{"id":5773,"date":"2026-02-25T10:25:58","date_gmt":"2026-02-25T10:25:58","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5773"},"modified":"2026-02-25T10:25:58","modified_gmt":"2026-02-25T10:25:58","slug":"hariiroon-uummataa-gahee-nageenya-waaressuuf-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/02\/25\/hariiroon-uummataa-gahee-nageenya-waaressuuf-qabu\/","title":{"rendered":"Hariiroon Uummataa Gahee Nageenya Waaressuuf Qabu"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u200eWaltajjiin marii bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Jiillee Dhummugaafi aanaalee ollaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Efraataa Gidim, aanaa Qawaatiifi Shawaa Roobit waliin dhimma nageenya waaraafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu irratti mariin gaggeeffameera. Waltajjii marii kunis nageenya Aanaa Jiillee Dhummugaafi aanaalee ollaa gidduu jiru daran cimsuufi dhimmoota yeroo irratti hubannoo waloo uumuuf qaamota dhimmi ilaallatu waliin marii bal&#8217;aan taasifameera.<\/p>\n<p>\u200eBulchiinsa Sablammii Oromootti\u00a0itti gaafatamaan Paartii Badhaadhina damee siyaasaa obbo Jamaal Alii waltajjicharratti argamuun haasa&#8217;a taasisaniin, hojii nageenya bulchiinsichaa mirkaneessuuf hojjetame irratti jijjiiramni guddaan akka mul\u2019ate eeraniir. Obbo Jamaal &#8220;hariiroo uummataa cimaan nagaa waaraafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba&#8221;jedhaniiru. Uummannis kana booda hariiroo cimsuufi abbaa nagaa ta\u2019uu malee, humnoota walitti bu\u2019iinsa uumuuf deemaniif balbala banuun akka hin barbaachifne akeekkachiisaniiru.<\/p>\n<p>\u200e \u200eAjandaan marii kanaanis waldhibdee nageenya aanota kana gidduutti darbee darbee mul&#8217;atu adda baasuun, furmaata waaraa barbaaduu irratti kan xiyyeeffate ta\u2019uu ibsameera. Hirmaattonni marichaas haala nageenyaa yeroo ammaa irratti marii gadi fageenyaa erga taasisaniin booda tarkaanfiiwwan qindoominaafi waloon nageenya hawaasa naannoo kanaa tiksan irratti xiyyeeffatan hojiirra oolchuuf waliigalteerra ga\u2019aniiru.<\/p>\n<p>\u200eHawaasni aanota ollaa kunneen jaarraa hedduuf waldanda\u2019uufi tokkummaadhaan daangaa walii waliin jiraachaa ture akkamitti akka cimsu, waliin ta\u2019uun nagaaf dhaabbachuufi waliin ta\u2019uun humnoota diigumsaa irratti qabsaa\u2019uufi saaxiluu akka qabu, akkasumas qaamolee nageenyaa mootummaa sadarkaa hundatti argaman waliin ta\u2019uun, itti fufiinsa nagaa argame mirkaneessuuf marii ijaarsaa taasifameera.<\/p>\n<p>Waltajjicha irrattis Paartii Badhaadhina Bulchiinsa Sablammii Oromootti Hogganaan damee Siyaasaa obbo Jamaal Alii, Bulchaa Olaanaa Aanaa Jiillee Dhummugaa obbo Alii Sayid, Itti Aanaa Ajajaa Duula addaa 103ffaafi humna qilleensaafi Nageenya naannoo Koloneel Shukrii Abbaa Waaree, hoggantoonni aanaa \u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Efraataa Gidim, aanaa QawaatIIfi Shawaa Roobit, miseensonni Poolisii Federaalaafi bakka bu&#8217;oonni gandoota adda addaa hirmaataniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; \u200eWaltajjiin marii bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Jiillee Dhummugaafi aanaalee ollaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Efraataa Gidim, aanaa Qawaatiifi Shawaa Roobit waliin dhimma nageenya waaraafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu irratti mariin gaggeeffameera. Waltajjii marii kunis nageenya Aanaa Jiillee Dhummugaafi aanaalee ollaa gidduu jiru daran cimsuufi dhimmoota yeroo irratti hubannoo waloo uumuuf qaamota dhimmi ilaallatu waliin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5774,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5773"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5773"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5773\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5775,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5773\/revisions\/5775"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5774"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5773"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5773"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5773"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}