{"id":5816,"date":"2026-03-12T11:46:37","date_gmt":"2026-03-12T11:46:37","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5816"},"modified":"2026-03-12T11:46:37","modified_gmt":"2026-03-12T11:46:37","slug":"dargaggoota-buuura-guddina-diinagdee-biyyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/12\/dargaggoota-buuura-guddina-diinagdee-biyyaa\/","title":{"rendered":"Dargaggoota: Bu\u2019uura Guddina Diinagdee Biyyaa"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Itoophiyaan biyya Afrikaa keessaa dinagdee guddachaa jirtudha. Kanaaf immoo, dhaloonni biyya keessaa gahee murteessaa qabu. Dhaloonni har\u2019aa kan barnoota, teeknoolojiifi qabeenya aadaa waliin qabu, Itoophiyaan akka Afrikaatti dinagdee dorgomaa taate ijaaruuf gumaacha guddaa taasisuu qaba. Itoophiyaan diinagdee cimaafi dorgomaa ta\u2019uu kan dandeessu yoo humni dargaggootaa barnoota, ogummaa, kalaqaafi hojii ofiin uumuu irratti bobbaate qofadha.<\/p>\n<p>\u200eAkka ragaan Baankii Addunyaarraa argamee mul\u2019isutti, guddinni diinagdee Itoophiyaa bara 2023tti dhiibbantaa 6.6\u20137.17 ture, bara 2024tti dhiibbantaa 7.3\u20137.6, bara 2025\/26\u2019ttimmoo\u00a0 dhibbantaa 8.9\u201310.2 ta\u2019uu ni addeessa. Kunis dinagdeen biyya keenyaa saffisaan guddachaa akka jirtu kan agarsiisudha.<\/p>\n<p>\u200e Biyyoota saffisaan guddatan hedduu keessatti humni guddaan dargaggootadha. Itoophiyaanis dargaggoota baay\u2019ee qabdi. Kun immoo sirnaan fayyadamnaan carraa guddaa argamsiisa. Keessumattuu gama barnootaatiin, qonna ammayyeessuun, carraa hojii uumudhaan, diijitaalaafi teeknooloojii fayyadamuun, seera kabajuufi nageenya eeguun, garaagarummaa siyaasaa cinaatti dhiisun tokkummaa cimsuun diinagdee biyyattii guddisuu keessatti dhaloonni ammaa, keessattuu dargaggoonni, gahee olaanaa qabu.<\/p>\n<p>\u200eJiraataan aanaa Dawwee Harawaa ganda Booraa, Mahaammad Awwal, qabsoo hidhannoorra turuun yeroo ammaa karaa nagaa namoota galan keessaa tokkodha. Dargaggoon kun akka jedhetti, yeroo ammaa kan nurraa eegamu lolaafi wal waraansa osoo hin taane dhimma misoomaafi guddina diinagdee dhuunfaa keenyaafi biyya keenyaa irratti xiyyeeffaachuu qabna jedhaniiru. Yeroo ammaa haalli sosochii diinagdee biyyaa haala gaariirra akka jiru eeruun, dhaloonni ammaa diinagdee biyyaa kanumarra akka guddatuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban gorsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eKana dura dogongora siyaasaa qabatanii turaaniin gara qabsoo hidhannootti seenee akka ture kan eeru dargaggoon kun, ilaalcha dogongoraa isaa irraa baratee gara misoomatti deebi\u2019uu isaa kaaseera. Dargaggoonni ilaalcha siyaasaa dogongoraan qabsoo hidhannoorra jiran uummata isaanii dararuufi bu\u2019uuraalee misoomaa barbadeessuu dhiisun gara misoomatti deebi\u2019uu akka qaban dhaamaniiru.<\/p>\n<p>\u200eJiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Sigee, Mahaammad Amaan, \u201cyeroon ammaa yeroo misoomati malee yeroo walii keenyatti walirratti dhukaasnu miti\u201d jedhaniiru. \u201cMisoomni diinagdee biyyaa hangam guddisuu akka danda\u2019uufi biyyi keenya hangam diinagdeen guddachaa akka jirtu hubannee karaa nagaan galuu filanne\u201d jedhaniiru. Kanaaf, dhaloonni ammaa beekumsa, ogummaa, hojii cimaafi kalaqa fayyadamuun misooma biyyaafi oomisha irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Itti dabaluunis, diinagdee biyyaa guddisu keessatti gaheen dargaggootaa guddaa waan ta\u2019eef dargaggoonni humnaafi dandeettii qaban hundaan diinagdee biyyaa guddisuu irratti hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.