{"id":5822,"date":"2026-03-12T11:54:36","date_gmt":"2026-03-12T11:54:36","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=5822"},"modified":"2026-03-12T11:54:36","modified_gmt":"2026-03-12T11:54:36","slug":"gahee-og-aartiin-injifannoo-adwaa-irratti-gumaache","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/03\/12\/gahee-og-aartiin-injifannoo-adwaa-irratti-gumaache\/","title":{"rendered":"\u00a0\u200eGahee Og-Aartiin Injifannoo Adwaa Irratti Gumaache"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoon Adwaa waraana guddaa Itoophiyaanotaafi humnoota koloneeffattoota Xaaliyaanii gidduutti taasifamedha. Waraanni kun Bitootessa 1 bara 1888, naannawa magaalaa Adwaa keessatti gaggeeffamee, injifannoo Itoophiyaanotaatiin kan goolabamedha.<\/p>\n<p>\u200eInjifannoon Adwaa gootota meeshaa waraanaa hidhatanii duulan qofaan osoo hin taane, weellistoonni masinqoo isaanii qabatanii walaloofi yeedaloo uumaa deemanis gumaacha guddaa taasisaniiru. Seenaa gootummaa kana keessatti gaheen loltootaa, abbootii, dargaggootaa, dubartootaafi qaamolee adda addaa yeroo hedduu faarfamaa turus, seenaan wallistootaafi oolmaan isaan lola Adwaa keessatti biyyaaf oolan bal\u2019inaan osoo hin kaafamin hafee tureera.<\/p>\n<p>\u200eOg-aartiin yeroo waraanaa keessatti kaka\u2019umsa loltootaa guddisuuf gahee guddaa taphateera. Yeroo sirboonni sirbaman, onneen loltootaa jabaatee abdii isaanii akka cimu taasisaa tureera. Sirboonni gootota darban yaadachiisuudhaan loltoota gara fuulduraatti kakaasuu danda\u2019an sagalee yeedaloofi geerarsaan dabaalamanii, loltoota gidduutti wal-hubannaafi tokkummaa cimsaa turaniiru. Kunis loltoonni humna tokko ta\u2019anii akka socho\u2019an taasiseera. Geerarsi yeroo lolli adeemsifamu, injifannoofi gootummaa dhaloota durii yaadachiisuudhaan kaka\u2019umsaafi miira gootummaa loltoota keessatti uumaa tureera.<\/p>\n<p>\u200eSeenaa keessatti weellistoota yeroo sana turan keessaa muraasni kan eeraman Alaqaa Taayyee Gabra Maariyaam, Alaqaa Gabra Haannaa, weellisaa mootii Miikaa\u2019el qaro dhabeessa, Hasan Amaanuufi Weellisaa Xaadiqqeedha. Duula guddaa Adwaa keessatti wallistoonni warra dadhabe jabeessuun, warra nahee gootessuun, goota injifannoo fide faarsuun loltootaaf nyaata onnee kan ta\u2019e hamilee taasisaniiru. Kunis injifannoon sun akka dhugoomu gumaacha guddaa taasisuu isaanii agarsiisa.<\/p>\n<p>\u200eSaayiduu Mahaammad miseensa garee Hawwisoo Addeessa Waarii aanaa Dawwee Harawaati. \u201cMuuziqaan anaaf jireenya kooti\u201d kan jedhe Saayiduun, muuziqaan quuqaa garaa ofii kan ittiin ibsatan, miira gaddaafi gammachuu, akkasumas miira gootummaafi jiruuf jireenya hawaasaa ibsuuf akka gargaaru ibseera. Kanamalees, yeroo injifannoo Adwaa keessatti wallistoonni sirbaa, geerarsaafi yeedaloon loltoota kakaasuun miira gootummaa akka itti dhaga\u2019u taasisuu isaanii dubbataniiru. \u201cNutis akka garee Hawwisoo keenyatti muuziqaatti fayyadamnee aadaafi duudaa hawaasaa beeksisuun, ijaarsa biyyaafi tokkummaa uummataa cimsuuf gahee keenya ni baahanna,\u201d jedheera.<\/p>\n<p>\u200eWaajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii aanaa Dawwee Harawaatti ogeessa misooma turizimii kan ta\u2019an Mootummaa Margaa, Adwaa irratti loltoota qofa osoo hin taane weellistoonni gahee guddaa taphachaa turuu ibsaniiru. Akka isaan jedhanitti, weellistoonni gootota Adwaa waliin walqixa duulanillee seenaan isaanii qixa sirriin yaadatamaa hin jiru. Injifannoon Adwaa kan waraanaa, gaachanaafi goraadeen argame qofaa osoo hin taane, humna og-aartiitiinis gumaacha guddaa kan argamedha jedhaniiru. Weellistoonni meeshaalee muuziqaa isaanii qabatanii hamma sarara waraanaatti deemuun loltoota kakaasuun gahee isaanii bahachaa turuu himaniiru.