{"id":5807,"date":"2026-03-12T11:33:48","date_gmt":"2026-03-12T11:33:48","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5807"},"modified":"2026-03-12T11:33:48","modified_gmt":"2026-03-12T11:33:48","slug":"barsiifata-adwaan-dhaloota-haraaf-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/12\/barsiifata-adwaan-dhaloota-haraaf-qabu\/","title":{"rendered":"Barsiifata Adwaan Dhaloota Har\u2019aaf Qabu"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u200eAyyaanni yaadannoo Adwaa, yaadannoo injifannoo seena qabeessa ummanni Itoophiyaa koloneeffattoota Xaaliyaanii irratti argatedha. Injifannoon kun Bitootessa 1, bara 1888 bakka Adwaa jedhamutti kan galmaa\u2019e yoo ta\u2019u, mallattoo bilisummaa, tokkummaafi ofitti amanamummaa Itoophiyaarra darbee biyyoota Afrikaa biroofis kaka\u2019umsa bilisummaa ta\u2019eera.<\/p>\n<p>Adwaarratti Mootiin Miniliik, akkasumas Mootiittiin Etegee Xaayituu gootonni Itoophiyaa Kaabaa hanga Kibbaatti, Bahaa hanga Lixaatti garaagarummaa isaanii maddiitti dhiisuun, uummata hunda; qotee bulaa, dargaggoo, dubartiifi abbootii amantiin akka hirmaatan kakaasuun injifannoon akka argamu taasisaniiru.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200eKanaaf, Ayyaanni Adwaa ayyaana waraanaa qofa osoo hin taane ayyaana saboonniifi sablammoonni biyya keenyaa tokkummaa isaanii itti mul\u2019isan, kabaja biyya isaanii itti tiksataniifi abdii dhaloota dhufuu dhaalchisuuf irratti wareegamanidha. \u200eRagaaleen seenaa akka agarsiisanitti, lolli Adwaa marsaa sadiin kan gaggeeffame yoo ta&#8217;u, kunis bara 1895 keessa loltoonni Xaaliyaanii gara kaaba Itoophiyaa seenuun qubannoo isaanii babal\u2019ifachuu jalqaban. Yeroo kana walitti bu\u2019iinsi xiqqaan iddoo adda addaatti jalqabameera. Lolli marsaa 2ffaa Lola Ambaalagee Muddee 1895 fi lola Maqalee Amajjii 1896 gaggeeffameen humna Xaaliyaanii kan dadhabsiisedha. Marsaa sadaffaan, waraana murteessaa Adwaa Bitootessa 1 bara 1888 gaggeeffamedha. Guyyaa kana, naannoo magaalaa Adwaatti waraana guddaa taasifameen, Itoophiyaanonni guyyaa waraana Xaaliyaanii irratti guutummaatti injifannoo argatanidha.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200eSeenaan akka addeessutti weerarri kun yeroo lammaffaa bara 1935 hanga bara 1941tti mootummaa Xaaliyaanii Beenitoo Musoolooniitiin Itoophiyaa irratti baname. Seenaa biyyattii keessatti yeroo gaddisiisaa ta\u2019e keessaa isa tokkodha. Weerarri kunis Koloneeffattoota duraanii bara 1888tti mo\u2019amaniif haaloo bahuufi koloneeffataa babal\u2019isuuf kaayyeffatee kan turedha. Humnoonni koloneeffattootaa kunneen yeroo sana meeshaalee waraanaa ammayyaa, xiyyaarota waraanaafi gaazii summaa\u2019aa fayyadamuun weerara gaggeessaa turaniiru.<\/p>\n<p>Loltoonni Itoophiyaa garuu, dandeettiifi meeshaa daangeffamaa qabaatanillee, gootummaan falmii cimaa gaggeessaniiru. \u200eHaata\u2019u malee, humni diinaafi tarsiimoon waraanaa haaraa koloneeffattootaan Itoophiyaa irratti baname dhiibbaa guddaa geessiseera. Bara 1936tti, humnoonni Xaaliyaanii magaalaa Addis Ababaa yeroo to\u2019atan, mootichi Hayila Sillaasee biyyaa ba&#8217;anii gara biyyoota Liixaa deemuun deeggarsa diploomaasii barbaadaa turaniiru.<\/p>\n<p>Akkaataa seenaa irraa hubatamutti, yeroo weerarri sun gaggeeffamaa turetti, uummanni Itoophiyaa naannolee garaagaraa irraa ka\u2019ee qabsoo diddaa itti fufe. Sochiin kun waggoota shaniin booda, bara 1941tti, koloneeffattota yeroo lammaffaa weerara gaggeessan biyya keessaa baasuun, uummanni Itoophiyaa injifannoo galmeessaniiru. Humni koloneeffattootaa kunneen gootota Itoophiyaan injifatamanii qaana\u2019anuun deebi\u2019uuf dirqamaniiru.