{"id":5819,"date":"2026-03-12T11:49:52","date_gmt":"2026-03-12T11:49:52","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5819"},"modified":"2026-03-12T11:49:52","modified_gmt":"2026-03-12T11:49:52","slug":"dhukkuboota-hin-daddarbine-sirna-soorataan-sirraaan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/12\/dhukkuboota-hin-daddarbine-sirna-soorataan-sirraaan\/","title":{"rendered":"Dhukkuboota Hin Daddarbine Sirna Soorataan Sirra\u2019aan"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Akka addunyaalessaatti dhukkuboota daddarboo hin taane qorichaan yaaluun qofti qormaata ulfaataa ta&#8217;aa jiraachuu gabaasni dhaabbilee fayyaa ni mul&#8217;isu. Nyaanni fayya-qabeessa ta\u2019e fayyaa namaa eeguufi saaxilamummaa dhukkuboota daddarboo hin taane kan haala jireenyaa sirna maleessa hordofanii dhufan kan xiqqeessu ta&#8217;uu ni himama. Dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaaf saaxilamuun baay&#8217;ee rakkachaa kan turan jiraataan magaalaa Kamisee, obbo Abduu Mahaammad, gara buufata fayyaatti deemuun dhukkuba kanaaf saaxilamuu erga hubataniin boodatti gorsa ogeessa fayyaa fudhachuun nyaata soogiddiifi zayitiin itti baay&#8217;ate akkasumas sukkaara hamma barbaadamuu ol ta&#8217;eefi mi&#8217;eessituuwwan nam-tolchee irraa of eeggachuun haalli fayyaa isaanii sadarkaa gaarii irra jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Sochii qaamaa gahaa taasisuun cinatti muduraafi kuduraa guyyuu kan sooratan ta&#8217;uu kan eeran jiraataan kun hunduu mana isaatti nyaataafi haala jireenya isaa yoo sirreeffate dhukkuboota daddarboo hin taaneen walqabatanii dhufan irraa bilisa ta&#8217;uu akka danda&#8217;an gorsaniiru.<\/p>\n<p>Dhukkuboonni daddarboo hin taane yeroo ammaa babal&#8217;achaa jiraachuu itti aanaan itti gaagatamaa Buufata Fayyaa magaalaa Naqqamteefi ogeessi Kilinikaal Faarmaasi Asaffaa Baqqalaa (Dr) himaniiru. Dhukkuboonni daddarboo hin taane kanneen akka dhukkuba onnee, dhukkuba kaansarii, dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba dhibee qaamolee hargansuufi dhiibbaa dhiigaa kan ofkeessatti hammatanidha. Namoonni alkoolii garmalee dhugan, nyaata coomaafi mi\u2019aawaa nyaatan, tamboo aarsan, sochii qaamaa hin taasifne dhukkuboota daddarboo hin taaneef saaxilamuuf carraa guddaa akka qaban ibsaniiru.<\/p>\n<p>Dhukkuboonni daddarboo hin taane dabaluu isaaniif sababni guddaan nyaata warshaalee kolestiroolii irraa bilisa hin taane yeroo hunda nyaachuufi sochii qaamaa taasisuu dhabuurraan kan dhufu ta&#8217;uu ogeessichi himaniiru. Cooma hinbarbaachifne, soogiddaafi sukkaara hamma barbaadamuu ol ta&#8217;eefi mi&#8217;eessituuwwan nam-tolchee irraa of qusaachuun karaalee dhukkubicha irraa of eegan akka ta&#8217;e kaasaniiru. Tatamsa&#8217;inni dhukkuba kanaa baay\u2019achuun isaa irra caalaan haala nyaataafi jireenyaa eeggannoo hin qabne irraa kan ka\u2019e ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Dhiibbaan dhiigaafi dhukkuba sukkaaraa saffisaan dabalaa jiru sochii qaamaa taasisuufi soorata fayyaalessa nyaachuun ittisuu qabna jechuun gorsaniiru. Kanaaf hawaasni nyaataafi haala jireenyaa dhukkuboota daddarboo hin taaneef isa saaxilu sirreessuun, fayyaa ofii eeguu akka qabu ogeessichi cimsanii hubachisaniiru. Dooktar Asaffaan, namoonni dursanii dhaabbilee fayyaa deemuun qorannoo dursaa (screening) taasisuun haala fayyummaa isaanii adda baafachuun eeggannoo akka taasisanis gorsaniiru.<\/p>\n<p><strong><em><u>Dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf eegganoo taasifamuu qaban<\/u><\/em><\/strong><\/p>\n<p>~soogidda, sukkaaraafi cooma barbaachisaa hin taane fudhachuu dhiisuu<\/p>\n<p>~guyyaatti yoo xiqqaate kuduraafi muduraa giraama 400 fudhachuu<\/p>\n<p>~dhiibbaa dhiigaa to\u2019achuuf soogidda guyyaatti giraama 5 gaditti fudhachuu<\/p>\n<p>~nyaata warshaa keessatti qindaa&#8217;e kan kaalorii baay&#8217;ee qabu, sukkaaraafi soodiyemii baay\u2019ee qabu nyaachuu hir\u2019isuu<\/p>\n<p>~pirootiinii fayyaaf barbaachisaniif dursa Kennuu<\/p>\n<p>~Pirootiinii beelladootaafi fuduraalee irraa argamu (qurxummii, hanqaaquu) ykn muduraafi kuduraa soorachuu<\/p>\n<p>~sochii qaamaa (yoo xiqqaate guyyaatti daqiiqaa 30 taasisuu)<\/p>\n<p>~soorata madaalamaa soorachuu (muduraafi kuduraa yeroo baay&#8217;ee soorachuu)<\/p>\n<p>~tamboo aarsuu dhiisuufi dhugaatii alkoolii dhaabuudha<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Akka addunyaalessaatti dhukkuboota daddarboo hin taane qorichaan yaaluun qofti qormaata ulfaataa ta&#8217;aa jiraachuu gabaasni dhaabbilee fayyaa ni mul&#8217;isu. Nyaanni fayya-qabeessa ta\u2019e fayyaa namaa eeguufi saaxilamummaa dhukkuboota daddarboo hin taane kan haala jireenyaa sirna maleessa hordofanii dhufan kan xiqqeessu ta&#8217;uu ni himama. Dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaaf saaxilamuun baay&#8217;ee rakkachaa kan turan jiraataan magaalaa Kamisee, obbo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5820,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5819"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5819"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5819\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5821,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5819\/revisions\/5821"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5820"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5819"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5819"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5819"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}