<\/p>\n<p>\u200eYunivarsiitii Wallootti, barsiisaan muuziqaa Ayicheewu Tilliqaalam gamasaaniin, yeroo sana maatii mootii biratti weellistoonni dhuunfaa akka turan yaadachiisaniiru. Akkasumas waraana Adwaa irratti weellistoonni masinqoo isaanii qabatanii kan duulan ta\u2019uu isaanii kaasaniiru. Akka isaan jedhanitti, weellistoonni gootota faarsuun, diina xiqqeessuun, loltootaaf hamilee kennuun, akkasumas goota injifannoo argate injifannoo biraaf kakaasuun hojii seenaa hojjechaa turaniiru.<\/p>\n<p>\u200e\u201cMuuziqaan onnee kakaasaadha. Namni onnee hin qabne immoo waan fedhe yoo hidhate hiika hin qabu,\u201d kan jedhan hayyuun kun, loltoonni uummataafi onnee guutuun \u2018biyyi koo hin injifatamtu\u2019 jedhanii akka lolan taasiseera jedhaniiru. Kunis gumaacha weellistoonniifi humni og-aartii lola Adwaa keessatti qaban hammam cimaa akka ta\u2019e kan agarsiisu ta&#8217;uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Masiinqoon sagalee olka\u2019aa waan qabuuf loltoota duula Adwaa keessatti geerarsaan, walaloofi yeedaloon kakaasuuf meeshaa muuziqaa aadaa filatamaa ta\u2019ee tureera jedhaniiru. Dabalataanis, qabachuuf salphaa waan ta\u2019eef weellistoonni waraana sana irratti hirmaachuun bu\u2019aa qabeessa akka ta\u2019an isaan dandeessisuu ibsaniiru. Walaloon isaanii gootota faarsuu qofa osoo hin taane quuqaafi yaada garaa isaanii ibsaa turedha.<\/p>\n<p>Fakkeenyaaf,<\/p>\n<p><em>\u200e\u201c<\/em><em>\u1308\u1260\u12e8\u1201<\/em> <em>\u1262\u121e\u1275<\/em> <em>\u1270\u1270\u12ab<\/em> <em>\u1263\u120d\u127b<\/em><\/p>\n<p><em>\u200e<\/em><em>\u1218\u12f5\u134d<\/em> <em>\u12a0\u1308\u120b\u1263\u132d<\/em> <em>\u1265\u127b<\/em> <em>\u1208\u1265\u127b<\/em><em>\u201d<\/em> jechuun walaloofi yeedaloon mi\u2019eessanii dhaloota har\u2019aatti akka ce\u2019u taasisaniiru. Kanaafis dhaloonni har\u2019aa seenaa isaa salphaatti akka hubatuuf muuziqaan gumaacha guddaa qabaachuun isaa ni hubatama jechuun barsiisaan kun ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Injifannoon Adwaa waraana guddaa Itoophiyaanotaafi humnoota koloneeffattoota Xaaliyaanii gidduutti taasifamedha. Waraanni kun Bitootessa 1 bara 1888, naannawa magaalaa Adwaa keessatti gaggeeffamee, injifannoo Itoophiyaanotaatiin kan goolabamedha. \u200eInjifannoon Adwaa gootota meeshaa waraanaa hidhatanii duulan qofaan osoo hin taane, weellistoonni masinqoo isaanii qabatanii walaloofi yeedaloo uumaa deemanis gumaacha guddaa taasisaniiru. Seenaa gootummaa kana keessatti gaheen loltootaa, abbootii, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":5823,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5822"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5822"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5822\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5824,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5822\/revisions\/5824"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5823"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5822"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5822"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5822"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}