<\/p>\n<p>\u200eHayyuun diinagdee, Darajjee Dajanee gorsaa dhimma diinagdeefi invastimantii Afrikaati. Hayyuun kun kanaan dura biyyoota Afrikaa garagaraafi Gaanfa Afrikaatti dhimmoota diinagdee irratti bakka bu\u2019uun hojjetaa turaniiru. Diinagdee Itoophiyaa kan baroota darbaniin wal bira qabnee yeroo ilaallu, diinagdeen ishee yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan jirtuufi guddina saffisaa agarsiisaa jirti jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200e\u2019\u2019Itoophiyaan kanaan dura liqaa biyyoota biroo irraa argattu keessaa dhibbantaa 52 ol oomishaalee biyyoota alaa irraa galan bituuf oolchiti\u2019\u2019 \u00a0kan jedhan hayyuun kun, yeroo ammaa Itoophiyaan nyaataan of dandeessee gara biyyoota alaatti kan ergaa jirtu ta\u2019uu eeraniiru. Guddina diinagdeen Itoophiyaa irra jirtu guddina damdaneessadha jedhaniiru. Kana jechuunis gama damee qonnaan, invaastimantiin, industiriin, turizimiifi diinagdee diijitaalaan haala madaalawaa ta\u2019een guddina saffisaarra jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eBiyyoota addunyaa irratti saffisa olaanaan guddachaa jiran kudhan keessaa Itoophiyaan tokko kan jedhan Darajjeen, akka Afrikaatti Afrikaa Kibbaatti aantee sadarkaa lammaffaa irratti argamuu eeraniiru. Keessumattuu gama hojii misooma turizimiin hojiileen hojjetamaa jiran agarsiiftuu guddaadha jedhaniiru. Guddina biyya tokkoof humna namaa, qabeenya uumamaa, maallaqa, bu\u2019uuraalee misoomaafi hojiirra oolmaan seeraa murteessaa ta\u2019uu gorsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eKanaanis biyyi keenya yeroo ammaa sadarkaa gaariirra akka argamtu kan eeran hayyuun kun, kuni hundi wal tumsee guddina biyya keenyaa ariifachiisuu danda\u2019a jedhaniiru. Kanaaf barnootaan ogummaa cimsuun, qonnaan, daldaalaafi teeknoolojii babal\u2019isuun akkasumas siyaasaafi bulchiinsa gaarii keessatti hirmaachuun diinagdee biyyaa guddisuun gahee dhaloota ammaati jedhaniiru. Dhaloonni gahee isaanii sirriitti yoo bahatan, Itoophiyaa Afrikaa keessatti biyyoota dinagdeen dorgoman taasisuun akka danda\u2019amu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Itoophiyaan biyya Afrikaa keessaa dinagdee guddachaa jirtudha. Kanaaf immoo, dhaloonni biyya keessaa gahee murteessaa qabu. Dhaloonni har\u2019aa kan barnoota, teeknoolojiifi qabeenya aadaa waliin qabu, Itoophiyaan akka Afrikaatti dinagdee dorgomaa taate ijaaruuf gumaacha guddaa taasisuu qaba. Itoophiyaan diinagdee cimaafi dorgomaa ta\u2019uu kan dandeessu yoo humni dargaggootaa barnoota, ogummaa, kalaqaafi hojii ofiin uumuu irratti bobbaate qofadha. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5817,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5816"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5816"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5816\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5818,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5816\/revisions\/5818"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5817"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5816"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5816"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5816"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}