{"id":5782,"date":"2026-02-25T10:43:18","date_gmt":"2026-02-25T10:43:18","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5782"},"modified":"2026-02-25T10:43:18","modified_gmt":"2026-02-25T10:43:18","slug":"riizoortii-loogoo-haayiq","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/02\/25\/riizoortii-loogoo-haayiq\/","title":{"rendered":"\u00a0Riizoortii Loogoo Haayiq"},"content":{"rendered":"<p><strong>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>Riizoortiin Loogoo Hara Haayiq pirojaktii inisheetiivii Maaddii Dhalootaa keessaa isa tokkodha. Pirojaktiin kun naannoo Amaaraa, godina Walloo Kibbaa magaalaa Dasee irra fageenya kiilomeetira 27 irratti magaalaa Haayiq qarqara Hara Haayiqitti rgama. Riizoortiin kun lafa hektaara 13.3 irratti kan ijaaramedha. Maqaan &#8220;Loogoo&#8221; jecha Afaan Xaaliyaanii &#8220;Lago&#8221; jedhamu irraa fudhatame, hiikni isaa &#8220;haroo&#8221; jechuudha. Yeroo mootummaan Xaaliyaanii Itoophiyaa weeraree tureetti jechoonni akka \u201clago\u201d jedhan hedduun itti fayyadamamaa turaniiru. Maqaan riizoortiin Loogoo kan fudhates kanumarraa ka&#8217;eeti. Hiikni isaas &#8220;Riizoortii Haroo Haayik&#8221;jechuudha.<\/p>\n<p>Riizoortichi qulqullina sadarkaa isaa eeggateen kan ijaaramedha. Qabiyyeen riizoortichaas, manneen nyaataa, iddoo daakkii bishaanii, daandii asfaaltii keessoo, bakka qubannaa helikoptaraa dabalatee kutaalee tajaajila biroo hammate hedduu kan of keessatti qabateedha. Naannawa rizoortichatti iddoo biqiltuun kuduraafi mudaraan garagaraa itti argamu, iddoo magariisaa ija namaa hawwatuufi daawwattootaaf yaadannoo hin dagatamne kan uumudha.<\/p>\n<p>\u200eRiizoortin Loogoo Itoophiyaan Afrikaa keessatti bakka turistii adda duree ta&#8217;uu kan agarsiisu, kutannoofi tattaaffii qabatamaa taasiftu ragaan kan agarsiisudha. Misooma turizimii kana kunuunsa qabeenya uumamaa waliin kan walitti fidu, Itti fufiinsaafi hunda hammataa, waltajjii bal\u2019aa duudhaalee aadaafi uumamaa gadi fagoo ummanni Walloo qabu hawaasa addunyaatti beeksisuuf kan gargaarudha. Kunis ijaarsa riizoortii iddoo tokkotti hojjatame qofa osoo hin taane seenaa, miidhaginaafi uumama Walloo kan mul&#8217;isudha.<\/p>\n<p>\u200eJiraattuun magaalaa Haayiq aadde Innaatnash Bashir, pirojeektiin kun ariitii guddaan yeroo muraasa keessatti xumuramuu isaa dinqisiifataniiru. Ijaarsa riizoortichaa ajaa&#8217;ibsiifachuufi muuxannoo gaarii irraa argachuu isaanii dubbataniiru.\u00a0Jiraataan magaalichaa inni biroo\u00a0 Birihaanuu Asaffaa, riizoortichi ijaaramuu hordofee carraan hojii bal&#8217;inaan magaalichatti uumamuufi abbaan biyyummaa jiraattota magaalichatti kan dhaga&#8217;ame ta&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>\u200eInjinar Nigaatuu Zawuduu Qindeessaa Pirojeektii Riizoortii Loogooti. Pirojaktiin Riizoortii Loogoo pirojaktiwwan &#8220;maaddii dhalootaa&#8221; tumsa muummee ministiraa Abiy Ahmad (Dr) kan ijaarame ta&#8217;uu dubbataniiru. Riizoortii Loogoo Pirojaktii guddaafi sadarkaa isaa kan eeggatee akkasumas ulaagaa hunda kan guute ta&#8217;uu kaasaniiru. Qabiyyeen pirojaktichaas, galmaawwan waltajjiin itti gaggeeffamu, daandi asfaaltii kiiloomeetira 3.70 kan uwwisu, kutaalee 67 keessatti sireewwan 80, bakka bishaan daakuu, bakka Ispoortiin itti hojjetamu, bakka Kuduraaleefi muduraalee, kaaffeefi reestooraantii garagaraafi iddoowwan bashannanaa gara garaan kan guutame ta&#8217;uu ibsaniiru. Gamoon ijaarames abbaa darbii afurii kan ta&#8217;e yoo ta&#8217;u, galmi achi keessatti argamus namoota 350 bakka tokkotti keessummeessuu kan danda&#8217;u ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>\u200eAbbaa qabeenyaa Pirojaktii Riizoortii Loogoo ijaarsisan obbo Balayinah Kindee &#8220;muummichi ministiraa keenya yaada nuuf maddisiisun nu bira dhaabbatu, nuti mmoo yaada kana hojiirra oolchuun iddoo hawwataafi seena qabeessi kun akka misoomuf shoora keenya baahanneerra&#8221; jedhaniiru. Obbo Balaayinah akka jedhanitti, iddoon kun baay&#8217;ee hawwataafi bareedaa akkasumas ilaalamee kan hin quufamnedha. Kanaan dura xiyyeeffannoo itti kennuu dadhabuu hawaasa naannichaa irraa kanka&#8217;e iddoo xura&#8217;aafi kosiin itti gatamu kan ture ta&#8217;uu isaa yaadataniiru. Hundaa olitti\u00a0Riizortiin Loogoo seenaa, aadaa, duudhaafi keessummaa simannaa addaa uummata Walloo addunyaatti agarsiisuuf kan qophaa\u2019e badhaasa guddaafi boonsaadha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kaantibaan bulchiinsa magaalaa Haayiq duraanii, Kadir Mahaammad, lafti qabamee erga gara hojiitti galamee booda hawaasni faayidaa diinagdee akka argatuuf rakkoowwan bu&#8217;uuraa baay&#8217;een turuu kaasaniiru. Haaluma kanaan hawaasniifi mootummaan waliin ta&#8217;uun rakkoolee muudatan furuun sadarkaa xumuraarra gahuu dubbataniiru. Riizortiin kunis bareedina uumamaa haala calaqqisiisuu danda&#8217;uun bu\u2019uuraalee misoomaa ammayyaafi sadarkaa addunyaa madaaluun kan ijaarame, pirojaktii guddaafi ajaa\u2019ibsiisaa ta\u2019uu ibsaniiru. Riizortiin Loogoo kunis akka\u00a0 nama hawwatuuf qofa osoo hin taane dinagdee naannoofi biyyattii saffisiisuu keessatti\u00a0 gumaacha olaanaa akka qabus himaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0\u00a0 Riizoortiin Loogoo Hara Haayiq pirojaktii inisheetiivii Maaddii Dhalootaa keessaa isa tokkodha. Pirojaktiin kun naannoo Amaaraa, godina Walloo Kibbaa magaalaa Dasee irra fageenya kiilomeetira 27 irratti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5783,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5782"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5782"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5782\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5784,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5782\/revisions\/5784"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5783"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5782"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5782"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5782"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}