{"id":5733,"date":"2026-02-07T12:01:29","date_gmt":"2026-02-07T12:01:29","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5733"},"modified":"2026-02-07T12:01:29","modified_gmt":"2026-02-07T12:01:29","slug":"filannoo-biyyaalessaaf-qooda-fudhattoonni-gahee-murteessaa-bahachuu-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/02\/07\/filannoo-biyyaalessaaf-qooda-fudhattoonni-gahee-murteessaa-bahachuu-qabu\/","title":{"rendered":"Filannoo Biyyaalessaaf Qooda Fudhattoonni Gahee Murteessaa Bahachuu Qabu"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong>Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa <\/strong><\/p>\n<p>Filannoon biyyaalessaa 7ffaa bilisa, haqa qabeessaafi loogii kan hin qabne akka ta\u2019u taasisuu keessatti qooda fudhattoonni gahee murteessaa bahachuu akka qaban walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Meelaatwarqi Hayiluu hubachiisaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa haala nageenyaa bulchiinsa naannoofi magaalotaa madaaluuf waltajjii marii qooda fudhattoota waliin gaggeesseera. Waltajjicha irratti hoggantoonni bulchiinsa naannoolee, kantiiboonni bulchiinsa magaalotaa, hoggantoonni paartilee siyaasaa, qondaaltonni nageenyaafi bakka bu\u2019oonni waldaalee siivikii hirmaataniiru.<\/p>\n<p>Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Meelaatwarqi Hayiluu filannoo biyyaalessaa 7ffaa milkaa\u2019inaan gaggeessuuf hojiin qophii haal-duree taasifamaa jira jedhaniiru. Qophii filannoo biyyaalessaa 7ffaaf ka\u2019umsa ta\u2019ee sagantaa filannoo beeksisuun hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa akka jiran hubachiisaniiru. Dhaabbileen waldaalee siivikii hubannoo filattootaa guddisuuf barnootaafi leenjii kennuuf eeyyama argachuun hojii eegaluu isaaniis beeksisaniiru. Hirmaannaa paartilee siyaasaa cimsuuf deggarsi taasifamaafii akka jirus himaiiru. Waltajjiin marii qooda fudhattootaa haala yeroo naannoo ilaacha keessa galchuun hubannoo uumuufis ta\u2019uu ibsaniiru. Gara fuula duraattis filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa 7ffaan bilisa, haqa qabeessaafi loogii kan hin qabne akka ta\u2019uuf qooda fudhattoonni gahee murteessaa bahachuu akka qabanis dhaamsa dabarsaniiru.<\/p>\n<p>Manni Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataa walga&#8217;ii Idilee 10ffaa Bara Hojii 5ffaa geggeesseen ministirri Muummee Abiy Ahmad (Dr) yaa&#8217;icha irratti gabaasa raawwii mootummaa federaalaa bara 2018 ji\u2019oota jahan darbanii irratti gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka&#8217;aniif deebiifi ibsa kennaniiru. Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa ilaalchisuun ibsa kennaniin mootummaan filannoo nagaa, haqa qabeessa, hunda hammataafi gama hundaan kan kanaan duraa caalaa fooyya\u2019aa akka ta\u2019uuf ciminaan hojjechaa jira jedhaniiru. Manni marichaa sagalee hedduu qabaachuu qaba kan jedhan Ministirri Muummee, haala sagaleen addaa mana marichaa\u00a0 itti dhaga&#8217;amuu danda&#8217;uu kan uumamu ta&#8217;uu himaniiru. Paarlaamaan sagalee paartii tokkoo utuu ta\u2019ee Itoophiyaa hin fayyadu ta\u2019uu hubachiisuudhaan, mootummaan kana jijjiiruuf cimee akka hojjetuufi sagaleen dachaa akka dhaga\u2019amu ni eyyama jedhaniiru. Sagaleewwan adda ta\u2019an mootummaafis ta\u2019e Itoophiyaafis qabeenya guddaa akka ta\u2019anis eraniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Filannoon biyyaalessaa 7ffaa bilisa, haqa qabeessaafi loogii kan hin qabne akka ta\u2019u taasisuu keessatti qooda fudhattoonni gahee murteessaa bahachuu akka qaban walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Meelaatwarqi Hayiluu hubachiisaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa haala nageenyaa bulchiinsa naannoofi magaalotaa madaaluuf waltajjii marii qooda fudhattoota waliin gaggeesseera. Waltajjicha irratti hoggantoonni bulchiinsa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5735,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49,1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5733"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5733"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5733\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5736,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5733\/revisions\/5736"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5735"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5733"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5733"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5733"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}