{"id":5748,"date":"2026-02-07T12:17:25","date_gmt":"2026-02-07T12:17:25","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5748"},"modified":"2026-02-07T12:17:25","modified_gmt":"2026-02-07T12:17:25","slug":"qonna-ammayyessuun-jireenya-qonnaan-bulaa-fooyyessuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/02\/07\/qonna-ammayyessuun-jireenya-qonnaan-bulaa-fooyyessuu\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Qonna Ammayyessuun Jireenya Qonnaan Bulaa Fooyyessuu"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Malli qonnaa ammayyaa dameewwan qonnaa guddisuun jireenya qonnaan bultootaa jijjiiraa jira. Sanyii fooyya\u2019aa, misooma jallisii, qonna kalaqaan deggaruun jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiraa jiraachuu ragaan ministeera qonnaa irraa argame ni agarsiisa. Gama kanaan muuxannoo qonnaan bultoota aanaa Dawaa Caffaa ganda Shakilaa ka&#8217;umsa taasifanneerra.<\/p>\n<p>Qonnaan bulaan Hasanuu Ibraahim jiraataa aanaa Dawaa Caffaa ganda Shakilaati. Qonnaan bulaan kun duraan waggaatti yeroo tokko qofa oomishaa waan turaniif wabii midhaan nyaataan of danda&#8217;uun ulfaataa turuu himaniiru. Deggarsa gama mootummaan taasifameefi hubannoo argataniin damee qonnaan bu&#8217;a qabeessa ta&#8217;uun\u00a0jiruufi jireenyi isaanii fooyya&#8217;uu kaasaniiru. \u2018\u2019Erga baroota dhihoo asii bishaan naannoo keenyatti argamu sirnaan fayyadamuun waggaatti yeroo lamaafi isaa ol oomishaa jirra\u2019\u2019 kan jedhan qonnaan bulaan Hasanuun lafa hektaara tokko irratti Maangoo misoomsuun bara baraan galii guddaa irra argachaa jiraachuu kaasaniiru. Kanaanis baadiyyaa keessatti mana sadarkaa isaa eeggate ijaarrachuun maatii isaanii jireenya fooyyee qabu jiraachisaa jiraachuu dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, qonnaan bultoonni gandichaa duraan aadaa hojii laafaa qaban muuxannoo isaanii qooddachuun damee qonnaan bu&#8217;a qabeessa ta&#8217;aa jiru.<\/p>\n<p>Jiraataan gandichaa biroo qonnaan bulaan Mahaammad Indiris, duraan sanyii beelladaa fooyya&#8217;oo hin taane loowwan aannanii 20 hanga 30 qabaachuu dubbataniiru. Loowwan kunneen baay&#8217;ina qabaatanis sanyii fooyya&#8217;aa ta&#8217;uu dhabuu isaaniin walqabatee galiin irraa argachaa turan quubsaa akka hin turre eeraniiru. Haata&#8217;u malee, hubannoo gama ogeessoota qonnaan argataniin loowwan kanneen sanyii fooyya&#8217;aatti jijjiiruun nyaataafi\u00a0fayyaa isaanii sirriitti eeganii bu&#8217;aa achirraa argamuun jireenya maatiifi dhuunfaa isaanii fooyyessuu himaniiru. Erga loowwan sanyii fooyya&#8217;aa horsiisuu jalqaban duraan aannan loowwan 20 irraa argachaa turan amma loowwan sanyii fooyya&#8217;oo lamarraa argachaa jiraachuu eeraniiru. \u2018\u2019Gama misooma jallisii bonaanis duraan waggaatti yeroo tokko qofa oomishaan ture; amma ji&#8217;oota sadii sadiin oomishaan jira\u2019\u2019 \u00a0kan jedhan qonnaan bulaan kun, bara kana biqiltuu Maangoo kuma afur dhaabuun kunuunsaa jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Akkasumas, jiraataan ganda Shakilaa biroon Dargaggoo Jamaal Sa&#8217;id lafa gogaa asii gadi meetira digdama qotee, bishaan baasuun Maangoo ittiin misoomsaa jiraachuu himeera. Achirraa waggaatti maangoo kuntaala 30 ol argachaa jiraachuu kaasuun, firii tokkoo ishee birrii 25 olitti gurguruun jireenya isaa ittiin fooyyeffachaa jiraachuu kaaseera. Akka dargaggoon kun jedhutti hiriyoonni isaa muuxannoo isaa irraa qooddataniiru. Jireenya magaalaatti jiraatuma baadiyyaatti jiraachaan jira jedha dargaggoo Jamaal.