{"id":5804,"date":"2026-03-12T11:30:14","date_gmt":"2026-03-12T11:30:14","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5804"},"modified":"2026-03-12T11:30:14","modified_gmt":"2026-03-12T11:30:14","slug":"dubartoonni-gama-damee-hun-daan-itti-fayyadamoo-akka-taaniif-hojjetamaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/12\/dubartoonni-gama-damee-hun-daan-itti-fayyadamoo-akka-taaniif-hojjetamaa-jira\/","title":{"rendered":"Dubartoonni Gama Damee Hun daan Itti Fayyadamoo Akka Ta\u2019aniif Hojjetamaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Guyyaan dubartoota addunyaa (March 8) guyyaa dubartoonni gama dinagdee,\u00a0 ogummaafi koorniyaan akka gurmaa\u2019aniifi fayyadamtoota akka ta\u2019an itti mirkanaa&#8217;edha. Akkasumas siyaasaafi hawaasummaa keessatti gahee isaanii faarsuufi walqixxummaa koorniyaa cimsuuf kan ittiin yaadatamee ooludha. Guyyichi sadarkaa idil-addunyaatti yeroo 115ffaaf akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 50ffaaf kabajamaa kan jiru yoo ta\u2019u kabajni guyyichaa mirga dubartootaa gara jijjiirama qabataatti fiduun qoqqoodiinsa qabeenyaa, hirmaannaa hawaasummaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha.\u00a0 Dabalataanis injifannoowwan dubartootaan argaman itti fufsiisuufi rakkoolee fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu irratti mul\u2019atan furuun hojiileen badhaadhina dubartoota Itoophiyaa mirkaneessuuf eegalaman cimanii akka itti fufaniif waadaan kan itti seenamudha.<\/p>\n<p>Waajjirri Dhimma Dubartootaa, Daa&#8217;immanii, Dargaggootaafi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, ayyaana Guyyaa Dubartootaa Addunyaa (March 8) kabajeera. Magaalichatti guyyaan ayyaana dubbartootaa addunyaa akka addunyaatti yeroo 115ffaaf, akka biyya keenyaatti immoo yeroo 50ffaaf mata-duree &#8220;Dubartoonni Walqixxummaafi Itoophiyaa Badhaateef&#8221; jedhuun kabajameera. Itti-gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa&#8217;immanii, Dargaggootaafi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, aadde Anshaa Alii, &#8221;har\u2019a kan asitti walitti qabamne guyyaa tokko qofa yaadachuuf miti; sagalee dubartootaa walakkaa jaarraa ol ce\u2019e, dhalootaa dhalootatti darbeefi qormaata hedduu keessa darbe kabajuufidha,&#8221; jedhaniiru.\u00a0 Akkasumas ayyaanni kun mata-duree &#8220;Sagalee Dubartootaa Walqixxummaafi Itoophiyaa Badhaateef&#8221; jedhuun kabajamee akka oole ibsaniiru.<\/p>\n<p>Af-yaa\u2019iin Mana Marii Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Kawlat Mahaammad, March 8 dubartoonni bara dheeraaf kan qabsaa\u2019an walqixxummaa qofaaf osoo hin taane, haqa, biyyaafi ijaarsa sirna dimookraasiitiif Dubartoonni loogiifi gidiraa koorniyaan isaanirratti gahu qabsaa\u2019uun gumaacha isaan taasisan yaadachuuf ayyaanni kun kabajamaa turuus dubbataniiru. Dubartoonni dinagdee, dippiloomaasii, hooggansa biyyaa, hiika walitti bu\u2019iinsaa, ijaarsa nageenyaafi dameewwan biroo keessatti qabsoo guddaa taasisuu kaasaniiru. Waa\u2019ee dubartootaa yoo kaafnu waa\u2019ee hawaasaa, waa\u2019ee ijaarsa biyyaa, waa\u2019ee itti fufiinsa dhalootaafi dhaloota cimsuu ta\u2019uu isaa xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Akka ragaaleen, mul&#8217;isanitti Itoophiyaatti dubartii pirezidaantii jalqabaa dabalatee dubartoota gara hoggansaatti fiduun danda\u2019ameera. Akkasumas dubartoonni miseensa kaabinee dhibbentaa 50 dhaabbilee ijoo akka hogganan taasifameera. Yeroo ammaa dubartoonni teessoo Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataa dhibbentaa 41 argatanii hawaasa bakka isaan buufate tajaajilaa jiru. Dameewwan hawaasummaanis ta\u2019ee diinagdeen hojiileen fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetaman bu\u2019aa qabatamaa galmeessaniiru. Itti aantuun itti gaafatamtuu Biiroo Dubartootaa\u00a0 Dargaggootaafi Dhimma Hawaasummaa Naannoo Amaaraa Zinnaa Geetaachaw, dubartoonni gama hawaasummaafi dinagdeen akka fayyadamoo ta&#8217;aniif hojjetamuu kaasaniiru. Fakkeenyaaf iddoo daa&#8217;imman itti turan hundeessuun rakkoon dubartootaa akka furamuuf taasifameera jedhaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Guyyaan dubartoota addunyaa (March 8) guyyaa dubartoonni gama dinagdee,\u00a0 ogummaafi koorniyaan akka gurmaa\u2019aniifi fayyadamtoota akka ta\u2019an itti mirkanaa&#8217;edha. Akkasumas siyaasaafi hawaasummaa keessatti gahee isaanii faarsuufi walqixxummaa koorniyaa cimsuuf kan ittiin yaadatamee ooludha. Guyyichi sadarkaa idil-addunyaatti yeroo 115ffaaf akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 50ffaaf kabajamaa kan jiru yoo ta\u2019u kabajni guyyichaa mirga dubartootaa gara jijjiirama qabataatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5805,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5804"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5804"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5804\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5806,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5804\/revisions\/5806"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5805"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5804"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5804"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5804"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}