{"id":5745,"date":"2026-02-07T12:13:40","date_gmt":"2026-02-07T12:13:40","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5745"},"modified":"2026-02-07T12:13:40","modified_gmt":"2026-02-07T12:13:40","slug":"hirmaannaan-hawaasaa-hojiilee-hojjetaman-hundaaf-furtuudha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/02\/07\/hirmaannaan-hawaasaa-hojiilee-hojjetaman-hundaaf-furtuudha\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0 Hirmaannaan Hawaasaa Hojiilee Hojjetaman Hundaaf Furtuudha\u00a0"},"content":{"rendered":"<p><strong>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>Hojiin misoomaa hundi kan milkaa\u2019u yeroo hawaasichi hirmaatedha. Hojiileen hawaasicha hin hirmaachifne bu\u2019aa qabeessa ta\u2019uu hin danda\u2019u. \u200eKaroora hojiilee misooma mootummaa milkeessuuf hirmaannaan hawaasaa gahee olaanaa qaba. Akka biyyaattis ta&#8217;ee sadarkaa naannoofi bulchiinsa magaalotaatti hojiilee misoomaa kamiyyuu milkeessuuf hirmaannaan hawaasa milkaa&#8217;ina misoomichaaf baay&#8217;ee murteessaadha.<\/p>\n<p>Akka bulchiinsa Sablammii Oromootti hojiilee misoomaa milkeessuuf hirmaannaa hawaasni taasiseen milkaa&#8217;inni guddaan argameera. Hawaasni fedhii misoomaaf qabu irraa kan ka&#8217;e, Keessumaayyuu hojiilee misooma koriidarii kaffaltii tokko malee bakkeewwan daldala isaanii hojiilee misoomaaf banaa taasisaa jiru. Hawaasichi nageenya naannawa isaa argamsisuurrattis shoora olaanaa taphachaa jira. Dhimmi nageenyaatis ta\u2019e ijaarsi bu\u2019uraalee misoomaa adda addaa kan hojjetamanis ta\u2019e kan tajaajilan hawaasichaan waan ta\u2019ef gama hundaan hirmaannaan hawaasichaa murtessaadha.<\/p>\n<p>Uummanni hojii mootummaan hojjetu hunda keessatti gama maallaqaan, dandeettiifi humnaan gargaarsa mataasaa ni taasisa. Kana qofa osoo hin taane hojiileen hojjetaman hundi fiixaan kan gahaan yeroo hawaasicha biratti fudhatamummaa argatudha. Waan kana ta\u2019ef qaamoleen mootummaa yeroo hojiilee misoomaa garaagaraa hojjechuuf karoorsan uummata mari\u2019achisuun irraa eegama. Uummannis hojiileen hojjetaman kan isaa akka ta\u2019e amanuun hirmaannaa isaa cimsee itti fuufsiisuu qaba.\u00a0 Uummanni hojiileen misoomaa akka isaaf hojjetamu gaafachuuf mirga akka qabuutti, hojiilee hojjetaman kanneen gargaaruufi deeggaruun itti gaafatamummaa olaanaa qaba. Keessumaayyuu bu\u2019uraaleen misoomaa hojjetaman hundi abbaantummaan kan bulchuufi itti fayyadamu uummatadha. Kanaaf hawaasichi hojiilee hojjetaman hundi kan isaa ta\u2019uufi furtuu hojii hundaa ta\u2019uu amanuun akkuma duraan taasisaa tureett hirmaannaa isaa cimsee itti fuufu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har\u2019ati.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0\u00a0 Hojiin misoomaa hundi kan milkaa\u2019u yeroo hawaasichi hirmaatedha. Hojiileen hawaasicha hin hirmaachifne bu\u2019aa qabeessa ta\u2019uu hin danda\u2019u. \u200eKaroora hojiilee misooma mootummaa milkeessuuf hirmaannaan hawaasaa gahee olaanaa qaba. Akka biyyaattis ta&#8217;ee sadarkaa naannoofi bulchiinsa magaalotaatti hojiilee misoomaa kamiyyuu milkeessuuf hirmaannaan hawaasa milkaa&#8217;ina misoomichaaf baay&#8217;ee murteessaadha. Akka bulchiinsa Sablammii Oromootti hojiilee misoomaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5746,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5745"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5745"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5745\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5747,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5745\/revisions\/5747"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5746"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5745"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5745"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5745"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}