulchiinsi Tiraampi sagantaalee gargaarsa biyya alaa baqattoota biyyoota biroo keessa jiraatan deeggaraa ture addaan kuteera. Haluma kanaan, kaffaltii viizaa H-1B\u00a0 dhaabbileen Ameerikaa hojjettoota biyya alaa qacaruuf itti fayyadaman baay\u2019ee dabaluudhaan baasii iyyannoo tokkoof gara doolaara kuma 100 &#8216;tti ol guddiseera. Lammiin Afgaanistaan \u200b\u200btokko kan baatii Sadaasaa keessa miseensota Eegdota Biyyaalessaa lama Waashingitan DC keessatti rasaasaan rukutameen walqabatee hidhamuu hordofuun mootummaan uggura imala dabalataa kaa\u2019eera.\u00a0 Tarreen ugguraa kun biyyoota 12 kanaan dura lammiileen isaanii dhorkamanii turan bira darbee biyyoota dabalataa ja\u2019a hammachuudhaaf babal\u2019ateera.\u00a0 Biyyoonni haaraan jahan dabalaman Paalaastaayiin, Burkiinaa Faasoo, Maalii, Niijer, Sudaan Kibbaafi Siiriyaa turan. Qondaaltonni immigireeshiniis dhimmoota koolugaltummaa dhaabsisanii, namoota biyyoota jalqaba uggura kanaan miidhamaniif iyyata lammummaafi kaardii magariisaa hojjechuu dhaabaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Ameerikaan lammiilee biyyoota 75&#8217;f kenniinsa viizaa godaantotaa yeroo hin murtoofneef dhaabuu ifoomsiteetti. Biyyoota kanneen keessa Itoophiyaa, Eertiraa, Misrii, Somaaliyaa, Sudaaniifi Sudaan Kibbaa biyyoota uggura kana jalatti eeramanidha. Murteen viizaa dhaabuu kun kan darbe Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa hoj-maata sakatta\u2019insa iyyattootaaf irra deebi\u2019ee madaaluuf murteeffachuu akka ta\u2019e ibsameera.\u00a0 Qajeelfamni Ministeera Dhimma Alaa kun iyyattoota \u201cmootummaa\u00a0 [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5725,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5724"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5724"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5724\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5726,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5724\/revisions\/5726"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5725"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5724"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5724"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5724"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}