<\/p>\n<p>Waajjira Qonnaa aanaa Dawaa Caffaatti Ogeessi Ekisteeshinii Qonnaa\u00a0 Faqqadaa Fayyisaa, qonni ammayyaawaan utubaa bu&#8217;uura mirkaneessa; guddina baadiyyaati jedhaniiru. Deggarsaafi hojii hubannoo uumuu ogeessota qonnaan kennameen damee qonnaan aadaan hojii qonnaan bultoota ganda Shakilaa daran dabaluu himaniiru. Qonnaan bultoonni wabii midhaan nyaataa akka mirkaneeffataniif gama walta&#8217;insa Giddu gala Wiirtuu Qonnaan Bultootaafi Waajjira Hojii Gamtaa gandaan dhiheessi galtee qonnaaf barbaachisan dhihaachaa turuu kaasaniiru. Akka ogeessichi jedhutti, fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf callaa guddistuufi motorri bishaanii gama Waajjira Qonnaa aanichaan karaa Yuuniyeenii Borkannaan dhihaataa kan tureefi kanaa olitti dhiheessuuf irratti hojjetamaa kan jirudha. \u2018\u2019Akka aanaa keenyaatti gandoota 14 irraa abbootii warraa kuma tokkoofi dhibba tokkoofi 66 oliif motorri bishaanii raabsameera\u2019\u2019 jedhaniiru. Aanaan Dawaa Caffaa sadarkaa bulchiinsichaatti leecalloo guddaa qabaachuun oomishaafi oomishtummaa dhibbentaa 26 tuqaa 8 ol kan uuwwisu ta&#8217;uus ogeessichi eeraniiru.<\/p>\n<p>Sadarkaa aanaatti ogeessota 70 qabaachuu kaasanii, fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran guddisuuf ogeessonni kunneen gara qonnaan bultootaatti gadi bu&#8217;uun hojjechaa turuufi jiraachuu dubbataniiru. \u2018\u2019Fedhii Teeknooloojii qonnaan bultoonni dhiheessaa jiran furuuf karoorfannee irratti hojjechaa jirra\u2019\u2019 kan jedhan ogeessichi, rakkoon walitti hidhamiinsa gabaa akka hin mudanneef walta&#8217;insa gama waajjira qonnaafi misooma gabaafi daldalaa aanichaan walhubannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Karoora tarsiimoo qonnaan waggaatti yeroo lamaa ol qotuun bu&#8217;aan qabatamaan mirkana&#8217;aa jiraachuu kaasanii, kanaanis ilaalcha qonnaan bulaa jijjiiruu, bu&#8217;aa qabeessummaa jallisii qamadii bonaa hubachiisuuf tumsi olaanaa taasifamaa akka jirus himanii<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Malli qonnaa ammayyaa dameewwan qonnaa guddisuun jireenya qonnaan bultootaa jijjiiraa jira. Sanyii fooyya\u2019aa, misooma jallisii, qonna kalaqaan deggaruun jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiraa jiraachuu ragaan ministeera qonnaa irraa argame ni agarsiisa. Gama kanaan muuxannoo qonnaan bultoota aanaa Dawaa Caffaa ganda Shakilaa ka&#8217;umsa taasifanneerra. Qonnaan bulaan Hasanuu Ibraahim jiraataa aanaa Dawaa Caffaa ganda Shakilaati. Qonnaan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5749,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5748"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5748"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5748\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5750,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5748\/revisions\/5750"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5749"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5748"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5748"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5748"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}