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200eDurumayyuu, birmadummaan biyyaa yeroo sarbamuufi tuqamu lubbuu isaa kan kennu uummatni Itoophiyaa, xiqqaa hanga guddaa, kallattii biyyattii hundaan gootummaan aarsaa kaffalanii biyya isaanii kabachiisuu danda&#8217;aniiru. Akka seenaan ibsutti, bakkeewwan koloneeffattootaan weeraramanii turanitti, Itoophiyaanonni beekumsaafi aartiidhaan akka hin cimneef, manneen barnootaa cufuu irraa jalqabee abbootii amantaa bebbeekamoo, maanguddoota biyyaafi gootota biyyaa ajjeesaa turaniiru. Kunis Itoophiyaanonni qabsoo bilisummaa isaanii cimsanii akka itti fufaniif kan dirqisiise ta&#8217;uutu himama.<\/p>\n<p>Gootoonni Itoophiyaas bilisummaa isaaniif kutannoon aarsaa hedduu kaffalaniiru. Kanuma sababeeffachuun guyyaan injifannoo Ayyaana Adwaa waggaa waggaadhaan Gurraandhala 23 sadarkaa biyyaalessaatti kabajama.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200eKanaanis akkuma abboonni keenya waggaa 130 har\u2019aa Adwaarratti seenaa hojjetan, dhaloonni amma jirus Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ijaaree xumuruun injifannoo fakkeenya Adwaa lammaffaa ta\u2019u gama misoomaan kaa\u2019uu danda\u2019eera. Ajandaan waloo hojmanee hunda keenyaa ta\u2019e hidha haaromsaarraa gara hulaa galaanaatti tarkaanfateera.<\/p>\n<p>Qabeenya hulaa galaanaa shiraan dhabne karaa seera idiladdunyaa eegeen deebisuuf mootummaan ummata isaa wajjin ta\u2019uun xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Milkaa\u2019ina gaaffii hulaa galaanaafi ijaarsa pirojektota guguddoo hedduutiif keessumaa dhaloonni ammaa kunis garaagarummaa maddiitti dhiisaa miira gootummaa abbootii isaarraa dhaaleen dhimma biyyaarratti tokkummaa isaa cimsachuu qaba.<\/p>\n<p>\u200e<\/p>\n<p>\u200eAyyaanni Injifannoo Adwaa bara kanas waggaa 130ffaa mata duree \u201cSeenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti\u201d jedhuun, yaadannoo Godambaa Injifannoo Adwaatti sirna ho\u2019aan kabajameera. Sagantaa kana irratti argamuun haasa&#8217;a kan taasisan Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa, Injinar Ayishaa Mahaammad, injifannoon Adwaa mallattoo gootummaa, namuusaa, tokkummaafi cichoominaa ta&#8217;ee itti fufa jechuun ibsaniiru. Wayita ayyaanicha kabajnus wareegama abbootii keenyarra dhaabbachuun seenaa haaraa hojjechuuf murannoo qabaachuu kan itti mirkaneessinudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kabaja Yaadannoo Injifannoo Adawaa 130ffaa irratti argamuun ergaa kan dabarsaniin pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee, injifannoon Adwaa Afriikaanotaafi uummattoota gurraachoota maraaf injifannoo ifaafi bilisummaa, kabajaa namummaa kan gonfachiise, gootummaa Itoophiyaanotaa addunyaaf kan labse ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; \u200eAyyaanni yaadannoo Adwaa, yaadannoo injifannoo seena qabeessa ummanni Itoophiyaa koloneeffattoota Xaaliyaanii irratti argatedha. Injifannoon kun Bitootessa 1, bara 1888 bakka Adwaa jedhamutti kan galmaa\u2019e yoo ta\u2019u, mallattoo bilisummaa, tokkummaafi ofitti amanamummaa Itoophiyaarra darbee biyyoota Afrikaa biroofis kaka\u2019umsa bilisummaa ta\u2019eera. Adwaarratti Mootiin Miniliik, akkasumas Mootiittiin Etegee Xaayituu gootonni Itoophiyaa Kaabaa hanga Kibbaatti, Bahaa hanga Lixaatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5808,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5807"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5807"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5807\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5809,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5807\/revisions\/5809"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5808"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5807"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5807"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5807"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}